Lammiin Indiyaa Musliima ta'e seera 'jihaada jaalalaan’ hidhaa seene

Poolisiin Naannoo Uttaar Piraadeesh namichi Musliimni dubartii amantaa Hinduu hordoftu, amantaa Islaamaa akka fudhattu taasisaa ture jechuun to’annoo jala oolcheera.

Namichichi seera farra amantaa jijjiiruu ''jihaada jaalalaa'' irratti xiyyeeffachuun hojjatuun nama hidhame jalqabaa ta’eera.

‘Jihaada jaalalaa’ hima jedhu finxaaleyyiin Hinduu, dhiironni Musliimaa dubartoota Hinduu heerumaaf jecha Musliima gochuuf yaalii taasisan ibsuuf kan itti fayyadamanidha.

Seerichi mormii kan kaasise yoo ta’u, qeeqxonni jibba Islaamummaa mul’isa jedhu.

Yoo xiqqaate naannoleen Indiyaa afur seera ‘‘jihaada jaalalaa’’ kana mormu raggaasisuuf hojjachaa jiru.

Poolisiin Uttaar Piraadeeshis haaluma kanaan namichi hidhamuusaa Tiwiitara gubbaa baaseera.

Abbaan shamarree kanaa yaada BBC Hindiif kennaniin, namichatu intala kiyyarraan ‘‘dhiibbaa geessise’’ akkasumas yoo diddeef ammoo doorsise jedhani.

Dubartiin kun namicha waliin jaalala keessa akka turte himamus, jalqaba bara kanaarra nama biraatti heerumtee jirti.

Maatiin ishee ganna tokko dura himannaa ukkaamsuu namicharratti bananii kan turaniifi isheen gaaffiif yoo dhiyaattu, himata kana akka hin fudhanne himnaan cufamuusaa poolisiin BBC Hindiitti himeera.

Kaleessa erga to’atamee booda guyyoota 14’f gara bakka yeroof hidhamee turutty ergameera. Namni kun yaada riippoortarootatti kenneen, ani harki koo qulqulluudha ‘‘dubartiii sana waliinis hidhata tokko hin qabu’’ jedheera.

Seerri haaraan kun nama balleessummaan irratti aragme hidhaa hanga ganna 10 ga’u kan adabsiisu yoo ta’u, mirga wabiis ni dhorka.

Seerri ''Jihaada jaalalaa'' maali?

Sadaasa darbe Naannoon Uttaar Piraadeesh naannoo jalqabaa seera ‘‘dirqamaan’’ yookaan ‘‘sossobaan’’ amantaa jijjiirsisuu dhorku baastedha.

Naannoleen biroo afur Maadihiyaa Piraadeesh, Haaryaanaa, Kaarnaataakaa fi Assaam itti makachaa jiru.

Naannoleen kunneen shan paartii biyya bulchu ‘BJP’ jedhamuun kan hoogganaman yoo ta’an, paartichis seera farra Musliimaa ta’an baasuun himatama.

Qeeqxonni waan hacuuccaafi aad-maleedha yoo jedhan, seerichi karaa hin taaneen namoota qoccoluuf hojiirra ooluu mala jedhanii yaadda’u.

Sababa kan jedhaniifis jechi ‘‘jihaada jaalalaa’’ jedhu silumayyuu finxaaleyyii Hinduutiin faayidaarra oolaa waan tureefi. Jecha seera Indiyaatiin ragga’e miti.

Seerri kun garuu ji’oota muraasa darbaniif mataduree marii ta’ee tureera.

MM Indiyaa Naarendiraa Moodii erga 2014 keessa aangoo qabatanii as finxaalummaan amantii dabaleera jedhu qeeqxonni.

Biyyattiitti yeroo dheeraaf gaa’elli namoota amantaa Islaamaafi Hinduu hordofan gidduutti taasifamu hayyama argachuuf rakkisaa kan ture ta’us, akkasitti to’atamuun garuu taatee yeroo dhiyoo asiiti jedhu.