Siyaasa Itoophiyaa: Mana maree bittinsuun Komishinoota hundeessuun aangoo MM Abiyyi waggaa tokkoof dheeressuun furmaata' Tumsa

Aasxaa Tumsa Dimokiratawaa Federalizimii Sab-daneessaa

Madda suuraa, Feesbuukii ABO

Ibsa waa'ee suuraa, Aasxaa Tumsa Dimokiratawaa Federalizimii Sab-daneessaa

Tumsa Dimokiratawaa Federalizimii Sab-daneessaa jedhamuun paartileen beekaman Manni Maree Itoophiyaa yeroon hojii isaa yeroo xumuramu bittinnaa'uun komishinootni garaagaraa bakka isaanii hundaa'uun hanga filannootti biyyi gaggeeffamuu qabdi jedhan.

Tumsa paartilee kaneenii kana keessaa tokko kan tahe ABO'n tarkaanfii amma mootummaan fudhate rakkoo siyaasaa biyya kana mudate keessaa karaa heera mootummaa hin cabsineen nu baasuu hin danda'u ejjennoo jedhu qaba.

Obbo Mikaa'el Booran miseensi Gumii Shanee ABO akka jedhanitti furmaatni waaraan siyaasa Itoophiyaa keessatti dhufuu kan danda'u filannoon haqa qabeessi gaggeeffamee mootummaan uummataa yoo hundaa'e qofaadha jedhan.

Haa tahu malee sababa weerara koroonaavaayirasiin filannoon bara kanaa gaggeeffamuu akka hin dandeenye hundi keenya itti waliigalla jedhan Obbo Mikaa'el.

Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa yaa'ii isaa Caamsaa 05, 2020 gaggeesseen keewwatootni heeraa sadii waa'ee filannoo dheeressuu haasa'an ji'a tokko keessatti akka hiikni dabalataa irratti kennamu murteesseera.

Haa tahu malee miseensotni paarlaamaan akkaataa heera irra taa'een Fulbaana booda hojiirra turuu hin danda'u kan jedhan Obbo Mikaa'el, kun ammoo heera biyyattii irratti rakkoo fiduu danda'a jedhan.

Sababni isaas akka furmaatatti heera hiiku kan jedhu sun heera biyyaa kan qaawwaa dhimma kanaaf hin qabne irratti rakkoo uuma jedhan.

Rakkoo haaraa mudate kanaaf furmaata haaraatu barbaachisa ejjennoo jedhu akka Tumsa paartilee kanaatti akka qaban himan.

''Heerri biyya kanaa yeroo rakkoon akkasii mudatuuf kan gargaaru qaawaa dhiisee darbe hin qabu'' jedhan Obbo Mikaa'el Booran.

Haatahu malee, Ministirri Muummee Abiy, ''kanneen heerri mootummaa dhimma filannoorratti keeewwata hiikamuuf banaa ta'e hin qabu jedhan wallaalummaa akka malee keessa jiru,'' jedhanii ture.

Heera kana hiikuuf qaamni taa'ee jiru manni maree federeeshiniis qaama walaba taheefi paartiidhaan ajajajamu miti jechuun ibsan.

Rakkoo haaraa kanaaf furmaatni isaa heera biyya kanaa keessaa argama jennee hin amannu kan jedhan Obbo Mikaa'el heera hiikuu jedhanii mana maree federeshiniitti kan erganis hiika hin tahu jedhan.

Gama biraan ammoo filannoo barbaannu sana gaggeessuuf qaamni biyya kana gaggeessu tokko barbaachisa jennee amanna jedhan.

Isa kanaaf furmaata haaraa taha jennee kan itti amanne manni maree yeroo isaa gaafa xumuratu bittinaa'uun bakka isaa madaala biyya kanaa kan eeguufi hojii hundumaa kan hordofu komishinootni garaagaraa hundaa'uun furmaata ejjennoo jedhu Tumsi paartilee kun akka qabu himan.

Hanga filannoon gaggeeffamutti Koreen hojii raawwachiiftuu MM Abiy Ahmad akkuma jirutti waggaa tokkoof turuun hojii mootummaa yoo gaggeesse furmaata tahuu danda'a jedhan.

Eenyu biyya haa gaggeessuu

Yeroon hojii mana maree Itoophiyaa waggaa shanii ji'a Waxabajjii kanatti xumurama. Miseensotni paarlaamaa ji'a Fulbaana bara 2020 tti akkaataa heera mootummaa irra taa'ee jiruun gara hojii isaaniitti deebi'uu hin danda'an.

