Chaayinoota boolla albuudaatti awwaalamanii turan keessaa 11 lubbuun bahan

Hojjetoota albuudaa Chaayinaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hojjetoota albuudaa Chaayinaa

Lammileen Chaayinaa boolla albuuda keessaa baasan meetira 600 gadi fagaatu keessatti awwaalamanii kanneen turan keessaa 11 lubbuun bahuu danda'aniiru.

Namoonni boolla albuudaa kana keessatti awwaalaman 22 turan.

Akka saba himaaleen Chaayinaa gabaasanitti namoota boolla meetira 600 gadi fagaatu kana keessatti torban lamaaf turan keessaa saglan isaanii lubbuun baasuun danda'ameera.

Amajji 10, 2021 boolla warqee Hushaan Chaayinaa Shaandong keessatti argamutti ture kun kan dhalate. Dho'iinsa ulaa boollichaarratti uumameen karaan bahan cufannaan hojjetoonni albuuda baasuuf boolla seenan kunneen achumatti ukkaamfamanii hafan.

Yeroo dho'insi qaqqabe sanatti hojjetoonni 11 balaa qaqaberraa kan hafan ta'ullee isaan keessaa tokko garuu turee lubbuun isaa dabarteetti.

Namoota boollaa keessatti argamaniif telekoomunikeeshiniin tolfamaaf kan jiru yoo ta’u, nyaataafi qorichi ammoo qaawwa xiqqoodhaan isaaniif ergamaa jira.

Sababiin dho’insichaa maal akka ta’e hanga ammaa waanti beekame hin jiru.

Nama tokko kan qophaa isaa boolla keessaa baafame akka ifti ija isaa hin miineef jecha uffataan maranii hospitaala geessuu namoonni argan ni dubbatu.

Namni qophaa bakka warra 10 nyaataafi bishaa galaaf tureen addadha.

Namoonni 11 lubbuun bahnii tokko yoo du’u, 10 ammallee boolluma keessa jiru.

Akkamiin awwaalaman?

Karaan gara boolla albuudichaatti geessu hedduu miidhameera. Miidhaa dho’insa ka’umsi isaa hin beekamne kanaan karaan ittiin walqunnaman guutummaan guutuutti citeera.

Torban tokkoof akka isaan lubbuun jiran wanti beekame hin turre. Torban har’aa garuu hojjetoonni yeroo balaa funyoo/wadaroon karaa qaawwa xiqqoo ergan akka gottotamu itti dhagahame.

Isaan booda waraqaa cittuu irratti hojjetoonni albuuda baasan 12 [11n isaanii bakka tokko, tokko ammoo isaanirraa xiqqoo gadi fagaatee] lubbuun akka jiran ibsuun ergaa ol ergatan.

Isaan booda walitti dhufeenyi nama isa qophaa turee waliin taasifamu addaan cite. Gama biraan ammoo warra 11n keessaa inni tokko sababa dho’insaan balaa irra gaheen miidhamee Kamisa du’uun isaa barameera.

Hojjetoota albuudaa Chaayinaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hojjetoota albuudaa Chaayinaa

Chaayinaatti balaan albuuda baasuu waliin walqabatee uumamu baratamaadha. To’annoon nageenyaa baay’ee laafaadha. Mudde darbe albuuda cilee keessatti Kaarbon-monoksaayidii gadi dhiifameen namoonni 23 du’aniiru.

Rakkoo walfakkaatuun Fulbaana keessas namoonni 16 du’aniiru. Bara 2019 keessa Kibba-lixa Chaayinaatti dho’insa bakka albuuda baasanitti qaqqabeen namoonni 14 du’anii ture.