Itoophiyaatti guddinni diinagdee %6.1 galmaa'uu MM Abiy Ahimad himan

MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, House of Peoples Representatives of FDRE

Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaa ya'iisaa jalqabaa barahojii isaa jahaffaa gaggeessaa jiru irratti kan argaman MM Abiy Ahimad, Itoophiyaan bara darbe guddina dinagdee 6.1% ta'u galmeessuu miseensota paarlaamaatti himan.

Sababa weerara Covid-19'n seekataroota miidhaman, waayee qaalayiinsa gatii akkasumas xiyyeeffannoo mootummaa isaaniis ibsaniiru.

MM Abiy Itoophiyaan bara bajataa darbe guddina dinagdee 6.1% ta'u galmeessuu akkasumas, oomishaaleen waliigalaa biyya keessaa Itoophiyaa kan bara bajataa darbees doolaara biiliyoona 107.4 tahuu miseensota paarlaamaatti himan.

Kun wayita addunyaan weerara Covid-19'n miidhamaa jirtutti guddinni kun kan galmaahe, tarkaanfiiwwan mootummaan isaanii fudhateen ta'uu himan.

Sababa weerara Covid-19'n seekataroonni hedduun miidhamuus MM Abiy himaniiru.

Seekataroota haalaan miidhaman keessaa seektarri Tuurizimii 9%, geejibni 21%, barnootnis akkasuma gadi bu'uu himan.

Seektara baankii balaa kanarraa baraaruuf, deeggarsi maallaqaa baankii biyyaalessaan kenname, akkasumas bittaan boondii dirqama ture ka'uun hanga ta'e akka isaan bayyanachiise dubbatan.

Akkuma bara darbe baranas mootummaan isaanii deeggarsa gochuu akka itti fufu himan.

Piroojektoonni keenya hedduun adda osoo hin citiin adeemaa jira.

Covid-19 sektara al-ergiif carraa gaarii uumeera jedhan. Kufaatiin biyyoota hedduu mudate seektara maanufaakchariing miidhuus hedduu nu hin hubne jedhaniiru.

Bajatni kaappitaalaa bara kanaaf ramadame kan bara darbeen biiliiyoona 50'n dabaluun hojiilee hedduu hojjechuuf haala akka mijeessuuf dubbatan.

Bajatni kun of eegannoo fi hanna irraa bilisa haala ta’een hojiirra oollaan, bu’aa guddaatu galmaahas jedhaniiru.

Baankiiwwan haaraan 20 oliis seektara faayinaansii biyyattiitti makamuuf qophiirraa jiraachuun diinagdee ni deeggara jedhan.

Tajaajila baankii seektaroota tokko tokko irratti addatti xiyyeeffatan hundeessuuf ni hojjetamas jedhaniiru.

Nootii maallaqaa haaraya

Nootiiwwan haaraa maallaqa biyyaa ilaalchisee kan dubbatan MM Abiy, maallqani kun xiyyaara chaartaraa 30 oliin biyyatti galaniiru jedhan.

Nootiiwwaan haaraa erga gadhiifamanii booda namootni miiliyoonaan lakkaawaman akkaawuntii baankii haaraa banaachuufi maallqani biiliyoona 37 ta’u gara baankiitti deebi’uu himan.

Gama kaaniin alergii shaqaxaarraa biyyittiin galiin argatte yeroo walfakkaataa waggaa darbee waliin walbira qabamee yoo ilaalamu, %15 guddateera jedhan. Kun madaalaa alergii fi bittaa meeshaalee to’achuuf daandii sirriirra jira jedhan.

Qaalayinsi gabaa ammas mataa bowwoo ta’uus ibsaniiru.

Erga Adoolessaatii qaalayinsi gatii gadi bu’aa jiraatus amallee hojii guddaa barbaada jedhan.

Waliigalatti haala addunyaafi Afrikaan keessa jiruun diinagdeen Itoophiyaa haala abdachiisaarra jira jedhan.

Gaaffilee dhiyaataniifi deebii

Gaaffilee miseensota irraa ka'an akka projeektii misoomaa Xaanaa Balasiif yoo deebisan projektichi rakkoo isa mudate keessaa bahuun ji'oota keessatti xumurama jedhan.

