Lola Tigraayi: 'Rakkoon buqqaatotaa fi jiraattota mudachuuf malu na yaaddessa'

Baqattoota Itoophiyaa Tigraay irraa Sudaanitti baqatan

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa, haalli naannoo Tigraayii fi naannooshee keessa jiru, haalli nageenyaa namoota nagaafi kanneen sababii waraanaan qe'eesaanii irraa buqqa'anii yaaddeessaa fi gara rakkina namoomaattii geedaramuu danda'a jedhe.

Komishinich ibsa Wiixata Amajjii 18, 2021 baaseen akka jedhetti, namoota kanneeniif deeggarsi namoomaa hatattamaafi gargaarsi kaan dhiyaachuu qaba.

Komishinichi naannoo Tigraay fi daanagaalee naannoo Amaaraa tokko tokkotti imaluun miidhamtoota, qaamolee mootummaa fi mit-mootummaa akkasumas kanneen biroo dubbisuun ragaan agatee irratti hundaa'uun gabaasa kana akka baase hima.

Iddoowwan akka Daanshaa, Humaraa, Ulaagaa fi Biisobar daawwachuun, sababii lola gaggeeffameetti namoonni nagaa ajjeefamuu fi miidhaan qaamaa qaqabuu, hanni mana jireenyaafi iddoowwan daldalaa raawwatamu akka hubate ibseera komishinichi.

Haaluma kanaanis Biisobariifi Ulaagaatti namoonni nagaa 31 yoo ajjeefaman, manneen 104 guutummaa ykn gartokkeen gubatanii, manneen barnootaafi buufata fayyaa irra miidhaan qaqaabeera jedhe.

Tajaajilliwwan akka ibsaafi bishaanii adda citee ture ammas deebi'uu dhabuunsaa, jiraattoota naannichaafi buqqaatota balaa caalaaf saaxilu danda'a yaaddoo jedhu qabaachuus Komishinichi ibseera.

Haaluma walfakkaatuun Humaraafi Daanshaatti manneen jireenyaa dhunfaa ta'aniifi kan daldalaa dabalatee dhaabbilee tajaajilaa irra saamichiifi miidhaan qaqabusaas hima.Namoonni sababii eenyummaa isaanitiin ykn sababii hir'ina nagaa naannoosaanitiin akka yaadda'an Komishinichatti himaniiru.

Walumaagalattis, magaaloota arfan kanneen keessatti haalli yaaddoo nageenyaa fi qaamooleen seeraa gara hojiisaanii idileetti deebii'uu dhabuun, nageenya namootaa eegsiisuufi eegumsa mirga namoomaa mirkanneessuuf rakkisaa taasiseera jedhe.

Komishinarri Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Dr Daani'el Baqqalaa kanaan walqabatee miidhaawwan hedduun qaqqabuu akka danda'an yoo himan, ''Haalli nageenyaa bakkeewwan doowwataman jiru, fedhii deeggarsa namoommaa jiraattotaas ta'e kanneen naannoolee ollaa Tigraay irraa buqqa'anii akka dabaluufi dandeettiin dandamannaa isaanii haala cimaan rakkoo keessa akka galu taasiseera,'' jedhan.

Dabaluunis miidhamtoonni Komishinichi dowwatan irra caalaan kan jiraattota naannichaatiin deeggarsi taasifameef ykn ammoo kan deeggarsa marsaa tokkooffaa qofa argataniidha jedheera.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu

Kanaafuu ''miidhaan naannooleefi namoota nagaa irra gahe kun qindoomina cimaafi hatattamaa qaamolee dhimmisaa ilaallatuu hundaa kan gaafatuudha,'' jechuun ibseera.

Komishinichi dowwannaa amma iddoowwan muraasatti taasiseen alatti marsaa alammaaffaan magaalaa Maqaleefi naannoolee Tigraay biraa dowwachuun miidhaawwan balaa waraanaan qaqqabaniifi dhimmoota mirga namoomaa qorachaa akka jiru, wayita qorannicha xumureetti ammoo gabaasa kan dhiyeessu ta'uu hima.

Ka'umsi maal ture?

Lola naannoo Tigraay Sadaasa 4, 2020 eegalee hordofees namoonni hedduun miidhaa qaamaa saaxilamuun akkasumas qe'eesaanii irraa buqqaafamuun himamulleen sababii malliwwan quunnamtii hinjirreef lakkoofsi addatti mirkanaa'ee hinjiru.

Haata'u malee odeeffannoon dhaabbata UNHCR irraa argame akka mul'iseetti lammiilee kuma 56 ta'an daangaa qaxxaamuruun gara Sudaaniitti baqataniiru.

Kanneen biyya keessatti qe'eefi qabeenyaa isaanii irraa buqqaafamuun hir'inna deegarsa namoommaa eeggataa jiran ammoo haalaa baayyee ta'u, dhaabbileen gargaarsaa naannicha dowwatan ni himu.