Dubartoota: Haadha karaa irratti kophaa of deesistee, daa'ima ishees ofiin handhuurte

Sababoota hedduudhaan namoonni hedduun baadiyyaarraa gara magaalaatti godaanuuf akkasumas kanneen magaalatti jireenyi itti ulfaatee daandiirra jiraachuuf dirqamu.

Jireenyi daandii irraa ammoo rakkoolee walxaxaadhaan kan guutamedha.Xayibaan Magaala Ciroo irraa hojii barbaachaaf gara Adaamaa kan dhufte waggoota muraasaan dura ture.

"Abbaa fi haadha waanin hin qabneef jecha barumsa xumurraan hojiin ni argama jechuu dhageenyaanan gara kana dhufe" jetti.

Turtii muraasa booda Adaamaatti hiriyaa dhiiraa qabattee waliinis jiraachuu eegalan. Kana jidduutti ulfi uumame.

Hiriyaan ishee kuni araadaa fi amaloota adda addaa waan qabuuf jecha reebichas itti hammeesinaan ulfa ji'a 7 taatee jireenya daandirraa tokko jettee eegalte.

"Adaamaa naannuma Hospitaala Hayilemariyaam jedhamu kanattin kaartooniirra bulaa ture. Yeroo argame nyaadheen yeroo dhabames dhiisatiin dabarse. Yeroo ulfaa ji'a 7 hangan dahutti achuman jiraadhe," jetti.

Ciniinsuu fi da'umsa karaarraa

Xayibaan erga daandirratti baatees ta'e saniin dura hordoffii ulfaaf jettee mana yaalaa deemtee akka hin beekne himti.

Bakka dhaloota isheetti haadholiin yeroo ulfa ta'an mala aadaadhaan yeroo dahan maal akka isaan barbaachisuu fi maal gochuu akka qaban waan dhagahaa turteef mala kana ofumaan ofirratti hojiirra oolchuuf murteessuus dubbatti.

"Haadholiin keenya dubartiin ulfaa 'milaacii' akka of harkaa dhabuu hin qabne yoo dubbatan nan dhagaha ture. Anis durseetin 'milaacii' bitadhee boorsaa kiyya keessa kaa'adhe," jetti.

Kunis wayita deessu hidda handhuuraa daa'ima ishee ittiin kutuuf ta'uu himti."Gaaf tokko da'umsi kiyya dhihaachuun waan natti beekameef uffata wayiin miicadha jedheen bakka bishaan jiru tokko deemaan ture."

"Tasuma miirri dhukkubbii natti dhagahamnaan kutaa namoonni konkolaataa dhiqan keessa boqotan tokkotti olseene," jechuun haala itti ciniinsuun ishee eegale himti.

Yeroo ciniinsun ishee qabuu argu namni kutaa sana keessa ture rifatee dhiisee akka deemee fi isheenis qofaashee deessee of handhuuruu dubbatti."Ciniinsu ta'uusaa barraan dafeen milaacii sana baafadhe. Takka turee mucaan dhalannaan osoon of hin wallaalin dafeen handhuura quba kiyyaan safaree kute. Kirrii uffata kiyyarraa kuteen handhuura mucaa hidhe. Sanbooda kootii kiyya daa'imichatti uwwisuukoo qofan yaadadha ofin wallaale," jetti.

Sa'aatii tokkoon booda namoonni dhufanii bakkichaa akka ishee kaasanii fi mana yaalaa geessanis yaadatti.

Yeroo ammaa kanas achuma magaalaa Adaamaa gargaarsa namoonni muraasni taasisaniin mana kireefattee jiraachuu eegalteetti."Waan yeroo sanaa amma yoon yaadadhu na hurgufa. Ta'us garuu baguman lama ta'e mucaa kiyyatti nan gammada," jetti.

"Kana booda hamman fedhes rakkadhu nan guddisa. Mucaan kiyya amma fayyummaan isaa haala gaariirra jira. Yoo inni naa jabaate anis hojiin jalqaba," jechuun abdii qabdu dubbatti.

Magaalli Adaamaa magaalota jireenyi daandirraa itti hedduummatu keessaa tokko.

Waajjira dhimma dubartootaa fi daa'immanii Magaala Adaamaatti ogeessa kan tahan obbo Ida'oo Dawwaanoo, Adaamaatti lakkoofsi haadholii fi daa'imman daandiirra jiraatanii haalan dabalaa jiraachuu himan.

Rakkoolee adda addaatiin namoonni godinaalee ollaa irraa garana dhufan gara jireenya akkanaatti seenuu jedhu.

Ragaan qulqulluun lakkoofsa namoota daandirra jiraatanii jiraachuu baatus, Adaamaan magaalaa namooti fuula haaraa daandiirra jiraatan guyyuu itti mul'atan ta'uu eeran.

Hojiin namoota daandirra jiraatan kaasuu eegalamee turus, namoonni kaafaman haaraan bakka bu'uun akkasumas kanneen kaafaman bakka jijjiirratanii deebi'uun rakkinichi akka furmaata hin arganne godheeras jedhan.Dhaabbileen hojii kanarratti itti fufiinsan hojjetan dhabamuunis rakkinichi akka hin furamne gumaacheeras jedhan.