Haala nageenyaafi tarkaanfii mootummaa Lixaafi Kibba Oromiyaa irratti waan odeeffanne

Kaartaa Finfinnee. Gullisoo, Shaakkisoo agarsiisu

Mootummaan naannoo Oromiyaa tarkaanfii humnootii hidhatanii naannicha keessatti socho'an irratti tibbana fudhachaa jirun, iddoowwan garaagaraatti milkaa'inni argamuusaa himaa jira.

Iddoowwan tarkaanfiin itti fudhatamaa jiru keessaa immoo Godinni Gujii, Qeellam Wallaggaa fi Wallagga Lixaa ni argamu.

Ibsa Komishiniin Poolisii Oromiyaa tibbana miidiyaalee biyya keessaaf laaten Godina Wallagga Lixaa aanaa Gullisootti ajjeechaa lammiilee nagaa irratti raawwatame sababeeffachuun tarkaanfii humnootin nageenyaa fudhatanin, hidhattootni 142 ajjeefamuu isaanii beeksiseera.

Tarkaanfii fudhatamaa jiru kanaan hidhattootni 169 qaamolee nageenyaaf harka laachuufi namootni deeggarsa maallaqaa fi meeshaalee taasisan 1,300 ol immoo to'annoo jala ooluu isaanii BBC'tti kan himan Hoogganaa Biiroo dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Geetaachoo Baalchaati.

Gama biraatin godinaalee Qeellam Wallaggaa fi Wallagga Lixaa aanaalee fi magaalota garaagaraa keessatti tajaajilli bilbila sagalee fi intarneetii erga addaan citee torbeewwan lama kan lakkoofsise yemmuu ta'u, haala qabatamaa godinaalee kunneen keessa jiru jiraattota irraa hubachuu rakkisaa tasiseera.

Haa ta'u malee, jiraataan magaala Naqamtee tibbana godina Qeellam Wallaggaa keessa turan haalli nageenyaa godinicha keessa jiru rakkisaa ta'uu BBC'tti himan.

Jiraataan magaalaa Naqamtee kun haalli godinaalee lamaan keessa jiru 'ulfaataa' akka ta'efi jiraattotni gama hidhattootaa fi humnootii mootummaatin yaaddoo akka qaban dubbatu.

Godina Gujii

Godinaaleen Gujii muraasni iddoowwan sochiin garee hidhattootaa mootummaan 'ABO - Shanee jedhuufi isaan Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun of waaman socho'an adda durummaan itti mul'atu keessatti argamu.

Turtii BBC walin taasisanin bulchaan godina Gujii Obbo Taaddala Udoo "bara 2012 naannoo ji'a kurnaffaa irraa kaasnee sakkata'iinsa olaantummaa seeraa kabachiisuu, yakkamtoota seeratti dhiyeessuu fi hidhannoo seeraa alaa hiiksisuu hojjetaa turre" jedhan.

Kana malees tarkaanfii humnootin nageenyaa mootummaa fudhatanin lakkoofsi hidhattootaa godinicha keessatti ajjeefaman, kan madaa'an fi to'annoo jala oolan 500 akka ta'u BBC'tti himan.

"Namootni 121 ragaan itti xummuramee karaa addaddaan deeggarsa kan godhan, loojistikiifi hidhannoon kan deeggaran to'atamanii ragaan irratti qulqullaa'ee mana murtii ilaallatutti dhiyaataa jiru" jedhan.

Kanaanis qaamni hidhatee godinicha keessatti socho'u dadhabuusaa himan.

Tarkaanfiin magaalota Shaakkisoo, Adoolaa Wayyuu fi Negeellee akkasumas aanaalee godinichaa kan akka Oddo Shaakkisoo, Aagaa Waayyuu, Sabbaa Boruu, Gooro Doolaa, Liiban fi Gumii Eldalloo keessatti eegalamuusaas dubbatu.

Obbo Taaddalaa Udoo, magaalota sadeen fi aanaalee sadi; Oddo Shaakkisoo, Sabbaa Boruu fi Aagaa Waayyuu hidhattootarraa bilisa gochuu isaanii himan.

