Haqa: Obbo Lidatuu Ayyaaloo wabii Birrii 100,000 kaffalanii ni bahu jedhamee eegamaa jira

Obbo Lidatuu Ayyaaloo mirga wabiin gadhiifamuu Manni Murtii Olaanaa Godina Shawaa Bahaa murteesseefiin Birrii 100,000 kaffalamee ni baha jedhamee eegama.
Dura Ta'aan EDP Adaanee Taaddasaa BBCtti akka himanitti Birriin wabiidhaaf gaafatame kumni 100 qaama dhimmi ilaalatutti galii ta'ee Obbo Lidatuu gadhiisisuuf gara mana hidhaa Bishaatuu shakkamaan kun itti argamuu deemamaa jira jedhan.
Miseensi Koree biyyaalessaa Paartii Dimookraatawaa Itoophiyaa kan ta'an obbo Lidatuu Ayyaaleew, guyyaa shan dura meeshaa seeraan alaa qabaachuun himatamanii turan.
Jalqaba kan qabaman ammoo hokkora ajjeechaa Art. Haacaaluu Hundeessaa hordofee magaalaa Bishooftuutti dhalate maallaqaan deeggartan jedhamuun to'atamanii Mana Murtii aanaa magaalaa Bishooftuutti marmaaraa turan.
Abukaatoowwan Obbo Lidatuu keessaa tokko kan ta'an Obbo Abduljabbaar Huseen kaffaltaan wabiif barbaachisu raawwatamee bor ganama bahu jedhamee eegama jedhan.
Ollmaa dhaddachaa guyyoota shan dura ture irratti himata irratti dhiyaate mormuun mirgi wabii akka eegamuuf gaafatanii akka ture himu Obbo Abdujabbaar.
Abbaan Alangaa Obbo Lidatuun labsii lakkoofsa 1177/2012 bahee keewwata 22 muraa sadiirra kan jiru meeshaa waraanaa hayyamni hin kennamneef qabachuun himatee ture.
Abukaatoon obbo Lidatuu ammoo namni tokko bu'uura labsii kanaan kan himatamuu danda'u yoo meeshaa waraanaa lamaa fi isaa ol hidhatee argameedhaa jedhan.
Ittisni abookaatoowwan Obbo Lidatuu dhiyeessan Obbo Lidatuun meeshaa waraanaa hayyama hin qabne tokko qofa qabatan kun ammoo lasbii kanaan isaan hin himaachiisu kan jedhu akka ta'e obbo Abduljabbaar himaniiru.
Manni Murtii ittisa abukaatootaa ilaaluuf yeroo argachuu baatuus mirgi wabii garuu akka egamu murteeseeraas jedhan.
“Bu'uuruma kanaan obbo Lidatuun wabii birrii 100,000'n bahanii ala taa'anii dhimma isaanii akka hordofan murtaahes'' jedhan.
Maatiin qarshii mirga wabii eegsisu mana murtiitti qabsiisaa akka jiranillee dabalanii himaniiru.













