Naayijeriyaa: Ijoolleen butamanii turan dhukaasaan booda baraaraman

Madda suuraa, Getty Images
Poolisiin Naayijeeriyaa akka jedheetti, ijolleen guyyaa Sanbataa mana barnootaarraa butamanii turan yoo xinnaate 84 baraaramaniiru.
Ijoolleen kunneenis erga sirna amantaa irratti hirmaataniin booda, osoo gara manasaanii kan ganda Maahutaatti argamutti deebi'aa jiranuu hidhattootaan butamanii fudhataman.
Ijoolleen kunneenis erga qaamoolee butaniifi humnootii nageenyaafi egdoota gandaa jidduutti dhukaasni gaggeeffameen booda gadhiifaman.
Gochi ijoollee ukkaamsanii fudhachuu kunis Naayijeeriyaa bulchiinsa Kaatsinaa keessatti guyyoota darban saddeetiitti yeroo lammataaf raawwatame.
Guyyaa Jimaataa ammoo ijoolleen dhiiraa 344 kanneen mana barnootaa kan Magaalaa Kaankaaraa keessaa butaman gadhiifamanii ture.
Gocha ukkaamsuu marsaa lammaffaa kana ilaalchisuun ibsa baheen, polisiin bulchiinsa Kaatsinaa ijoollee butaman keessaa yoo xinnaate 80 isaanii barattoota mana barnootaa Isalaamaa Hizburrahim Islamiyya'ti jedheera.
Kana malees qaamooleen hidhatan kunneen loon 12 ganda Danbaure dhiyeenyatti argamu keessaa hataniiru jedhe humni poolisii.
Haa ta'u malee polisiin waa'ee qaamoolee miidhaa qaqqabsiisan kanneen ilaalchisee 'shiftaa' jechuun ibsuun alatti bal'inaan kan jedhe hinjiru.
Jechi 'shiftaa' jettu kun Kaaba-lixa Naayijeeriyaa keessa gareewwan: horsiisee bultoota Fulaanii, gareewwan hidhataniifi milishoota Islaamaa naannicha keessa jiran ibsuuf kan itti fayyadaman tahuu, jedha gaazexessaan BBC Nduka Orjinmo Leegoos irraa.
'Shiftoonni' yeroo hedduu namoota ukkaamsanii kan fudhatan maallaqa gaafachuuf.
Kana dura hoggantoonni gareewwan shiftootaa muraasni kanneen gocha butuufi hawaasa qonnaan bulaa irratti haleellaa raawwachuu keessatti hirmaatan, maallaqa kanfalamu irratti mari'achuuf ifatti bulchiitootaafi aanga'oota waliin wal arguu isaanii gabaasaan kun ni hima.
Waggoota dhiheenya keessaa kaaba-lixa Naayijeeriyaatti, hawaasni qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaa wal falman, eegdoota hidhattoottaa erga mindeessanii asitti walitti bu'iinsi haalaan dabaleera.
Maddi oduu AFP hogganaa garee hidhattootaa, kan garee guyyaa Sanbataa haleelan duukaa bu'an eeruun akka jedheetti, waliigalatti namoota 113tu butame. Kunis kan amma poolisiin 84 jedheen oli.













