Dargaggoon ganna 17 hiriirtota lama ajeessuun shakkame wabii doolaara miiliyoona 2’n hidhaa bahe

Madda suuraa, Reuters
Dargaggoon ganna 17 kutaa biyyaa Ameerikaa Wiskoonsanitti ajjeechaa nama gurraachaa mormuun hiriira bahamerratti namoota lama ajjeesuun tokko madeessuun shakkame wabii doolaara miiliyoona 2n mana hidhaatii bahe.
Kaayil Raayitanhaawus doolaara miiliyoona 2 kan manni murtii ajaje qabsiisuu qondaaloti magaalaa Kenooshaa gaafa Jimaataa himan.
Raayitanhaawus baatii Hagayyaa keessa mormii ajjeechaa nama gurraacha Jaakoob Bileekiif bahame irratti namoota sadiitti dhukaasuun shakkame.
Gaafa Mudde 3 yeroo jalqabaaf mana murtiitti dhiyaata jedhamee eegama.
Koomishinariin mana murtii magaalaa Kenooshaa Looran Kiitiing maallaqa wabii kan baayyee goone shakkamaan balleessaa tahee yoo argame adabiin hidhaa umrii guutuu irratti murtaa’uu waan danda’uuf, iddoo biraatti baqachuu waan yaadaa tureefi jedhan.
Raayitinhaawus jiraataa magaalaa Ilinooy yoo tahu,himannaa garaagaraan shakkameera, ajjeechaa Jooseef Roosabaawum nama ganna 36, Antoonii Hiyuubar nama ganna 26, fi aggaammii ajjeechaa Geej Girooskeertuuz nama ganna 26.
Abukaatoon shakkamaa kanaa Maark Richaard Raayitanhaawus aggaammii ajjeechaa ofirraa ittisaa akka ture ragaan ‘quubsaa’ jira jedha.
Namoota ajjeefaman keessaa abbaan isa tokkoo qarshiin wabii guddaa tahuu qaba, Raayitanhaawus seeraa ol waan tahe itti fakkaata jedhan.
Dhimmi kun xiyyeeffannoo miidiyaa argachuun, Raaytanhaawus baasii adeemsa seeraasaaf qarshii arjoomaa baayyee argateera.
Kenooshaan magaalaa jiraataa 100,000 qabduufi laga Mishigaan irraa lixatti kan argamtu dha. Poolisiin adii nama gurraacha ganna 29 Bileek jedhamu gaafa Hagayya dugada keessa itti dhukaasee hidhaa galchinaan magaalattiitti hokkorri guyyootaaf adeemaa ture.
Bileek yeroos konkolaataa ijoolleen isaa sadii keessa jiranitti seenaa ture. Sana booda qaamnisaa naafatee ture
Raaytanhaawus gara Keenoosh kan deeme daldala xixiqqoo naannicha jiru yeroo hiriiraa sanatti akka hin mancaaneef jedheti jedha.
Haasaa bilbilaa Waashingitan Poost waliin taasiseen gaafa Kamisaa, qarshii namoota koroonaavaayirasiin qabaman gargaaruuf ooluuf ture,qawwee ittiin bituuf fayyadame.
Haleellaan sun immoo guyyaa sadii booda dhalate, Raayitanhaawus immoo namoota guyyaa sana viidiyoo irratti mul’atan keessaati.
Viidiyoo tokko irratti nama isa haleeluuf jedhetti yeroo dhukaasu Raayitanhaawusiin agarsiisa. Kana booda dargaggoon kun yoo baqachuuf jedhu ammas hordofama, achii lafatti kufee, ammas irra deddeebiin dhukaasni dhagahama.
Raayitanhaawus Waashingtan Poostitti,’’ Gara namoota rasaasa qabataniittan fiigaa ture,namni wayii qawwee natti qabee, natti dhukaasuuf yoo murteesse. Ofirraa ittisuun qaba ture, dhumarratti ofin baraare.
Dargaggoon kun mana haadhasaa Iliyinoositti qabame.













