Kaanadaan qorichoota heddumminaan gara alaa erguu dhorkite

Donaald Tiraamp fi Jastiin Tiruudoo

Madda suuraa, Reuters

Kaanadaan hanqinni biyyattitti akka hin uumamne ittisuuf jecha al- ergii qorichoota ajaja ogeessa fayyaa qofaan bitaman dhorkite.

Murteen kun kan dhufe US qorichoota Kaanada irraa bituun lammilee Ameerikaaf gatii gadi aanaan gurguruuf seera baasteen booda.

Gatiin qorichoota ajajaan keennamanii Kaanadaa keessatti kan biyyooti biroo tokko tokkorra qaalii ta’us gatii kan US irra garuu ni hir’ata.

Omiishtoonni qorichaa Kaanada karoorri pireezdanti Tiraamp baasan kun, Kaanadaa keessatti hanqina ni uuma jechuun akeekkachiisaniiru.

Akka gabaasa AFP’tti weerararri koronaavayirasii amma jiru barbaachisummaa qorichoota tokko tokko dabaleera.

Ministirri Fayyaa Kaanadaa ibsa baaseen maddi qorichaa biyyatti %68 ta’u biyyooti biraarra waan ta’eef adeemsi qorichoonni kunneen ittiin dhufan gufachiisuun hin barbaachisu jedha.

“Amma kaampaniwwaan yeroo gaafatamanitti hanqina jiru ykn jiraachuu maluu fi sa'aatii 24 keessatti rakkoon fayyaa uumamuu danda’a yoo ta’e odeeffannoo kennuu qabu,” jedha ibsichi.

Tiraamp Adoolessa keessa karaa seeraan qorichoota rakasaa Kaanadaa irraa biyyatti galchuu eeyyamuun ajaja mallatteesseera.

Ji’a tokko booda MM Kaanada Jastin Tiruudoo yoo danda’ame qorichoota qabaniin biyyoota biroo gargaaruuf qopha’oo ta’anis dursa kan fudhatu garuu lammilee Kaanadaadha jedheera.

Omishtoonni gatii qorichaa haaraa fi kan durii tokko tokko ol kaasuu isaaniin Pireezdant Tiraamp dabalatee namoota siyaasaa US’n heedduu qeeqamaniiru.

Kana dura injifatan filannoo Pireezidantummaa US Joo Baayiden gatii hir’isuuf qorichoota biyyaa biraa irraa galchuu akka filannootti dubbatanii turani.