Mootummaan Keeniyaa namoota haleellaan saalaa irra gaheef qarshii miiliyoona 1 ol akka kaffalu ajajame

Namoota halleellaa saalaa isaan dhaqqabe irraa hafan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Namoota halleellaa saalaa isaan dhaqqabe irraa hafan

Mootummaan Keeniyaa namoota haleellaan saalaa irra gahe afuriif qarshii miiliyoona 1 ol akka kaffalu manni murtii olaanaa ajaje

Manni murtii olaanaa Keeniyaa mootummaan yeroo filannoo bara 2007-2008 hokkora uumameen namoota afur haleellaa saalaa irraa tiksuu hanqateef beenyaa doolaara 30,000(birrii 1,140,000) akka kaffalu ajaje.

Murtoon kun akeektuu dha kana jedhan hoggantuun garee mirga namoomaaf falmu, Physicians for Human Rights group Naayaatoor Inyaamuu Maatengee dha. Dhumarratti haqni argames jedhan.

Haa tahu malee mootummaan fuulduratti haleellaan wal-fakkaataa akka hin mudanne ittisuu qaba jedhan.

Abbaan murtoo Weedan Koriir warreen miidhaarraa hafan yeroo haleellaan saalaa irra gahe mirgi jiraachuufi wal-qixxummaa isaanii sarbamee ture jedhan.

Mootummaanis dararaafi gochaan namaa gadii yoo irratti raawwatamu hin eegneen jedhan.

Gareen duulaa Hiyuumaan Raayits Waach hokkora kanaan namoonni 1000 yoo ajjeefaman 500,000 qe’eerraa buqqa’aniiru jedheera.

Yakki gudeeddii fi hiraarsaa baayyeetu tures jedheera.

Erga hokkorri sun uumameen booda pireezidant Imwaayi Kibaakii filannoo mo’achuun labsame. Mormituun isaanii ijoon Raayilaa Odiingaan filannichi waliin dhahameera jechaa turan.

Pireezidantiin ammaa Uhuruu Keeniyaataan yeroos Kibaakiidhaan kan deeggaraa turan yoo tahu, itti-aanaan isaanii Wiiliyaam Ruutoon, Odiingaa deeggaraa turan immoo hokkora abaasuudhaan mana murtii idila addunyaan himatamanii turan.

Lameen himannicha kan waakkatan yoo tahu, boodas himannaan irraa bu’eera.