Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ministirri Muummee Israa'eel Nataniyaahuu malaammaltummaan himatamuun mana murtiitti dhiyaatan
Ministirri Mummee Israa'eel Beenjaamin Nataniyaahuu har'a (Dilbata) yakka malaammaltummaan mana murtiitti dhiyaataniiru - kunis seenaa biyyattii keessatti hogganaan aangorra jiru yeroo mana murtiitti dhiyaatu kan jalqabaati.
Netanyaahuun yakka matta'aa fudhachuu, waliin dhayuufi amantaa cabsuun himatamus - himannaa kana hunda haaleera.
Benjamiin Netanyaahuun umriin isaa ka ganna 70, yeroo kanatti mormitootaan aangoo gadhiisi jechuun waamicha dhiyaatef dideera.
Mana murtiitti kan dhiyaate mootummaa gamtaa biyyaaleessaaf hogganaa ta'uun erga deebi'ee aangootti muudame torban tokko booda.
Netanyaahuun dhaddachaa mana murtii Bulchiinsa Jerusaaleemitti taa'amu irratti argameera.
Gara mana murtiitti galuusaatiin dura MM Netanyaahuun, poolisii fi abbootiin seeraa waliin tahuun na kuffisuuf malataniiru jedhe.
Benjamiin Netanyaahuun Isra'eel keessatti ministira muummee waggaa dheeraaf aangorra turedha. Bara 2009 irraa eegale aangorra jira.
Benjamiin Netanyaahuu maaliin himatame?
Obbo Netanyaahuu irratti himmannaa sadiitu dhiyaate isaanis, 1000, 2000 fi 4000 jedhamuun beekamu:
- Himata 1,000 - Waliin dhayuufi amantaa cabsuu: olmaa ooluuf jechaa daldaltoota beekaman irraa kennaa adda addaa fudhachuun himatameera.
- Himata 2,000 - Waliin dhayuufi amantaa cabsuu: Gabaasa oduu gaarii argachuuf jecha raabsaa gaazexaa Israa'eel Yedoyit jedhamu gargaaruuf yaaluun himatame.
- Himata 1,000 - Matta'aa fudhachuu, waliin dhayuufi amantaa cabsuu
MM Netanyaahuun himannaa irratti dhiyaatan hunda haaluun, kun mormitoota isaan 'himannaa galma hin qabne' waan ta'eef maqaakoo nan qulqulleessa jechuun waadaa seeneera.
Hanga ammaatti Israa'el keessatti ministirri muumme utuu aangorra jiruu himatamee mana murtiitti dhiyaate waan hin jirreef, himannaa kanaaf biyyattii keessa murtiin ka'umsa tahu (precedent) hinjiru.