Mootummoonni Federaalaafi naannoo Tigiraay eessaa ka'anii kanarra gahan?

Waldhabdeen paartii naannoo Tigiraay bulchaa jiruu (TPLF) fi mootummaa giddu-galeessaa gidduu jiru sadarkaa walitti dhukaasuurra gaheera. Kanarra darbees Ministirri Muummee Abiy Ahimad raayyaan ittisa biyyaa tarkaanfii akka fudhatu ajajaniiru.

Waldhabdeen TPLF fi mootummaa Federaalaa gidduu jiru kun eessarraa ka'ee kanarra gahee? Yoom maaltu jedhame?

Taateewwaniifi murteewwan kanaan dura qaamolee lamaaniin fudhachaa turan akka lakkoofsa Itoophiyaatti akka itti aanutti qixaa'eera.

Waxabajji 6, 2010 - TPLF mootummaan Federaalaa mootummaa Ertiraa waliin nagaa buusuuf karoorfachuu isaa ibsa qeequ baase.

Onkoloolessa 5, 2012 - TPLF ADWUIn baqee akka paartii tokkootti caasefamuu isaa morme. Yeroo sanatti akka sababaatti kan dhiyaate paartiin walitti baqee caaseffamuun isaa tokkummaatiif balaa fida kan jedhu ture.

TPLF walitti baquu ADWUI mormuudhaan qaama paartii haaraa hundeeffame [Paartii Badhaadhinaa] akka hin taane beeksise.

Onkolooless 9, 2012- Ministirri Muummee Abiy Ahmad dubbii TPLF paartii sirna mootummaa gubbaa gadii giddu-galeessa tokkorraa hoggaanum hundeessaa jira jedhe qeeqan.

Onkoloolessa 29, 2012 - ADWUIn baqee paartiin tokkichi akka hundeeffamu murtaa'e. Ministirri Muummee fuula Tiwiitara isaaniirratti ,"Korri miseensonni ADWUI paartii tokkicha goonee hundeessuuf taasine milkiin xumurameera.'Paartii tokkicha hundeessuun sirna federaaalaa jabeessa; warra sagalee hin qabneefis sagalee ta'a jechuun," barreessan.

Sadaasa 7, 2012 - TPLF ADWUI'n sababa malaammaltummaarratti qabsaa'u jedhuun namoota Tigraayirratti xiyyeeffataa jira jechuun himate.

Sadaasa 10, 2012 - TPLF ADWUI'n miseensota paartii hundeessuuf aangoo hin qabu jedhe. ''Koreen hojii raawwachiiftuu ADWUI paartii tokko hundeessuurratti osoo hin mari'atin murtee dabarseera. Kunimmoo bu'uura seeraa hin qabu'' jechuun walgahii mana maree ADWUI irratti akka hin argamne ibse.

Sadaasa 11, 2012 - Manni Maree ADWUI paartichi diigamee Paartiin Badhaadhinaa akka hundaa'u mormii malee murteesse. TPLF walgahii irratti hin argamne ture.

Sadaasa 16, 2012 - ''Murteen tokkummaa walqixxummaarratti hundaa'e hin fidu. Hogganaa hacuucuufi ummata hacuucamu uuma malee,'' jechuun TPLF yeroos himate.

Sadaasa 23, 2012 - TPLF kora qopheessee hundeeffama Paartii Badhaadhinaa morme. Dura taa'aan TPLF Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el ''heerri ifatti cabaa jira. Nagaan dhibaa jira. Nageenyi lammiilee balaarra bu'eera,'' jechuun dubbatan.

Sadaasa 29, 2012 - Sochin Dimookiraasawaa Ummata Tigraay TPLF waliin tokkoomu ibse.

Muddee 7, 2012 - TPLF Paartiin Badhaadhinaa Boordii Filannootti waan hin galmoofneef bu'uura seeraa hin qabu jechuun qeeqe. Osoo hin turiin garuu boordiin filannoo beekamtii kenneef.

Muddee 20, 2012 - Paartileen sadan ADWUI hundeessan na gananiiru jechuun TPLF himate.

Caamsaa 29, 2012 - TPLF Badhaadhinni bu'uura seeraa hin qabu jechuun paarticha akka hin seenne hime.

Yeroos TPLF ibsa baasen ''ADWUI'n sababa miseensonni isaa gananiif diigameera. Manni maree keenya kana ni ni morma,'' jedhee ture.

Amajjii 13, 2012 - MM Abiy Ahimad miseensota TPLF irratti xiyyeeffataniiru jechuun TPLF himate. Yeroos Aadde Fatlawarq G/Igzaaber aangoorra ka'u isaanii hordofeeti TPLF kan kana jedhe.

Amajjii 16, 2013 - Naannoon Amaaraa TPLF yeroo Ayyaana Cuuphaa ''badii shororkeessummaa raawwachuuf''' garee nutti erge jechuun TPLF himate. Kunneenis to'atamuu ibse.

Amajjii 25, 2012 - MM Abiy paarlaamaatti dhihaachuun ministeerota sababa saba isaaniin akka hin ariine ibsan. Kaabinee isaanii hundeessuuf aangoo akka qaban dubbatan. Ummanni Tigraay qaama mootummaa filate ta'u danda'a jechuun himan.

Amajjii 26, 2012 - Boordiin Filannoo TPLF fi Badhaadhinaaf qabeenya addaan qoode. Kuni kan ta'e erga TPLF boordiitti xalayaa barreessee booda.

Guraandhala 1, 2012 - Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii TPLF adeemsa araaraa gufachiisaa jira jechuun qeeqan. Ministirri Beeksisaa Ertiraa Yamaana G/Masqaliis barreeffama kana ibsu barreessan.

Ebla 27, 2012 - TPLF filannoo naannoo akka adeemsisu beeksise. Mootummaan federaalaa sababa Covid-19'n filannoo akka achi dheeratu gochuun ni yaadatama.

Qaam'ee 04, 2012 - Naannoon Tigraay filannoo naannoo gaggeesse.

Fulbaana 1, 2013- Hojjetoonni mootummaa miseensa TPLF ta'an akka gara naannoo Tigiraayitti deebiyaniif ajajni darbe. Fulbaana 25 irratti kora Paarlaamaan gaggeesse ammoo seeraan ala jechuun farraje.

Onokoloolessa 14, 2013 - Mootummaan Federaalaa muudama aangoo loltummaa taasisuuf jedhamuu hordofee naannoon Tigiraay mootummaan giddu-galeessaa kana taasisuudhaaf aangoo hin qabu jedhe.

Onkoloolessa 18, 2013- Qondaalli Loltuu tokko akka Maqalee hin seenne TPLF dhorke. Kanarra dabees, akka haaraatti Iizii Kaabaa akka gaggeessaniif kan muudaman Maajar Janaraal Balaay Siyyum akka Tigiraay seenuu hin dandeenye beeksisan.

Onkoloolessa 22, 2013 - Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa tarkaanfii TPLF fudhate hordofuun tarkaanfiiwwan kana fakkaatan biroof akka obsa hin qabne beeksise.