Koronaavaayiras: Ministirri Covid-19 ofirraa ittisuudhaaf dhugaatii jajjabeessitu vaayirasichaan qabamte

Ministira Fayyaa Sirilaankaa

Madda suuraa, AFP

Ministirri Fayyaa Sirilaankaa biyya ishee koronaavaayirasii ittisuudhaaf dhugaatii biqiltuurraa hojjetame akka fayyadamtuuf jajjabeessitu ofiifuu koronaavaayirasiin qabamte.

Ministiri Fayyaa Paaviitiraa Waaniiraachiichii torbana kana keessa koronaavaayirasiitnn qabamuu ishee dameen miidiyaa ministeera fayyaa BBCf mirkaneesseera.

Beektonni qoricha aadaa biyyattii dhugaatii koronaavaayirasii ittisuuf gargaaru bara jireenyaaf gahu omishuu isaanii hordofee ministirittiin biyyattiin akka fayyadamtuuf jajjabeessaa turteetti.

Paaviitiraa Waaniyaaraachiichii dhugaatii koronaavaayirasii ittisuuf jedhame kanas osoo dhuganii argamaniiru.

Erga weerarri koronaavaayirasii jalqabee kaasee SIrilaankaatti namoonni kuma 56 fi 76 kan qabaman yoo ta’u namoonni 276 ta’an ammoo dhibee kanaan du’aniiru.

Yeroo dhiyoo keessatti ammoo saffisaan dabalaa jira jedhameera biyyattii keessatti. Ministirri fayyaa kun ministira afraffaa koronaavaayirasiin qabaman taateetti.

Dhugaatiin koronaavaayirasii ittisa jedhame kun dammaafi gaawuzaa dabalatee wantoota biroorraa ‘qammamanirraa’ kan hojjetamu yoo ta’u, hakiin aadaa makaan qorichaa kun abjuudhaan akka kennameef dubbate.

Ogeessonni fayyaa biyyattii qorichi koronaavaayirasii ittisa jedhame kun hin mirkanoofne jedhaniyyu, lammileen kun hedduutti lakkaa’aman gara mandara beekaan qorichaa aadaa kun jiraata jedhametti deddeebiyaa turan jedhameera.

Ministirri fayyaa kun si’a lama qorannoo Covid-19 taasifattullee, si’a lamaanuu akka vaayirasichaan qabamteettu agarsiisuu isaa barreessaan dhimmi miidiaa ministeerichaa Viraaj Abiysiingee dubbateera.

Ministira Fayyaa

Madda suuraa, AFP

Ministirittiifi guutummaan maatii ishee akka adda of baasuun turanis gaafatamaniiru. Sirilaankaan lammileen ishee talaallii Aksifoord-Astiraazaanekaa akka talaallamaniif hayyama kenniteetti.

Talaalliin jalqabaa marsaan duraa ji’a itti aanu qaqqabas jedhameera.

Ministiroota ykn aanga’oota mootummaa biyyootaa qoricha koronaavaayirasii akka fayyisu hin mirkanaa’iin jajjabeessan keessaa isheen kun kan jalqabaa miti.

Waggaa darbellee Pirezedaantiin Maadagaaskaar Andirii Raajoliinaa qorichi koronaavaayirasii fayyisu baala irraa hojjetame argameera jechuun isaanii qeeqa guddaa irratti kaasee ture. Magaalaa biyyattii keessattis osoo qorichicha rabsanii argamanii ture.

Weerarri koronaavaayirasii erga jalqabee gaggeessitoonni biyyaa, ministiroonniifi aanga’oonni vaayirasichaan qabamaniiru.

Pirezedaantii Firaans Imaanu’eel Maakiroon, MM UK Booriis Joonsanifi Doonaald Tiraamp qabamanii warra fayyan keessatti argamu.