Tamir Raayis: Poolisoota mucaa ganna 12 ajjeesan irratti himatni hin banamu jedhame

Ajjeefamuun Tamir Kiliivlaandi fi magaalota birootti mormii cimaa kaase ture

Madda suuraa, Rooyitars

Ibsa waa'ee suuraa, Ajjeefamuun Tamir Kiliivlaandi fi magaalota birootti mormii cimaa kaase ture

Dippaartimantiin Haqaa Ameerikaa qorannoo bara 2014 mucaa dhiiraa gurracha ganna 12 Tamir Raayis ashaangullitii ykn intalashee qawwee fakkaatu baaturratti raawwate cufuu beeksise.

Diippaartimentii Haqaa US Ohaaayoo, Kiliivlaanditti poolisoota adii lama daa'ima rasaasaan dhahanii ajjeessan irratti akka himata hin banne beeksiseera.

Ajjeechaan kun garuu qalbii namoota kan harkiiseefi mormii jibba sanyummaa Ameerikaa keessatti tureen walqabata.

Waggoota shanan kana gartuun abbootii murtii (grand jury) himannaan poolisota kanarratti dhiyeessurra of qusatan.

Ibsa Kibxata DIppaartimeentiin Haqaa biyyattii baaseerratti abbaan alangaa ‘'ragaa quubsaa himannaa yakkaa kanatti hundeessu barabaachisu hin argannee’’ jedhe.

Galmeen himannaa kunis cufameera.

Ajjeechaan Tamir Raayis gaddisiisaa ta’ullee gartuun mirgaa sivilii fi waajjirri abbaa alangaa US dhimmichi tumaa seeraa federaalaa hin cabsinee’’ jechuun Dippaartimantiin Haqaa biyyattii ibseera.

Poolisoonni lamaan; Timootii Lohimaan fi Firaank Jarmabaak giddugaleessa bashannanaa tokko cinatti mucaan dhiira qawwee waan fakkaatu qabate argamuu gama toora bilbilan kan itti himame hordofuun deebii kennan jedhameera.

Kaameeraan wayita dhukaasni baname sana sirriitti agarsiisuuf akka hin dandeenye ibsa kana keessatti eerameera.

Poolisoonni kun lamaan Raayiz meeshaa harkaatti baatu akka gatu itti himneerra jedhu- garuu, meeshicha gatuu dideetu nutti qabe jedhan.

Raayiz erga ajjeefamee booda poolisoonni kan harkaatti baatu intalashee ykn ashaangullitii qawwee fakkaatu ta’uu mirkaneessaniiru.

Poolisiin dhukaasa bane Timootii Lohimaan, waggaa sadiin booda foormii hojii ittiin seenerratti waan dharaa barreessuun waggaa sadiin booda hojiirraa ariyatameera.

Ajjeechaa raawwateef himannii kan irratti hin dhiyaannee ta’us, magaalaan Kiliivlaand dolaara miliyoona jaha maatii mucaa ajjeefameef kaffaluuf bara 2016 waliigaluun isaanii ni yaadatama.

Abuukaatoonni maatii akka himanitti, haati Raayis murtoo kennametti gadduu himaniiru.