Siyaasa Oromoo: Barri 2012 xumurame siyaasa Oromoo akkamiin jijjiire?

Madda suuraa, Marsaalee Hawaasaa, BBC
A.L.I barri 2012 xumurame taateewwan siyaasa saba guddicha Itoophiyaa, Oromoo jijjiiran hedduu keessummeesse. Siyaasni Oromoo bakka bara darbee yeroo kana ture hin jiru. Maaltu jijjiirame?
Barri 2012 Oromoota hedduu biratti miira gammachuu fi abdiin ture kan simatame.
Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee ganna 150 booda deebi'ee kabajamuun, Oromoota dammaqinaan siyaasa Oromoo hordofan biratti gaaffii Oromoon magaalattii irraa qabu deebisuuf akka tarkaanfii jalqabaatti ilaalamee ture.
Marsaalee hawaasaa irratti dhimma siyaasaa irratti kan barreessu Walaabu Jiloo "yeroos Oromoon miira gammachuu, miira abdii qabu, miira ce'uumsa gara diimokiraasiitiif abdachiisaa ta'e keessa ture," jedha.
Qabsoo waggoota dheeraaf godhaa ture injifannoon erga goolabee booda, Oromoon akka kaayyootti wanti qabatee ittiin adeemaa ture biyyattii sana gara diimokiraasiitti ceesisuu ture kan jedhu UK Yuunivarsiitii Weestministaritti barataa PhD kan ta'e Mabraatuu Kallachaa, jalqaba bara 2012 garuu hawwiin gara diimokiraasiitti ce'uu Oromoon qabu laaffachuu kan itti eegaledha jedha.
Yuunivarsiitii Niwu Jenereeshinitti barsiisaa saayinsii siyaasaa kan ta'e Ahmad Qalloo, xumura bara 2011 irraa eegalee jalqabbiin bara 2012 wayita siyaasni Oromoo ititee, jaarmiyaaleen siyaasaa walitti dhufan mari'achuu, miira siyaasa caayaa tokko jalatti deebisuutu ture jedha.
"Namni deeggarsaan adda hin bahu, uummanni akka uummataatti wal hordofee, akka uummataatti wal deeggaraa ture. Paartileen siyaasaallee wal utubaa ture."
Yeroo sana haala nama gammachiisutu ture jedha Ahimad.

Waggaa tokko booda siyaasni Oromoo kan wayita barri haaraa xumurame kun eegalamu turerraa haalaan fagoo jira.
"Oromoo qofa osoo hin taane guutuun biyyaa waan faallaa waggaa har'aa ture keessa jira" jedha Walaabuun.
"Wayita ammaa uummanni sodaa, miira abdii kutannaa, jeeqama fi shororkaa cimaa keessa jira" jedhe.
Kana kan ibsu hidhaa fi ajjeechaa iddoo adda addaatti raawwatamaa jiruu fi wal shakkii sabaa fi sab-lammoota jidduutti uumame akka ta'e dubbata.
Hariiroon paartilee siyaasaa fi mootummaa jidduu ture kan jalqaba bara darbee abdi qabeessa fakkaatu ture amma akka san hin jiru.
"Paartilee fi mootummaan wal afaan deebi'an, jaarmiyaaleen (institutions) waliin ijaaruuf eegalames adda deddeemee, yeroo ammaa kanatti uummanni burjaajjii keessa jira" jedha Ahimad gama isaan.
Maaltu dabe?
Jalqabumaa uummanni Oromoo gaaffiilee lakkaawwate mootummaa amma jirutti kennate qaba kan jedhu Walaabuu Jiloo, "waan sanarratti [uummatni] ni ganame," jedha.
"Ganamuu sanarraa ka'ee uummanni duraan abdiin qabaachaa ture gara abdii kutannaatti deeme," jedha.
Gaaffilee kanneen keessaa tokko gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi ofiin of bulchuuti kan jedhu Walaabuun, mootummaan sana deebisuun hafee sirna federaaliizimii duraan turellee gara jijjiiruutti deeme jedha.
Saamichi lafa qabsoo Oromoo kan waggoota muraasa darbaniif ka'umsa ture ittuu hammaatee itti fufe jedha.
