Boordii filannoo: 'Dhimmi TPLF tibba galmee paartileetti ilaalama'

Soliyaanaa

Madda suuraa, NEBE

Tarkaanfii waraanaa naannoo Tigraayiitti gaggeeffame hordofuun aanga'oonni isaa seeraan barbaadamaa kan jiru dhimmi TPLF, galmee paartilee siyaasaa dhiheenya gaggeeffamuun kan ilaalamu ta'uu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksise.

Erga haleellaan humnoota TPLFn waraana biyyattii Ajaja Kaabaa kan Naannoo Tigraay buufatee ture irratti raawwatameen booda, duula motummaan federaalaa ''seera kabachiisuudha'' jechuun fudhateen, garee aanga'oota bulchiinsa naannichaa irraa buusee to'achuuf ajaja baasuun barbaachaa jiraachuun ni beekama.

Daarektarri Komunikeshinii Boordii Filannoo Biyyaalessaa, Soliyaanaa Shimallis BBCtti akka himaniitti, filannoo bara kanatti gaggeeffamuuf karoorfameen dura galmeen paartilee akka haaraatti kan ilaalamu waan ta'eef dhimmi TPLF kana waliin ilaalama jedhan.

Yeroo sanatti ''adeemsi raggaasisuu galmee tokko tokkoo paartilees ni raawwata,'' jedhan.

Haata'u malee boordichi hanga ammaatti TPLF ilaalchisee murtee irra akka hingeenye kan himte Soliyaanaan, ''Sadarkaa addabaabaayitti TPLF gocha fincilaa keessatti hirmaateera yoo jedhamu dhageenya.

Labsii paartilee siyaasaatiin ammoo paartiin karaa nagaatiin galmaa'e tokko fincila akkasii irratti hirmaachuu hinqabaatu kan jedhu jiraachuu ni beekna. Kanaafuu galmeen paartilee siyaasaa akka haaraatti gaggeeffamaa waan jiruuf dhimmi TPLFs ni ilaalama,'' jedhan.

Grey line

Filannoon yoom gaggeeffama?

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa filannoon biyyaalessaa 6ffaa dhuma ji'a Caamsaa ykn jalqaba ji'a Waxabajjii adeemsisuuf karoorfachuusaa beeksise.

Filannicha irrattis namoonni miiliyoona 50 ta'an sagalee ni kennu jedhamee kan eegamu yoo ta'u, buufataaleen filannoo 50,900 akka jiraatanis himte.

Filannoon biyyaalessaa sababii Covid-19n bara darbeerraa gara bara kanaatti dabarfamee barana of eeggannoo barbaachisu taasisuun akka raawwatamu himame.

Kanaan dura baatii Caamsaa keessa paartileen siyaasaa waraqaa barbaachisu hingalchiin hafa 27 haqamuunsaani ni yaadatama.

Sooliyaanaan akka jettutti, paartileen kaan galmeesaanii galfachuun sirrii ta'uufi dhiisuun isaanii ilaalamaa kan jiru, walumaa galatti paartilee 78 argama.

''Paartilee kamitu ulaagaa barbaachisu guuteera kan jedhu hanga ragga'uutti eegamaa jiras,'' jeete.

Komii paartilee siyaasaa fi deebii boordichaa

Haadha filannoo filataa jiran

Madda suuraa, Anadolu Agency

''Paartileen hundi filannoon haa gaggeeffamu jedhu'' kan jedhan Soliyaanaan, ta'us ammoo osoo filannichi hin gaggeeffamneen dura haala nageenyaafi waajirrisaanii cufamuufi miseensoonni hidhamuun rakkoon irra gahaa jiraachuu akka ibsan himu.

Paartileen akka ABO fi KFO dhimma kana boordii filannootti iyyatanis deebii akka hin arganne himu.

Haata'u malee, "boordin filannoo deebii nuf hin laanne kan jedhu sobadha" kan jedhan Soliyaanaa Shimallis, boordichi iyyatawwan paartilee siyaasaa kunneen biraa ka'an akka furamaniif qaamolee dhimmisaa ilaallatutti beeksisuufi kanaan alatti gahee akka hin qabne himan.

"Boordin filannoo seera hin raawwachiisu, boordin filannoo mana murtiis miti, boordin filannoo hin ajaju, boordin filannoo poolisiis hin qabu. Kanaaf aangoo boordichaa hubachuu dhabuu natti fakkaata,'' jedhan.

Boordiin filannoo ittigaafatama lama qaba; tokkoffaa filannoo raawwachiisuu fi inni lammataa paartilee siyaasaa galmeessuudha kan jettu Soliyaanaan, ''paartiileen seera kabajuu isaanii ni hordofa. Kanaan ala kunneen jiran qaamolee biroo ilaallata," jetti.

"Fakkeenyaaf yoo manneen murtii dhimma miseensota paartilee siyaasaa hidhamanii hordofaa hin jiran ta'e, mana murtiitu gaafatamuu qaba. Yoo poolisiin hidheera ta'e boordicha osoo hin taane poolisiitu deebii kennuu qaba," jechuun ibsaniiru.