Yeroo ammaas aanaalee hidhattootni itti socho'anitti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu fi tarkaanfiin fudhatamus ji'oota muraasa keessatti kan xumuramu ta'uu himan.

Humnootii nageenyaa kamtu hirmaachaa jira?

Tarkaanfii hidhattoota godinaalee garaagaraa keessatti socho'an irratti fudhatamaa ture irratti, humnootii nageenyaa naannoo Oromiyaa dabalatee humni Raayyaa Ittisaa hirmaachaa tureera.

Haa ta'u malee, yeroo dhiyoo as miseensootni Raayyaa Ittisaa godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessa turan gadhiisanii bahuufi hojiin nageenyaa naannichaa humnootii nageenyaa mootummaa naannoo Oromiyaatin hojjetamaa jiraachutu himama.

Dhimma waraanni naannicha dhiisee bahuu ilaalchisee Raayyaa ittisa biyyaa irraa irra deddeebiin deebii argachuuf yaallus, hin milkoofne.

Bulchaan godina Gujii Obbo Taaddala Udoo gama isaaniitin "milishaa gandaa, uummata hidhannoo dhuunfaa qabu, poolisii idilee fi poolisiin humna addaa itti hirmaatee sakkata'iinsi adeemsifamaa jira," jedhan.

Kanaan dura Raayyaan Ittisaa hirmaachaa akka ture himuunis "raayyaan ittisa biyyaa sochiiwwan kanaan dura taasifamaa turan irratti hirmaatee jira. Amma humnuma naannoo keenyaatin itti jirra," jedhan.

Gama biraatin hogganaan Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Getaachoo Baalchaa, ji'a darbe keessa Godina Wallaga Lixaa aanaa Gullisoo keessa lammiilee nagaa irratti gochaan sukkanneessaa uummata fi mootummaa naasise raawwatamuusaa himuun, kana hambisuuf "tarkaanfiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu poolisii Oromiyaa, humna addaa fi milishaa naannoo keenyaatin tarkaanfin fudhatamaa jiru itti fufeera," jedhan.

Oppireeshiniin yeroo ammaa taasifamaa jiru jedhaniinis aanaalee fi gandoota rakkoon nageenyaa itti mul'atutti nageenya mirkaneessuu fi uummata misoomatti deebisuu irratti kan xiyyeeffate ta'uu himaniiru.

Duulli kunis kan yeroo gabaabaa keessatti xumuramu akka ta'e dubbatan.

Dhimma lammiilee nagaa …

Tarkaanfii mootummaan hidhattoota godinaalee garaagaraa keessa socho'an irratti fudhataa jiruun walqabatee lammiilee nagaarra miidhaan qaqqabaa jiraachuu komiiwwan yeroo ka'an mul'ata.

Dhimma kana ilaalchisee kan gaafanne Obbo Getaachoo Baalchaa "oppireeshiniin kun nageenya uummata nagaa eeguuf adeemsifamaa jira. Sababa caasaan nageenyaa nama nagaa irratti tarkaanfii fudhatuuf hin jiru," jedhan.

Kana malees gabaasa 'nama nagaarra miidhaan gaheera'' jedhu akka hin qabne himu.

Gama biraatin iddoowwan hidhattootni itti socho'an tokko tokkotti, caasaaleen mootummaa diigamuu fi to'annoo hidhattootaa jala ooluu marsaalee hawaasaa irratti mul'atu ilaalchisee gaafatamaniif Obbo Getaachoon "wanti diigamu hin jiru.

''Akka inni burjaaja'u gochuudhaaf garuu iddoon caasaa gandaarratti tarkaanfii itti fudhatan ni jira. Bakkeen waajjira gandaa guban ni jira," jechuun deebisan.

Gama biraatin tajaajilli qunnamtii bilbila sagalee fi intarneetii godinaalee Qeellam Wallaggaa fi Wallagga Lixaa aanaalee tokko tokkotti adda cituu ilaalchisee sababasaa akka hin beekne himuun "cituunsaa sababa opireeshiniitifi karaa jedhuun wanti ifatti ibsame hin jiru," jedhan.