Yugaandaa: Namtichi mataa daa'imaa borsaatti qabatee paarlaamaa seenaa ture qabame

Yugaandaatti namichi mataa daa'imaa borsaatti qabatee parlaamaa biyyattii seenuuf ture karra irratti qabame.

Namni mataa daa'imaa mormaa olii borsaatti qabatee osoo paarlaamaa seenuuf yaalaa jiruu qabame kun maqaan isaa Joseef Nuwashaabaa jedhama.

Namni umuriin isaa ganna 22 ta'e kun Qajeelcha Qorannoo Yakkaa (CID)tiin to'atame.

Namichi kun maaliif akka mataa daa'imaa borsaatti qabatee parlaamaa seenuuf barbaade wanti beekame hin jiru.

Mataa daa'imaa borsaa sanatti qabatee ture sanas namni kun akkamiifi eessaa akka argates wanti beekame hin jiru.

Maddeen Qajeelcha Qorannoo Yakkaa (CID) Yugaandaa akka jedhanitti, Dilbata darbe daa'imni tokko qe'ee Masakaa jedhamuu achi buuteen dhibameera.

Masaakaan ganda kibbaa-lixa magaalaa guddoo Yugaandaa Kampaalaatti argamtudha.

Qe'ee sanatti reeffi namaa mataa hin qabnees argameera.

Qorattoonnis mataan daa'imaa Mr Nuwashaabaan borsaatti qabatee deemaa ture kun reeffa morma hin qabne Masaakaatti argame sana waliin walitti dhufeenya qabaachuu isaa adda baasuuf qorannoo gaggeessaa jiru jechuun rippoortarri BBC Pashensii Atuha'iree Kampaalaarraa gabaasteetti.

Baroota 1990 keessaafi jalqaba baroota 2000 keessa, Yugaandaan butamuufi ajjeechaa daa'immanii walirraa hin cinne hamaa keessa dabarte.

Qaamni isaanii 'sirna sagadaa barmaata badaa' ta'e' (rituals) keessatti fayyada jedhamee amanama.