Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Olaantummaan afaan tokkoo aadaa saba kaanii balleessaa jira' Barreessaa Keeniyaa
Barreessaa beekamaan Keeniyaa Gugii Waa Tiyoongoo, Afriikaanonni afaansaaniitiin barreessuu fi dubbachuu qabu jechuun falmuudhaan beekamu.
Afaanota biyyoota Awurooppaa sababa bulchiinsa koloniitiin olaantummaa argatan, keessattuu olaantummaa afaan Ingilizii, irratti barreeffamoota hedduu barreessaniiru.
Kanneen keessaa barreeffamni sammuu waanjoo kolonii jalaa walaboomsuu irratti xiyyeeffatu ''Decolnizing the mind'' jedhu tokko.
Ngũgĩ wa Thiong'o tibbana wayita badhaasa barreessitoota addunyaaf kennamu fudhatan afaan isaanii, afaan Kikkuyyuun wayita dubbatan namoonni hedduun ajaayibsiifataniiru.
Afaan Kikkuyyuun dubbachuunsaanii kun daranuu dhimma falmisiisaa ta'ee ture.
Badhaasi namoota hojiiwwan adda addaan addunyaaf waa gumaachaniif kennamu kun ''Catalonian International Prize' kan jedhamu yoo ta'u, mootummaa Kaatalooniin kan kennamuudha.
Badhaasa marsaa 31ffaaf qophaa'e kan mo'atan lammiin Keeniyaa Ngũgĩ wa Thiong'o, wayita isaan badhaasa kana fudhatan qondaaltonni mootummaa Kaataaloon hedduun argamaniiru.
Badhaasi kun kanaan dura dursaa amantii sirna appaartaayidiin falman Dezmoondi Tuutuu, falmituu mirga dhala namaa Malaalaa Yuusafzaayi, barreessaa biyya Jappaan Haaruukii Muraakaamii fi filoosoofarri Kaarli Pooppar argataniiru.
Barreessaa Gugii Waa Tiyoongoo badhaasi kun yaadannoo haadhasaaniif akka ta'u himaniiru.
Biyyoonni Afriikaa waanjoo gita bittootaa jalaa bilisa ba'anillee, olaantummaan aadaa fi afaan koloneeffattootaa bifa jijjiirratee ammallee akka biraa hin hafne bifa qeeqaan kaasu barreessaan kun.
Afaan koloneeffattootaa hafuu qaba jechuun waggoota kurna ja'an darbaniif falmaa kan turan Ngũgĩ wa Thiong'o, isaanis haga ammaatti afaansaanii, afaan Kikkuyyuutiin barreessu.
''Wal-qixxummaa afaaniitti nan amana. Baay'inni nama afaan sana dubbatuu rakkoo ta'uu hin qabu. Namni shan kan dubbatu yoo ta'ellee afaan biraan gadi ta'uu hin qabu. Of danda'ee kabajamee jiraachuu qaba,'' jechuun BBC'tti himan.
Yeroo ammaa garuu rakkoo hamaa ta'ee kan jiru, namoonni hawaasa ta'e keessaa ba'an, afaan isaaniitiin hawaasa biraatti wayita dubbatan olaantummaan afaanii akka hin jirretti lakkaa'u.
Afaan isaanii qofaan saba biraatti dubbachuun olaantummaan afaanii mul'achaa jiraachuu, seenaarraa hubachuu dadhabuutu rakkoodha jedhan.
Olaantummaan afaanota tokko tokkoo aadaa sabaa balleessaa jiraachuus dubbatan barreessaan kun.
''Afaan tokko qofa ta'uun aadaatti aara gubataa ta'uudha yookiin kaarbonmonoksaayidii aadaati. Yoo afaan hedduu ta'emmoo qilleensa qulqulluu yookiin oksijiinii aadaati,'' jechuun balaa olaantummaa afaan tokkoo fi faayidaa af-daneessaa ibsan.
Maanguddoon umrii waggaa 82 kun barreeffamoota hedduu, hojiisaaniitiin wal-qabatee hidhaa fi dararaan yeroo hedduuf irra ga'eera.
Yeroo ammaa Yuuniversitii Kaalifoorniyaa keessaa barsiisu.