'Ajjeechaa Haacaaluu hordofee namoonni 123 ajjeefaman, 500 ol miidhaman' - Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa

Ibsa Komishinii Mirgoota Namoomaa

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa dhiittaawwan mirgoota namoomaa ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda guyyoota sadi jiranitti naannoo Oromiyaa keessatti raawwataman ilaalchisee mata duree 'Mootummaan kan jiru hin fakkaatu ture' jedhuun gabaasa baase.

Gabaasni kun qorannoo ogeeyyin Komishinichaa kutaalee Oromiyaa garaagaraa iddoowwan 40 ta'anitti adeemsisan of keessatti kan qabate akka ta'e komishinarri komishinichaa Dr Daani'el Baqqala himaniiru.

Qorannichaan miidhamtoota fi maatii isaanii, namoota dhimmicha ijaan argan, ogeeyyii fayyaa, qaamolee mootummaa, humnootii nageenyaa gaafachuu fi sanadoota garaagaraa walitti qabuun kan qindaa'e akka ta'e himameera.

Artiist Haacaalu Hundeessaa guyyaa Wiixataa galgala ALI Waxabajjii 22 bara 2012 Magaalaa Finfinnee naannoo Galaan jedhamuutti itti dhukaafamee ajjeefamunsaa ni yaadatama.

Argannoowwan qorannichaa maal jedha?

Gabaasni Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa "hookkara ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda naannoo Oromiyaa iddoowwan garaagaraatti uummameen lubbuun namootaa karaa sukkaneessaa ta'een darbeera, miidhaan qaamaa fi xinsammuu qaqqabeera, qabeenyi manca'eera, akkasumas namoonni qabeenya isaanirraa buqqa'aniiru" jedha.

Komishinichi hookkara guyyoota sadeen ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda jiranitti namoonni 123 du'uu, yoo xiqqaate namootni 500 qaama miidhamuu, kumaan kan lakka'aman ammoo iddoo jireenyaa isaaniitii buqqa'uu fi qabeenyis manca'uu hima.

Namoota lubbuun darbe 123 keessaayis namoonni 35 namoota fi gareewwan hookkaricha keessatti hirmaatanin kan ajjeefaman yoo ta'u, yoo xiqaaate namoonni 76 immoo humnootii mootummaatin ajjeefamuu isaanii gabaasichi himeera.

Namootni haala sukkaneessaa ta'een ajjeefamuu kan himan komishinarri Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Dr Daani'el Baqqala "gochaan raawwatame yakka namummaa irratti raawwatamedha" jedhan.

"Haleellichi kan xiyyeeffate namoota gariin sabummaa gariin immoo amantaa isaaniitin adda baasun mana isaaniitii adamsuun kan raawwatamedha. Gama biraatin immoo namoota siiviilii saba fi amantaa kamiyyuu ta'an irratti ta'e jedhamee kan raawwatamedha" jechuunis himaniiru.

Iddoowwan baay'eetti jiraattoota haleellaawwan akkanaa irraa dursanii ittisuuf qophiin dursaa mootummaa naannichaan taasifame jiraachuu dhabuun lammiilee miidhaadhaaf saaxiluu isaas komishinarichi dabaluun dubbatan.

Dhiittaawwan mirgoota namoomaa humnootii mootummaan raawwataman

Tarkaanfii humnootni nageenyaa hookkara uummame dhaabsisuuf fudhatan ilaalchisee komishinichi "rakkoo nageenyaa iddoowwan garaagaraatti uummametti qaamoleen nageenyaa haala lubbuu isaanii aarsaa godhuun kan bobba'an ta'uu isaatin itti gaafatamni isaanii cimaa ta'uu tilmaamuun danda'amus, itti fayyadamni humnaa iddoowwaan garaagaraatti ture madaalawaa ta'uunsaa gaafii guddaa kan kaasudha" jedha.

Akka fakkeenyaattis Dodolaa, Adaamaa, Burraayyuu, Amboo fi Awwadaayitti "namoonni qaamolee nageenyaa mootummaan mataa, adda, lapheefi dugdi isaanii rasaaasaan rukkutamee ajjeefaman ni jiru" jedha gabaasichi.

Miidhamtoota keessaayis namoonni hiriira keessa hin turre, kunneen balbala mana jireenyaa isaaniirratti ajjeefaman, jaarsoliin waldhabdee dargaggoota fi poolisii gidduutti ummame furuuf gidduu kan seenan, namoonni dhukkuba sammuu qaban fi daa'imman akka jiran komishinichi himeera.