Hanqina simintoo furuuf abbootii qabeenyaa hojii kana keessatti hirmaachisuun, warra jiraniis deeggaruun rakkoo kana furuuf akka hojjetan himan.

Carraa hojii uumuu waliin walqabatee, carraa hojii bara darbe uumame miiliyoona sadii bara kanas dabaluuf akka tattaafatanis dubbatan. ''Daandiin eegalle sirrii waan ta'eef itti fufna''.

Tajaajila ibsaa uummataan gahuu ilaalchisee gaaffii dhiyaateef yoo deebisan, ji'oota sadan darban aanaaleen 69 tajaajila ibsaa argachuu himan. Tajaajila ifa aduu kan soolaariinis uummata hedduu fayyaduuf hojiin bal'aan hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Hidha Haaromsaa Laga Abbaayyaratti ijaaramu ilaalchisee ''yoomiyyuu caalaa bara gama hundaan qormaata hedduun nu mudatudha. Jabaannee waltaanee yoo tumsine akka xumurametti yaadaa,'' jedhan.

Humnoonni biyya keessaafi biyya alaa piroojekticha danquu fedhan jiru ija irraa hin buqqifannuus jedhaniiru.

Namoota sababa walitti bu'iinsaafi kaaniiniis qe'ee isaaniirraa biyyuma keessatti buqqa'an hir'isaa dhufeeraa kan jedhan MM Abiy, gaaffii waayee hawaasa Oromoo naannoo Beenishaangul irraa buqqa'an ilaalchisees buqqa'iinsa sababa nageenyaan mudatu sirreessuuf hojjachaa akka jiran dubbataniiru.

'Osodhuma kan iyyu iyyuu hojiin keenya itti fufa'

Paarkii Inxooxxoo

Madda suuraa, FBC

Piroojektoota akka misooma Inxooxxoo, Miidhagina Shaggar, Koyishaa, Wanciifi kaan irrattis komii rakkoon daabboo osoo jiruu jechuun qeeqaniifis deebii kennaniin hojiin akkaasii sektara Turizimii cimsuun galii biyyaa dabalaa jedhaniiru.

''Osodhuma kan iyyu iyyuu hojiin keenya itti fufa,'' jedhaniiru.

'Aanaaleen 94 awwaannisaan miidhamaniiru'

Weerara awwaannisaa kutaalee naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Affaar fi Tigraay miidhe ilaalchisee MM Abiy mootummaan xiyyeeffannoo addaa kennuu himaniiru.

Aanaalee 94 keessatti gandoota 705 ta'antu awwaannisaan miidhaman jedhanii lafa qotisaa heektaara miiliyoona afur ta'u keessaa kan miidhaan irra gahe heektaara 420 ta'uu dubbatan.

Dursanii itti qophaawanii akka turan kan himan MM Abiy, erga mudatee boodas kemikaalaan ofirraa faccisuuf hanqinna jiraa jedhan. Hanqina kana furuufis hoogganoota biyyoota biroo waliiniis hojjechuu dubbatan.

Mootummaan rakkoo kanaaf xiyyeefannoo akka hin kenninetti ilaalamuun sirrii mitii. jedhan.

Naannolee haaraatti akka hin tamsaaneefi bakka miidhaan qaqqabettis balaan beelaa akka hin mudannee hojjechaa jirra jedhaniiru.

Haala amma jiruun yoo ittisuu dandeenye kan bara darbeerra omisha dabalataa miiliyoona 35 araganna jennee amannas jedhaniiru. Miidhaan qaqqabbus 5% gadi ta'aa jedhan.

Nageenya

Haalli biyyaa amma jiru akka 'kanneen jeequmsa uumuu barbaadan jedhan miti'' jedhanii naannoo Beenishaangulitti haalli jiru walxaxaadha jedhaniiru.

Taatee naannoo san jiru keessaa qamoleen harka qaban hedduu dha jedhanii, harkii caaalaan rakkoo achi jiruu Hidha Haaromsaanis walqabataa jedhaniiru.

Guyyoota 20 darabaniif raayyaan ittisaa aarsaa lubbuu kaffaluun dhibbootaan kan lakkaawaman booji'ee kaan ammoo baqachiiseera jedhaniiru.

Rakkoon kun bu'uurarraa furamu malee bakka biraattis deebu'uu waan danda'uuf rakkoo kana maddarraa furuuf akka hojjetamu dubbataniiru.