Manni Murtii Poolisiin Oromiyaa akka Obbo Lidatuu hiiku ajaje

Obbo Lidatuu Ayyaaloo

Manni Murtii Olaanaan Godina Shawaa Bahaa Poolisiin Oromiyaa akkaataa ajaja mana murtiitiin Obbo Lidatuu Ayyaaloo akka hiiku ajaje.

Obbo Lidatuu Ayyaaloo har'a ganama Mana Murtii Olaanaa Godina Shawaa Bahaatti dhiyaatanii turan.

Abukaatoon isaanii Obbo Abduljabbaar Huseen beellami har'aa ajaja kanaan dura kennaman lamaan ilaaluuf ture jedhan.

Obbo Lidatuun ganama sa'atii 4:30 irratti dhaddachatti dhiyaachuu kan himan Obbo Abduljabbaar, dhaddachi kun dhimmoota lamarratti murtee dabarsuu himan.

''Tokkoffaaan meeshaa seeraan alaa qabachuudhaan himata irratti banamerratti ragaa abbaan alangaa qaba jedhe dhageffachuu yoo ta'u, ragaaleen sadi dhiyaatanii ragaa bahaniiru'' jedhan Obbo Abduljabbaar.

''Dhimmi biraan ammoo kanaan dura Hoogganaan Qajeelcha Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu akka dhiyaatan kan ajajamanii dhiyaachuu waan didaniif, qajeelchichi ajaja mana murtii maaliif akka dide Komishiniin poolisii Oromiyaa ajaja mana murtii kana ittiin ga'ee, ajaja kana ittiin ga'uusaa mana murtiif akka gabaasu beellami qabamee ture'' jedhan.

Haaluma kanaan Komishiniin Poolisii Oromiyaa ajaja kana qajeelcha poolisii magaalaa Bishooftuutiin ga'us, hoogganaan qajeelchichaa garuu xalayaan isaan ga'uu hin ibsine jedhan abukaatoon kun.

Hoogganaan kun dhaddacharratti kan hin argamne yoo ta'u, poolisiin Obbo Lidatuu gara dhaddachaa fidanii dhufan qajeelchichatti hoogganaa haaraan ramadamuu fi isaanis dhimma kana akka quba hin qabne ibsaniiru.

Dhimma kana hordofuun manni murtichaa ajaja lama dabarsuu dubbatan Obbo Abduljabbaar.

Tokkoffaa Hoogganaa Itti Aanaan Qajeelcha Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu fi Hoogganaan Qarannoo Yakkaa ALI Fulbaana 13, 14 akkasumas 26 fi 27 maaliif ajaja mana murtii fudhachuu akka didan, mana murtiitti dhiyaachuun akka ibsa kennan ajajeera.

Olaantummaa seeraa mirkaneessuuf jecha ajaji mana murtii kabajamuu qaba kan jedhe dhaddachi kun, qajeelchi poolisii magaalaa Bishooftuu ajaja kana hojiirra hin oolchu yoo ta'e, qaamni poolisii Oromiyaa sanaa ol jiru itti gaafatamummaa fudhachuu waan qabuuf, Komishiniin Poolisii Oromiyaa bu'uura ajaja mana murtiin Obbo Lidatuun akka hiikaman gochuu qaba jechuun manni murtii ajaja dabarseera.

Ragaan abbaan alangaa har'a dhageessise, afaan-hiikeedhaan waan ta'eef barreeffamaan qophaa'ee, galmee waliin akka walitti hidhamuu qabu manni murtii ajajeera.

Akkasumas ammoo Hoogganaa Itti Aanaan Qajeelcha Poolisii Magaalaa Bishooftuu fi Hoogganaan Qorannoo Yakkaa ALI Fulbaana 13, bara 2013 akka dhiyaatan ajajeera.