Kana malees "rakkoo siyaasaa Itoophiyaa hunda boordii filannoo walin walqabsiisuun sirrii miti" kan jedhan Soliyaanaa Shimallis, "rakkoolee siyaasaa Itoophiyaa keessa jiran kan akka waliigaltee biyyaalessaa, walin jiraachuu, marii gochuu fi kunneen kana fakkaatan hojiilee boordichaa miti,'' jedhuun himan.

Haa ta'u malee paartileen siyaasaa haala fooyyee keessatti akka socho'aniifi rakkoolee mudatan furuuf mariin gar-sadee paartilee siyaasaa morkattoota, boordii filannoo, paartii biyya bulchaa jiruf mootummaa hirmaachise akka taasifamuf mootummaa walin waliigaluu isaanii dubbatu.

Kana malees paartileen siyaasaa adeemsa filannichaa keessatti rakkoolee isaan mudachuu danda'aniifi furamuu qaban akka dhiyeessan waamicha gochuu isaaniifi paartileen siyaasaa 11 yaaddoofi iyyata qaban galfachuu isaanii himaniiru.

"Iyyata kana qixeessinee mootummaaf galchineerra" jechuunis gorsituun komunikeeshinii Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Soliyaanaa Shimallis himu.

Filannoofi yaaddoo nageenyaa

Rakkooleen nageenyaa kutaalee biyyattii garaagaraatti mul'atan filannoo biyyattiin ji'oota muraasa booda adeemsisuuf jirtuf qormaata ta'uu akka malu paartilee siyaasaa fi namootni ni kaasu.

Naannoo Oromiyaa godinaalee Gujii lamaan fi Qeellam Wallagga akkasumas Wallagga Lixaa, naannoo Kibbaa Koonsoo, naannoo Benishaangul Gumuz godina Matakkal akkasumas naannoon Tigraay iddoowwan rakkoolen nageenyaa jiraachuu dhagahamudha.

Marii boordichi paartilee siyaasaa waliin taasisaa turen rakkoon nageenyaa biyyattii keessa jiru sochii paartilee siyaasaafis ta'e boordichaaf rakkisaa ta'uu akka danda'u paartileen kaasuu isaanii Soliyaanaa Shimallis BBCtti himaniiru.

Haa ta'u malee dhimmi nageenyaa adda durummaan dhimma mootummaa kan ilaallatu akka ta'e himuun "nageenya filannoo akkamiin eegsisuun danda'ama kan jedhu fi iddoo rakkoon itti uummametti immoo adeemsa itti gabaafamu, akkasumas akeekkachiisni dursaa akka jiraatuf mala odeeffannoon caasaalee bulchiinsaa gadii hanga oliitti itti daddarbu qorannee jirra," jedhan.

Kana malees mootummaan karoora nageenya filannoo akka qopheessu gaafachuu isaaniis himaniiru.

Boordichi iddoowwan rakkoon nageenyaa itti jiru fi filannoo adeemsisuuf isa rakkisan adda baafachuusaa kan gaafanne gorsituun komunikeeshinii Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Soliyaanaa Shimallis, "iddoowwan adda baafanne hin qabnu. Inni gahee keenya miti.

Mootummaan 'iddoowwan akkanaatti rakkoon nageenyaa waan jiruf fi to'annoo kootin ala waan ta'anif filannoo adeemsisuun rakkisaadha' kan jedhu yoo jiraate mootummaan kan nu beeksisu ta'a,'' jedhan.

Qophii Boordichaa

Loogoo Boordii Filannoo Biyyaalessaa

Madda suuraa, NEBE/Facebook

Soliyaanaan akka jettetti, boordichi bittaa meeshaaleen galmee filattootaafi guyyaa filannoof barbaachisan harka caalmaan xumureera.

"Kan nu hafan wantoota lamadha. Tokko weerara Covid-19n walqabatee raawwachiistota fi qaamolee filannoorratti hirmaatanif meeshaalee ofeeggannoo (personal protection equipment) fi lammaffaan immoo lakkoofsa filattootaa akkasumas lakkoofsa fi gosa kaadhimamtootaa erga barree booda waraqaa sagaleen itti kennamu qopheessuudha," jedhan.

Gama biraatiin raawwachiistota filannoo calalanii leenjisuuf dhaabbilee mootummaafi miti-mootummaa irraa ragaalee namootaa walitti qabaa akka jiranis himaniiru.

Raawwachiistotni filannoo calalamanii gara leenjitti osoo hin seenin dura, paartiilee siyaasaan akka gamagamaman akka taasifamus dubbataniiru.

Filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa 6ffaa bara 2012 adeemsifamuuf ture, sababa weerara Covid-19n osoo hin adeemsifamin bara kanatti ce'uunsaa ni yaadatama.

Itoophiyaatti filannoo biyyaalessaa waggaa shaniin gaggeeffamuun kaadhimamtoonni paartileefi dhuunfaa miseensummaa mana maree federaalaafi naannooleetiif ni dorgomu.