Manni Murtii iyyata dhaddacha yeroo Obbo Jawaar Mohaammadfaa dhiyeessan kuffise

Mana Murtii Olaanaa Federaalaa iyyata Obbo Jawaar Mahaammad fi Obbo Baqqala Garbaa "naannoo itti jirrutti dhaddachi yeroo nuuf yaa hundaa'u" jechuun dhiyeessan kuffiseera.

Dhaddacha Sadaasa 22 bara 2013 oolen Obbo Jawaar Mahaammad fi Obbo Baqqalaa Garbaa gahee siyaasa biyyattii keessatti qaban fi duulli bal'aan irratti adeemaa akka ture eerun Mana Murtii naannoo Lidataatti aragamu dhaquun dhimmasaanii hordofuun rakkoo akka qabaatu iyyatanii turan.

Fageenya Mana Sirreesaa Qaalittii fi Lidataa gidduu jiru himuunis yoo miidhaan irratti qaqqabe haala biyyattii yeroo ammaa walin ida'amee biyyattii rakkoo keessa kan galchu ta'uufi kanaafis dhaddachi yeroo naannoo itti jiranitti akka hundaa'uf gaafatanii turan.

Abbootin seeraa Mana murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataa, dhaddacha farra shororkaa fi yakkoota dhimma heeraa tokkoffaas murtee akka irratti kennu bulchiinsa mana murtichaaf dhiyeessanii turan.

Haaluma kanaan bulchiinsi mana murtichaa dhaddachi yeroo gaafii tajaajilamaa irratti hundaa'un osoo hin taanee qorannoon taasifamee kan hundaa'u akka ta'eefi yoo dhaddachichi itti amane garuu dhaddacha yeroo hundeessuf qophii ta'uusaa beeksiseera.

Abbootin seeraa galmee kana harkaa qaban garuu "sababni dhiyaate quubsaa miti, ragaadhaanis kan deeggarame miti" jechuun iyyata Obbo Jawaarfaan "dhaddachi yeroo nuf yaa hundaa'u" jechuun dhiyeessan kuffisaniiru.

Kanaafis Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqala Garbaa, Obbo Hamzaa Adaana fi Obbo Shamsaddin Xahaa beellama itti aanutti mana murtiitti akka dhiyaatan yoo hin dhiyaannu jedhanimmoo manni sirreessaa dirqisiisee akka dhiyeessu manni murtichaa ajajeera.

Abukaatoowwan himatamtootaa gama isaaniitin "bakka himatamtootni dhiyaachuu hin didnetti dirqisiisee yaa dhiyeessu kan jedhu mirga himatamtootaa kan sarbudha" jechuun abbootin seeraa ajaja isaanii akka fooyyessan gaafataniiru.

Abbootin seeraa gama isaaniitin Obbo Jawaarfaan fedhii isaaniitin gara mana murtichaa kan dhufan ta'uu akka amanan haa ta'uu malee "dirqisiisee yaa dhiyeessu" kan jedhu yoo dhufuu didan akka filannootti dhiyeessu isaanii himaniiru.

Dhimma beellamaa...

Dhaddacha har'aa irratti akkaataa manni murtichaa beellama darbe irratti ajajeen ibsi Abbaan Alangaa Waliigalaa Dr Gediyoon Ximotiyos ji'a Fulbaanaa keessa Afaan Ingliiziin miidiyaalef laatan Afaan Ingliiziin akkuma jirutti akkasumas gara Afaan Amaaraatti hiikamee CDdhaan mana murtiif dhiyaatera.

Obbo Baqqalaa Garbaa fi Obbo Jawaar Mahaammad Abbaan Alangaa Waliigalaa Dr Geediyon Ximotiyos ibsi Waajjira Ministira Mummeetti argamuun laatan mirga bilisa ta'anii ilaallamuu isaanii sarbuu fi lubbuu isaaniif yaaddoo kan uume ta'uu himatanii akka turan ni yaadatama.

Gama biraatin manni murtichaa ittisa himataa himatamtootni dhiyeessan fi deebii abbaan alangaa dhiyeesse qoratee murtee kennuf Amajjii 25 bara 2013ti beellama qabatee kan ture yemmuu ta'u abukaatoowwan fi himatamtootni "beellamni dheerateera nuf yaa gabaabbatu" jechuun dhaddacharratti gaaffii dhiyeesaniiru.

Himatamtoota keessaa tokko kan ta'an Obbo Dajanee Xaafaa beellamni kenname dheeraa ta'uu isaa fi guyyootni 15 yookin 20 gahaa akka ta'e himuun beellamichi akka gabaabbatuf gaafataniiru.

Abukaatoon himatamtootaa dheerachuun beellamaa maamiltootni isaanii filannoo biyyaalessaa itti aanu irratti akka hin hirmaanne taasisuu kan danda'u ta'uu himuun manni murtichaa yeroo beellamaa akka fooyyessu gaafataniiru.

Abbootin seeraa gama isaaniitin beellamni filannoof jedhamee gabaabbatus ta'e dheeratu akka hin jirre akkasumas beellamni isaan kennanis galmeewwan biroo isaan qabatanii jiran ka'umsa kan godhate ta'uu dubbataniiru.

Dhumarrattis abbootin seeraa erga mari'atanii booda galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa namoota 24 ilaaluf Amajjii 04 bara 2013tti beellamaniiru.

Ka'umsi himannaa isaanii maal ture?

Ajjeechaa aartiisti Hacaaluu Hundeessaa hordofee hokkora magaalaa finfinneefi naannoo Oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti umamee turen walqabatee ture Obbo Jawaar Mahammad fa'i to'annaa jala kan oolfaman.

Isaan boodas Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Obbo Jawaariin dabalatee shakkamtoota 24 irratti himannaa shororkeessuummaa banuunsaa ni yaadatama.

Haa ta'u malee, Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqala Garbaa, Obbo Hamzaa Adaana fi Obbo Shamsaddin Xahaa fa'i 'nageenya keenyaaf soodaanna' jechuun ibsanii turan.

Kanaafu, haala kana xiyyeeffannaa keessa galchuun naannoo mana sirreessaa keessatti argamaniitti dhaddachi yeroo akka hundaa'uuf gaaffii dhiyeessuun isaanii ni yaadatama.