Dabalataan malaammaltummaa, hoji dhabdummaa fi qaala'iinsi jireenyaa wantoota caalaattuu uummata gara abdii kutannaatti geessani, uummatni gaaffii kaasuu eegale jedha Waalaabuun.
Gaaffileen kunneen iddoo iddootti gara mormiitti jijjiiramuufi caasaan mootummaa kanneen gaaffilee kanneen kaasan gara hidhuufi ajjeesutti seenuun daranuu haala hin taane uumuu dubbata.

Hawwiin gara diimokiraasiitti ce'uu Oromoon qabaachaa ture jalqabuma bara 2012 laaffachuu eegale kan jedhu Mabraatuu Kallachaa, haala siyaasaa amma jiruuf 'mootummaan wantoota waadaa seene raawwachuu dhabuu' akka sababaatti kaasa.
Wantoota waadaa galaman keessaa tokko filannoo ta'uu eeruun, mootummaan 'filannoo diimokiraatawaa ta'e gaggeessinee uummata kana ni ceesifna' waadaa jedhu ni cabse jedha.
Mootummaan waadaa gale eeguu dhabuu fi filannoo yeroo isaatti gaggeessuurraa duubatti laafachuun mormitootatti shakkii uumuu fi gara wal dura dhaabbannaatti akka oofe hima.
"Shakkiirraa ka'uun mormitoonni mootummaan gara filannoo akka deemu dhiibbaa irratti gochuu eegalani," jedha.
Yeroon aangoo mootummaa dhumachuun wal qabatee gaaffilee mormitootarraa jabaachaa dhufeen, mootummaan aangoo isaa tiksuuf jedhee mormitootarratti lola labse jedha Mabraatuun.
Fedhii aangoo mormitootaa
Barsiisaan siyaasaa Ahimad Qalloo garuu rakkoon siyaasaa Oromoo akka hammaatu kan sababa ta'e paartileen mormituu aangoo barbaachatti seenuudha jedha.
"Mormitoonni duraan mootummaan kun keenya jechaa ture gara aangoo barbaachatti ce'ani," jedha.
Paartileen mormituu Oromoo iccitii siyaasa Oromoo kan dhaaba biyya bulchu waliin mari'ataa ture miidiyaatti baasuu eegaluun wal qabatee, hariiroon mormitootaafi mootummaa jidduu jiru laaffachuu hima.
Dhaabni biyya bulchu iccitii siyaasaa Oromoo eeguuf jecha mormitootatti karra cufatee jennaan mormitoonni "diinatti firoomutti cehani" jedha Ahimad.
San boodas marii dhiisuun uummata gara warraaqsaatti yaamuu eegalani jedha. Mootummaanis gara tarkaanfii irratti fudhachuutti seene jechuun ibsa.
Paartileen kunneen uummata caalaa aangoof wal reebuutti seenani jedha.
Gama biraan rogeeyyii fi hogganoonni siyaasaa mootummaan uummata gane, 'sirna nafxanyaatti deebi'e' jechuun duula 'piroppaagaandaa' mootummaarratti banuu hima Ahimad.
Sababa kanaan hariiroon mootummaa fi paartilee mormituu jidduu jiru rakkoo godhachuu hima.
Faallaa kanaatiin hariiroon mormitootaa fi mootummaa jidduu jiru akka hammaatu sababni mootummaa ta'uu kan falmu Walaabuun, mootummaan paartilee mormituu irratti dhiibbaa uumuu hima.
"ABOn akka waan dhaaba hidhatee mootummaa fonqolchuuf deemuutti irratti ololame, KFO irrattis akkasuma ololli banamee, miseensota isaanii rukuchuu fi hidhuutti adeemame" jedha.
Haalli kun hariiroo gaarii waggaa tokko dura ture jijjiiree wal shakkuu, walirraa fagachuu fi wal balaaleffachuun akka uumamu sababa ta'es jedha.
Gama biraan ammoo mootummaan walitti dhufeenyi ykn tokkummaan paartilee siyaasaa Oromoo akka hin ititne irratti hojjechaa ture jedha.
Gaaffilee Oromoo
Siyaasni Oromoo gaaffilee mirgaa waggoota dheeraaf gaafatamaa dhufan bu'uura godhatu qaba.
