Siyaasa Oromoo: Dr Milkeessaa Miidhagaa aangoorraa kaafaman

Madda suuraa, Milkeessaa Miidhagaa/Facebook
Hogganaa Biiroo Bulchiinsaa fi Itti fayadama lafaa Oromiyaa ta'uun hojjechaa kan turan Dr Milkeessaa Miidhagaa aangoorraa kaafaman.
"Dhimma paartii Badhaadhinaa irratti of-qusannaa (Reservation) qabda jechuun aangorraa na kaasan" jechuun Dr Milkeessaan BBC'tti himaniiru.
Dr Milkeessaan jijjiirama siyaasaa Itoophiyaa keessatti dhufe hordofuuni gara miseensummaa dhaaba biyya bulchaa jiruufi gara hoggansa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kan dhufan.
Waggoota lamaan darbaniif hogganaa Biiroo Dhimma Dargaggoo fi Ispoortii akkasumas hogganaa Biiroo Bulchiinsaa fi Itti fayadama Lafaa Oromiyaa ta'anii hojjetaa turan.
"Ejjennoowwan dhaabaa irratti of-qusannaa qabda jechuun anaa fi itti aantotakoo hunda aangorraa kaasan," jedhu Dr Milkeessaan.
Haa ta'u malee gorsaa Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa ta'uun akka hojjetan itti himamuu dubbatu.
Ejjennoo dhaabaa irratti of-qusannaa qabda jedhamanii erga aangoo irraa ka'anii booda akkamitti gorsaa paartii ta'anii akka muudaman kan gaafannee Dr Milkeessaan, "waan baay'ee amma himuu hin barbaadu" jedhaniiru.
Dr Milkeessaa Miidhagaa ijaarsa seeraan alaa naannoo Finfineetti raawwatamaa jiru ilaalchisee Amajjii keessa miidiyaaf ibsa erga kenneen booda mootummaarraa dhiibbaan irra gahaa akka ture BBC'n odeeffateera.
Waltajjiiwwan adda addaa irratti gamaaggamaafi qorannoon adda addaa irratti taasifamaa akka tures BBC'n quba qaba.
Sadasaa darbe Pireezidantiin Naannoo Oromiyaa duraanii fi Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Obbo Lammaa Magarsaa falaasama Ida'amuufi walitti baquu paartiilee biyya bulchaa jiraniitti akka walii hin galle himanii turan.
''Walitti baquun paartii kanaa sirri miti, sirri ta'ulleen amma yeroosaa miti jedhee waanan amanuuf ejjannoo kiyyaa kanaan ala of taasiseen jira,'' jedhuu Obbo Lammaan.
Sababii isaas yoo himan: ''Tokkooffaa nuti hooggantootni Oromoo sabni nu amanee gaaffii gurguddaa nutti kenneetu jira. Nutis isiniif deebiifna jennee waadaa galleerraaf.
Kanaafuu gaaffii uummatichaa ODP'n osoo hin deebisiin paartii haaraa dhaabuun waadaa nyaachu ta'a,'' jedhan.
Ergasii booda garuu dhimma kanarratti garaagarummaa yaadaa MM Abiy waliin qaban dhiphisanii waliin hojjechuuf walii galuun isaanii himamee ture.