Kanaaf jecha mootummaan ogeessotaan qorachiisuun furmaata tahuu kan danda'an qabxiilee afur dhiyeessee isaan keessaa heera mootummaa hiikuu kan jedhu manni maree raggaasisuun mana maree federeeshiniif darbeera.

Paartileen morkattootaa hedduun ammoo tarkaanficha mormaniiru. Tumsa [Alliance] jedhamuun paartiin beekamu kun ammoo MM Abiy akkuma jirutti tilaamaamaan waggaa tokkoof aangoo isaa irra turuun hanga filannootti biyya kana osoo gaggeessan furmaata taha jennee amanna jedhan.

Koreen hojii raawwachiistuu ministira Muummees akkasuma hojii isaanii itti fufuun biyya kana hanga filannootti gaggeessuu qabu ejjennoo jedhu qabu.

Haa tahu malee dhimma biyyaa hundaa MM Abiyyii fi koree hojii raawwachiistuu kanatti dhiisuurra bakka mana maree bittinaa'uu komishinoota hordofan barbaachisa jennee amanna jedhan Obbo Mikaa'el Booran.

Dhimmoota gurguddoo Tumsi paartilee kun kaa'ee komishiniin hundaa'ee hordofuu qaba jedhes;

  • Hariiroo biyyoota alaa kan ilaallatan
  • Humna ittisaa fi poolisii fi nageenya biyyaa
  • Ijaarsa dimokiraasii kan miidiyaa, boordii filannoo fi mana murtiis hammatuu
  • Tokkummaa Biyaalessaa irratti waliin hojjechuu kannen jedhanidha.

As keessatti jaarmiyaaleen siyaasaa hundinuu hirmaachuun komishiniin kun hundaa'uu qaba jechuun akka amanan himan Obbo Mikaa'e ejjennoo paartilee kanenii yoo ibsan.

Mootummaa ce'umsa irraa addadha kan jedhan Obbo Mikaa'el dhimmoota jajjabaoo kana mootummaa amma jiru cinatti komishinootni hundaa'anii hordofuun yerooma dheereffame kana akka barbaadan akka itti hin fayyadamne hordofuuf gaarii taha jedhan.

Ejjennoo paartileen 'Tumsa' keessa jiran baasan kana paartileen akka 'madirek' Arenaa fi kaanis beeku ittis waliigalu jedhani isaanis gara Tumsa paartilee kanaatti makamuuf gaafatanii boordii filannoo irraa beekamtii argachuuf eeggachaa akka jiran himaniiru.

Gama biraan ammoo miseensi KFO Obbo Jawaar Mahaammad fi Obbo Lidatuu Ayyaaleew Fulbaana booda bulchiinsi Abiy Ahmad seerummaa waan hin qabneef hundi keenya waluma qixa jedhanii kanaaf furmaatni siyasaa dhufuun dirqama kan jdhu dubbatanii ture.

MM Abiy Ahmad ammoo Paartiin bilxiginnaas miseensota hedduu kan horate caasaa hedduu kan qabuu fi jijjiirama akka biyyaatti dhufe hoogganuudhaan namoota hedduu biratti fudhatamummaa kan argateedha'' jedhan.

Weerarri Covid-19 darbee hanga filannoon gaggeeffamutti paartiin bilxiginnaa dirqama biyya bulchuu qabas jedhan.

Tumsa Dimokiratawaa Federalizimii Sab-daneessaa

Tumsa jedhamuun kan beekamu tukkummaan paartilee kun ABO, Adda Bilisummaa Biyyaalessa Ogaadeen, fi Agaw Biherawwii Shoongoo fi paartii Mochaa jedhamanidha.

Isaan kunneen tokkummaa kana jalatti hojjeechuuf boordii filannoo biyyaalessaa irraa beekamtii seeraa kan fudhatan yoo tahu gara tokkummaa kanaatti makamauuf paartileen gaafatan biroon beekamtii argachuuf adeemsa irra akka jiran Obbo Mikaa'el Booran Miseensi Gumii Sabaa ABO himaniiru.

MADRAK fi Arena akkasumas paartileen kaan biroos adeemsa irra jiru jedhan.

Ibsa amma bahe kanas walumaan mari'atanii akka dhiyeessan himaniiru.

Itoophiyaan sababa weera koroonaavaayirasiin labsii yeroo muddamaa jala kan jirtu yoo tahu sababa kanaanis filannoo biyyaalessaa yeroo biraati dabarsiteetti.