Sa'uudiin 'haasaa iccitii' MM Israa'eel waliin gochuu waakkatte

Ministirri Dhimma Alaa mariin iccitiidhaan Ministira Muummee Israa'eel Beenjaamin Netanayaahuu waliin mari'atame hin jiru jechuun daawwannaan dhoksaa Israa'eel waakkatan.

"Mariin akkana jedhamu hin turre'' jechuun tiwiitarii isaaniirratti barreessan Fayisal bin Al Sa'uud.

Jeettiin magaalaa Teel Aviiv irraa gara magaalaa Galaana Diimaa kan taate Niyoom qajeelte Ministira Muummee Beenjaamin Netanaayaahuu qabattee turte gabaasa jedhurratti Aab Netaanayaahuun yaada kennuurraa of qusataniiru.

Daawwannaasaanii kanaan mootii Sa‘uudii Mohaammad bin Salmaan fi Ministira Dhimma Alaa US waliin walarguuf jiru jedha Miidiyaan Israa’eel.

Jeettiin imalaa kanaan dura Aab Netanayaahuun dhimma itti ba’aa turan iccitiidhaan iddoo mootiin Sa’uudii fi Ministirri Haajaa Alaa US Poompewoon itti mari’ataa turan magaalaa Niyoom galuunshee barameera jechuun miidiyaan Israa'eel gabaasee ture.

Haala imalasaaniirratti gama mootummaa Israa'eeliin wanti ifatti dubbatame hin jiru.

Daawwannaan kun biyyoota akka diinaatti wal ilaalaa turan gidduutti wayita gaggeeffamu, yeroo duraaf ta’uu danda’a jedhameera.

Ameerikaan biyyoota kunneen lameen walitti michoomsuuf ifaajaa jirti.

Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp yeroo dhiyoo kana biyyoota akka Yuunaayitid Arab Imireets (UAE), Bahreen fi Sudaan, Israa’elitti michoomsuuf jaarsummaa gidduu seenanii hojjechaa turan.

Sa’uudii Arabiyaan adeemsa US kana of-eeggannoon fudhattee turte.

Garuu hanga Paalastaayin fi Israa’el gidduutti nageenyi bu’utti biyyummaa Israa’eliif beekamtii kennuun michummaashee akka itti hin fufne keesseetti Sa’uudiin.