Mootummaan gaaffilee kanneen yeroon deebisuu dhabuun siyaasni Oromoo gara mormii ykn diddaatti akka deebi'u taasiseera jedha Walaabuu Jiloo.
Gaaffilee akka abbummaa magaalaa Finfinnee, Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa gochuu, gaafii abbaa biyyummaa fi kaan deebisuuf yaaliin godhame hagas mara waan jiru natti hin fakkaatu jedha Mabraatuun.
Gaaffilee kana deebisuu dhabuu qofa osoo hin taane, uummata gaaffilee kanneen kaasu gara callisiisuutti adeemame jedha.
Dallansuu sababa kanaan uummata Oromoo fi mootummaa jidduutti uumameen, mootummaan 'shift on loyalty' ykn amanamummaa isaa Oromoo irraa gara uummata barate kan magaalota keessa jiraatuutti (urban based elite) jijjiire jedha.
"Ammatti uummanni [Oromoo] fi mootummaan garaa fi dugda yeroo itti ta'an natti fakkaata," jedha.
Uummanni daranuu gara falmachuutti adeemaa jira, mootummaan ammoo aangoo isaa ittifachuuf gara uummata sabaan hiree bulchuutti adeemaa jira, kun biyyattii gaaga'ama hin malleef saaxiluu mala jedha Mabraatuun.
Ahimad garuu gaaffiin Oromoon waggoota dheeraaf akka sabaatti beekamtii argatee, afaan isaatiin baratee, biyyaa isaarratti abbaa ta'ee ofiin of bulchuuf gaafataa ture guutummaatti deebii argateera jedha.
Gaaffileen akka magaalaa Finfinnee fi Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa gochuu waggoota muraasa darban gaafatamaa turan ammoo sududaan deebii argachaa akka jiran hima.
Gaaffilee kanneen deebisuun jaarmayaa ijaaruu gaafata kan jedhu Ahimad, mootummaan kana ijaaruutti jira sun ammoo yeroo gaafata jedha.
Mormitoonni fi rogeeyyiin uummata warraaqsaaf waamaa jiranillee, hariiroon uummataa fi mootummaa jidduu jiru akka marsaalee hawaasaa irratti badaa fakkaatu miti, qabatamaan lafarra wanti jiru faallaa saniiti jedha.
Qaama hawaasaa keessaa kan mootummaa mormu dargaggoota muraasaa fi shamarran xixiqqoo malee, qaamoleen hawaasaa hedduu mootummaa waliin hariiroo gaarii qabaachuu dubbata.
Maaltu fala?
Dhimma siyaasaa Oromoo irratti kan dubbifne namootni sadan ka'umsa rakkoo fi hamma rakkoo jiruu irratti yaada garaa garaa haa qabaatan malee siyaasaa Oromoo keessa rakkoon jiraachuu hin haalani.
Rakkoo jiruuf furmaata wayita gaafatamanittis mariin hunda hirmaachise fala ta'uu dubbatu.
Mariin biyyaalessaa (national dialogue) paartilee siyaasaan amma eegalame jabaatee itti adeemamuu qaba jedha Mabraatuun.
"Marii kana haalaan bal'isanii, warra mana hidhaa jiranis gadi lakkisanii, warra bosona jiranis nagaadhaan akka itti makaman godhamanii itti adeemamuu qaba," jedha.
"Mootummaan of sirreessee, namoota seeraan ala hidhamanillee hiikee, waltajjii marii qopheessee karaa nagaan rakkoo jiru hiikuu qaba," jedha Waalaabuun.
Qaamolee nageenyallee sakatta'uun tarkaanfii seeraan alaa uummatarratti fudhatamaa jiru akka of qusatan gochuu qaba jedha.
Ahimad gama isaatiin Oromoon gaaddisa sabaa bakka warreen yaadama siyaasa qaban marti jalaa ajajaman (center of command) ijaarrachuu qaba jedha.
Gaaddisni sabaa kun barataa, barsiisaa, daldalaa, abbootii Gadaa, haawwan fi qaamolee gara garaa irraa ijaarama jedha.
Kanarraa kan hafe paartileen yaadaan walitti dhufee wal mormuu malee 'piroppaagaandaan' walitti deemuun fala hin ta'u jedha.

















