Lixa Oromiyaa bakka tokko tokkotti tajaajilli bilbilaa adda cite

Godinaa Wallagga Lixaa fi Qeellam Wallaggaa bakka tokko tokkotti, tibbana tajaajilli bilbilaa fi intarneetii addaan citeera jechuun kanneen maatii isaaniin wal qunnamuu dadhaban komataa jiru.
Aanaalee fi magaalota godinaalee lamaanii akka Dambi Doolloo, Innaangoo, Begii fi Gidaamii bilbiluun tajaajilli bilbilaa akka hin hojjenne BBC'n mirkaneeffateera.
Itti gaafatamaan Itiyootelekom Riijinii Lixaa Obbo Mulaatuu Gaaddisaa, tajaajilli kun Sadaasa 4 bara 2020 irraa eegalee adda cituu akka dhagahan BBCtti himan.
Tajaajilli kun maaliif akka addaan cite garuu wanti beekan akka hin jirre dubbatu Obbo Mulaatuun.
''Tajaajilichi erga cite dhageenye, tajaajila kana banuufi cufuuf aangoon nuuf hin kennamne. Hojiin keenya akka riijiniitti tajaajila maamiloota keenyaaf kennuu qofadha."
Tajaajila kan addaan kutu waajjira isa ol aanaa irraa tahuu himuun "isaaniin osoo gaafattan deebii argachuu dandeessu jedhan.
Tajaajilli bilbilaa fi daataa moobaayilii addaan cituu isaa hoggansa Itiyootelekoom ol jiruuf beeksisuun deebii akka eegaa jiran himan.
Itoophiyaa keessatti tajaajila bilbilaa fi intarneetii kennu dhaabbati tokkichi mootummaan dhuunfatamu Itiyoo-telekoom waajjirri isaa muummee dhimma kanarratti waan jedhe hin qabu.
Tajaajilli kun akkuma mootummaan Naannoo Tigiraay keessatti tarkaanfii waraanaa fudhachuu jalqabeen adda cite.
Godinaalee Wallaggaa keessa Amajjii bara 2020 irraa eegaluun baatilee muraasaaf tajaajilli intarneetii fi bilbilaa adda citee ture.
Yeroos sababa tarkaanfii mootummaan humnoota hidhatanii naannoo san socho'an irratti fudhachaa jiruuf tajaajilichi adda cituun himamee ture.
Bitootessa xumura irratti weerara koronaavaayirasiin wal qabatee namni odeeffannoo akka argatu tajaajilli kun akka deebi'uu dhiibbaa jabaa taasifameen duuba deebifame.
Kunis erga pireezidantiin Oromiyaa Shimallis Abdiisaa godinaalee Wallaggaa daawwataniin booda ture kan murtaa'e.
Tibbana Godina Wallagga Lixaa aanaa Gullisootti namootni nagaa 32 tahan ajjeefamuu fi gochi kun naannicha keessa kan socho'u 'ABO-Shanee' qaama jedhamuun raawwatamuu mootummaan himee ture.
Hidhatoota yakka kana raawwatan irratti tarkaanfii fudhachaa akka jiruu fi hidhattoonni 24 ajjeefamuus poolisiin Oromiyaa beeksisee ture.
Tajaajilli intarneetii fi bilbilaa amma adda cite kun tarkaanfii amma mootummaan hidhattoota irratti fudhachaa jiruun kan wal qabatu ta'uun wanti beekame hin jiru.
Dabalataan erga waraanni humnoota mootummaa federaalaa fi naannoo Tigiraay gidduutti jalqabeen as tajaajilli bilbilaa fi interneetii achittis addaan cite jira.
Tajaajilootni bu'uuraa kunneen akka naannichatti deebi'aniif dhaabbileen mirga namoomaaf falman gaafachaa turan.
Humni poolisii addaa naannoo Tigiraay buufata waraanaa raayyaa ittisa biyyaa ajaja [Izzii] Kaabaa Maqalee jiru haleeluun ka'umsa lola amma adeemaa jiruu ta'uu mootummaan irra deddeebiin himeera.














