'Ajaji mana murtii kabajamuu dhabuun olaantummaa seeraa gaaffii keessa galchaa jira'-Obbo Lidatuu

Madda suuraa, The Reporter
Manni Murtii Olaanaa Godina Shawaa Bahaa, Poolisiin magaalaa Bishooftuu Obbo Lidatuu Ayyaaloo gadi dhiisee ALI gaafa guyyaa 11,2012 ibsa akka kennuuf beellama qabateera. Poolisiin Oromiyaa maaliif akka ajaja mana murtii hojiirra oolchuu dabe akka ibsu gaafateera.
Obbo Lidatuu Ayyaaloo har'a (Onkoloolessa 19,2020) mana murtii olaanaa Godina Shawaa bahaatti dhiyaataniiru.
Beellami har'aa waa lamaaf kan jedhan abukaatoon Obbo Lidatuu Obbo Gammachuu Guutamaa, ''Tokkoffaa ragaan abbaa alangaa waan dhagahameef Obbo Lidatuun yoo ragaa faccisaa qabaatan akka dhiyeeffataniif ture.'' jedhan.
''Lammafaan ammoo akkaataa manni murtii kanaan dura murteesseen Poolisiin Oromiyaa Obbo Lidatuu akka gadi dhiisu kanaan dura ajajee waan tureef ajaja kana raawwachiisee akka dhiyaatu akkasumas qajeelchi poolisii magaalaa Bishooftuu kanaan dura Obbo Lidatuu akka gadi lakkisuuf kan ajajamee ture maaliif akka ajaja sana hojiirra oolchuu dide akka ibsuuf ture'' jedhan.
Hoogganaan Qajeelcha Poolisii Maaalaa Bishooftuu dhaddacha har'aarratti dhiyaachuun maaliif akka Obbo Lidatuu gadi dhiisuu didan wayita ibsan, ‚''An dhiyoo waanan dhufeef dhimmichas sirriitti keessa hin beeku. Irreechaan wal-qabatees hojiin nutti baay'ateera.''
Dabalees Obbo Lidatuun akka nu biratti hidhaman kan godhe komishinii poolisii Oromiyaati. Kanaafuu dhimmi kun akka nuuf hubatamu. Dhimma kanaan wal-qabatee galmee biraatiinis mana murtii walii galaa Oromiyaatti himatamanii waan jiraniif kunis akka nuti hin gadhiisneef hudhaa nutti ta'eera. Yaada jedhu kaasan'' jedhan.
Kanaafuu gaafii manni murtii dhaddacharratti gadi dhiisuu dandeessumoo hin dandeessan jedhuuf ‚'hin dandeenyu'' deebii jedhu kennaniiru jedhan Obbo Gammachuun.
Kan himata irra banee jiru, Komishiniin Poolisii Oromiyaa, nu biratti hidhamanii akka turan waan ajajaniif nuti gadi dhiisuu hin dandeenyu jedha Qajeelchi Poolisii Magaalaa Bishooftuu akka Obbo Gammachuun jedhanitti.
Obbo Lidatuu Ayyaaloo kanaan dura ALI gaafa 12,1,2013 manni murtii mirga wabiin akka ba'an eeguufis abbaan alangaa garuu Mana Murtii walii galaa Oromiyaa dhaddacha bahaatti ol-iyyachuun akka gadi hin dhiifamne ajaja kennisiisee ture jedhan abukaatoon kun.
Sanaan booda Manni Murtii walii galaa Oromiyaa dhimmasaanii erga ilaalee booda ol-iyyannoo abbaa alangaa kufaa gochuun gaafa 26,1,2013 dhorkaa kaa'e kaasuun akka Obbo Lidatuun gadi lakkifaman ajajee ture.
Haata'u malee ajaji mana maurtii olaanaa irraa gadi yaa lakkifaman jedhu karaatti deebi'ee waan hin raawwatamneef Obbo Lidatuun hanga yoonaa mana hidhaa turuu danda'aniiru jedhan Obbo Gammachuun.
Ajaja mana murtii
Manni murtiis dhumarratti dhimma kana keessa hin beeku jechuun sababni Hoogganaan Qajeelcha poolisii Magaalaa Bishooftuu dhiyeessan sirrii miti kan jedhu ture jedhan.
Kanaafuu Obbo Lidatuu gadi dhiisanii gaafa 11,02,203tti nuuf ibsaa kan jedhuun beellameera.