Iddoowwan muraasa kan akka Amboo fi Ginciitti namoonni gareen ijaarramanii meeshaa waraanaan qaamolee nageenyaa ajjeesan fi miidhan akka jiranis gabaasichaan himameera.

Haa ta'u malee iddoowwan baay'eetti humnootin mootummaa meeshalee miidhaa salphaa qaqqabsiisanirra meeshaalee lubbuu namaa balleessan fayyadamuu isaanii gabaasichi himeera.

Yaadawwan Komishinichaa

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa qaamolee mootummaa fi miti mootummaa dhiittaan mirgoota namoomaa ilallatuf tarkaanfii gara fulduraa ilaalchisee yaada kan kenne yemmuu ta'u, "mootummaan federaalaa fi naannoo Oromiyaa namoonni dhiittaawwan mirgoota namoomaan shakkaman murtee haqaaf akka dhiyaatan fi akka gaafataman gochuu qabu" jedheera.

Naannoo Oromiyaattis ta'e kutaalee biyyattii birootti yakki hammeenyaa uummamuu kan danda'u ta'uusaa hubachuunis yakkoonni sukkaneessaa akka hin uummanef yaaddoowwan jiran adda baasun sirni of eeggannoo dursaa fi ittisaa qindaa'aa ta'e diriiruu akka qabus komishinichi dhaamera.

Kana malees iddoowwan haleellaa sabummaa fi amantaa bu'ura godhachuun raawwatamanif saaxilamoo ta'anitti eegumsi cimaa akka taassifamus Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa yaada kenneera.

Tarkaanfii qaamoleen nageenyaa haleellaa gareewwan garaagaraa fudhatan dhaabsisuu fi ittisuuf fudhatan irratti qorannoo walaba fi bilisa ta'e gochuun kunneen balleessaa raawwatanis seeratti akka dhiyaatan waamicha dhiyeessee jira.

Qabiinsi namoota to'annoo jala oolanii bifa mirga namoomaa isaanii kabajeen akka ta'u akkasumas poolisoota shakkamtoota irratti miidhaa qaamaa qaqqabsiisan irratti qorannoo gochuun itti gaafatamummaan akka mirkanaa'uf komishinichi yaada dhiyeessee jira.

Ka'umsi maal ture?

Ajjeechaa aatriist Hacaaluu Hundeessaa Waxabajjii ALI 22, 2012tti raawwatamee hordofuun hookkarri naannoo Oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti umamuunsaa ni yaadatama.

Adeemsa gaggeessaa reeffa Hacaaluutiin walqabatees oggantoota paartilee siyaasa Oromoo olaanoo kan akka Jawaara Mohaammadiifi Baqalaa Garbaa dabalatee namoonni hedduun Magaalaa Finfinneetti to'annoo jala oolfaman.

Isaan boodas guyyoota ajjeechaa Haacaaluutiin booda turan sadan keessatti hookkora umameen walqabateen namoonni kumaatamaan lakkaa'aman naannicha keessatti bakkeewwan garaa garaa irraa to'annaa jala oolfamuunsaanii gabafamuun ni yaadatama.

Hookkara umamee tureenis badiinis lubbuufi qabeenyaa, hanni akkasumas miidhaan xiqqaa hanga olaanaa namootarra qaqabuun gabaafameera. Hookaruma ajjeechaa Haacaaluun booda umamee tureen walqabatees torbanootaaf tajaajilli intarneetii biyyattiitti aada cite akka ture ni yaadatama.

Aartiisti Hacaaluu Hundeessaa abbaa ijoollee sadiifi aartiistii qaxalee hojiiwwan muziqaa isaa hedduun ummata Oromoofi kaan biratti illeen jaalaalaafi kabaja horate ture.

Hacaaluun Waxabajjii 22 bara 2012 Magaalaa Finfinnee kan ajjeefame yoo ta’u owwaalchi isaa Waxabajjii bultii 25, bara 2012 magaalaa Ambootti raawwate. Hacaaluun erga Waxabajjii keessa ajjeefameen boodas namoota sadii ajjeechaa isaa duuba jiru jedhamuun shakkaman irratti himannaan banamee, dhimmisaanii mana murtiitti ilaalamaa jira.