Komishiniin Poolisii Oromiyaas ajaja manni murtii asiin dura kenne maaliif raawwachuu akka dhabe ibsa akka kennu ajaja dabarseera.
Obbo Lidatuun maal jedhan?
Asiin duras wabiin naaf eegamee gadi hin lakkifamne jechuun dhaddacharratti kann dubbatan Obbo Lidatuun kun olaantummaa seeraa diiguudha jedhan.
"Ajajni mana murtii kabajamaa hin jiru. Kanaan duras poolisiin bilbilaan na waamnaanan olaantummaa seeraa kabajuuf jecha dhufee asumaan na hidhan. Amma garuu qaamumti bifa sanaan na waamee na hidhe ajaja mana murtii raawwachaa hin jiru, kun olaantummaa seeraa gaaffii keessa galcha'' jechuun dhaddachaaf ibsaniiru.
Ajaji mana murtii kabajamuu dhabuurratti yaada abukaatoo
Biyya mitii maatiin tokkoyyuu buluuf sirna barbaachisa kan jedhan Obbo Gammachuun, biyya tokko keessatti agarsiistuun kabajamuu olaantummaa seeraa bilisummaa fi kabajamuu mana murtiiti jedhan.
Ajaja mana murtii qaamni raawwachiiftuun hojiirra hin oolchu taanaan olaantummaan seeraa balaa keessa gala jedhan abukaatoon kun.
Caasaa fi ijaarsa mootummaa keessatti qaamoleen jajjaboon sadan qaam seera baasu, seera hiikuu fi seera raawwachiisu ajaja walii hin kabajan taanaan biyyaaf yaaddoodha jedhan.
Qaamoleen sadeen kunniin walmadaalaa gochaa walii hordofaa waan biyyaaf gaarii ta'u hin hojjetan taanaan gatii hin qabu jedhu namni seeraa kun.
''Fakkeenyaaf qaamni raawwachiiftuun Obbo Lidatuu yakkaan shakke jedhee hidheera. Erga qoratee booda ammoo mana murtiitti kan dhiyeessu. Obbo Lidatuun yakka raawwachuu fi dhabuusaanii kan qulqulleessee murteessu mana murtiiti. Garuu poolisiin ofumaa qoratee mana murtiitiin ga'ee isa boodammoo ajaja mana murtii hin raawwachiisu taanaan qorannoon inni gaggeessu hunduu gatii hin qabu'' jedhan.
Manni Murtiis qaamuma mootummaati waan ta'eef ajaji isaa kabajamuu qaba, qaamoleen mootummaa wal-kabajuu qabaatu jedhan.
Yoos olaantummaan seeraa kabajama jedhan.
Murtee mana murtii osoo asiifi achi hin jedhin fudhachuu qabna-MM Abiy
Dhimmuma kanarratti Ministirri Muummee Abiy Ahmad har'a (onkoloolessa 19,2020) paarlaamaarratti qaamni raawwachiiftuu ajaja manni murtii kennu hojiirra oolchuu qaba, gama kanaan hanqinni ni jira waan ta'eef fooyyessaa deemuu qabna jedhan.
''Murtee manni murtii kennu osoo asii achi hin jedhiin fudhachuu qabna. Mana murtii nuti hin kabajne, maa murtii nuti hin ajajamneef walabaa fi loogii irraa bilisa ta'i jechuun waan gatii hin qabnedha.'' Jedhan Ministirri Muummee Abiy.
''Manni murtii yoo malaammaltummaa keessa seene sirna ittiin qulqullaa'ee sirratu qaba. Manni murtii loogii siyaasaa yoo agarsiise sirna seeraa ittiin sirratu qaba. Kanarraa kan hafe ajaja manneen murtii kennan qaamni raawwachiistuu kabajuun nurraa eeggama.'' Jedhan.
Biyya kana keessatti qondaalli olaanaan ministira muummee waan ta'eef jechi isaanii madaala qaba kan jedhan Obbo Gammachuun, ajaja mana murtii yeroo dhiyoo as irra deddeebiin hojiirra ooluu dhabaa jiruuf haga tokko kun furmaata fiduu danda'a jennee abdanna jedhan.
Qaamni raawwachiiftuu federaalaas isaaniin kan hoogganamu waan ta'eef ajajasaanii kana fudhatee gara fuulduraa akka hojiirra oolchu ni abdanna jedhan.
















