Poolisiin Finfinne ibsa paartiin IZEMA kennuuf ture ‘ulaagaa hin guunne’ jechuun dhorke

IZEMA

Madda suuraa, Ethiopian Citizens for Social Justice

Paartiin Haqa Hawwaasummaa Lammilee Itoophiyaaf (IZEMA) magaalaa Finfinnee keessa ‘weerara lafaafi kenninsi carraa manneen jireenyaa loogii qabu’ jira jedheerratti ibsi kennuuf ture poolisiin dhorkame.

Paartichi har’a Jimaata sa’aatii shan irratti Hoteela Raasitti ibsi kennuuf ture. Ta’us, poolisii kutaa magaalaa Qirqoosin dhorkamu dubbii himaan dhaabichaa Obbo Naatinaa’el Fallaqaa BBC’tti himaniiru.

Dhimma kana kan gaafanne poolisiin Finfinnee ibsi kan dhorkame hoggantoonni dhaabichaa eeyyama osoo hin qabaatin walgahii taa’uu akka hin dandeenye waan ta’eefi jechuun ibseera.

Qondaalli dhaabichaa Obbo Naatinaa’el garuu akkuma kana dura ibsa yeroo kennan taasisan, dursanii hoteelichaafi Minsiteera Nagaaf xalayaa galchuu himu.

Dhaabni IZEMA kana dura Magaalaa Finfinnee keessaa weerarri lafaa jira akkasumas ‘’kenninsi manneen jireenyaa loogii qabu jira’’ jechuun odeeffachuu isaa ibsee ture.

Kanarrattis, eeruu argadhe jedhe bu’uura godhachuun koreen miseensota koree Hojii raawwachiiftuu dhaabichaan durfamu hundaa’ee qorannoo taasisu ibsa.

Qorannoo argadhe jedhe kanas ibsa har’aa irratti ummataaf ifa gochuuf akka ture Obbo Naatinaa’el himu.

Maaltu ta’e?

Guyyaa har’aa hoteelichi bakka ibsi kennamu qopheessee gaazexeessitoonniifi qondaaltonni bakkicha gahanis qajeelchi poolisii kutaa magaalaa Qirqoos ibsa kennuu akka dhorke dhaabichi ibsa.

Sababa kanaan ibsi osoo hin kennamiin hafeera jedhan qondaaltonni dhaabichaa.

Waan polisiin ittiin jedhe kan gaafanne Obbo Naatinaa’el ‘’ibsa kennuu akka dandeessan qaama oliirraa ajaji dhufuu qaba’’ jedhani jechuun BBC’tti himan.

Qaama oliirra kan jedhan keessaa komishinii poolisii Finfinnee, akkasumas bulchinsaafi nageenya kutaa magaalaa Qirqoos maqaa dhahuu isaanii himan.

Qaamolee nageenyaa eeraman keessaa tokko tokko qaamaan isaan bira dhufanis eeyyama garuu kennuu hin dandeenye jedhu.

Kana dura dhaabni IZEMA Magaalaa Finfinnee keessatti ‘’weerarri lafaafi kenninsi carraa manneen jireenyaa loogii qabu’’ jira jechuun bulchiinsi magaalichaa ibsa akka kennuuf gaafatee ture.

Ta’us, bulchiinsi magaalichaa irraa deebii hin arganne jedhu Obbo Naatinaa’el.

Sababni bulchiinsa magaalichaa qunnaman yoo ibsanis qorannoo taasisaa jirra jedhan keessatti yaada bulchiinsa magaalichaa keessa galchuf akka ta’e himu.

Waajjirri kantiibichaa xalayaa dhaabichaa fudhachuufi deebii kennuu dhabu kan himu dhaabni IZEMA, Eejansiin misooma manneeniifi misooma lafaa magaalichaammoo xalayaa fudhachuuf fedhii dhabu ibse.

Poolisiin maal jedhe?

Ogeessa Sab-qunnamtii Komishinii Poolisii Finfinnee kan ta’an Inispeektar olaanaa Maarqos Taaddasaa ibsa kennuun kan dhorkame dhaabichi ‘’ulaagaa guutuu qabu waan guutuu dhabeefi’’ jedhan.

Itoophiyaan labsii yeroo muddamaa keessa jirti jechuun, yeroo akkanaa walgahiin kan taasifamu haala Covid-19’f hin saaxilleen ta’u akka qabu dubbatan.

Osoo kana hin hordofiin walgahii taa’uun ‘’ labsii yeroo muddamaa cabsu waan ta’ef’’’ poolisiin walgahii dhorkuu ibsan.

Dhaabni IZEMA eeyyama malee ibsa kennuuf qophaa’e kan jedhe poolisiin Finfinnee, eeyyama gaafa argatan ‘’yeroos walgahuu danda’u’’ jechuun dubbate.

Dhaabichi eeyyamsifneerra, xalayaan hanga dhufu walgahii itti fufna jechuun dubbatu poolisiin himeera.

Ta’us, ‘’eeyyama osoo hin qabaatin walgahuu waan hin dandeenyeefi ulaagaa waan hin guunneef walgahiin dhorkameera’’ jechuun Inispeektar Maarqos BBC’tti himaniiru.

Kana dura, irra - deddeebiin weerarri lafaa magaalaa Finfinnee keessa jiraachuu qondaaltonni mootummaa akkasumas jiraattonni ibsaa turan.

Darbee darbee mootummaanis kanneen seeraan ala lafa to'atan to'achuufi kanneen seeraan ala ijaaraman jedhe diiguu ibsaa turuun ni yaadatama.

Torban dura kantiibaan magaalaa Finfinnee ta'un waggaa lamaaf kan tajaajilan Injinar Taakkalaa Uumaa sababa hin ibsamneen aangoorraa kaafamuun ministeera ta'un muudamaniiru.

Isaan hordofee Aadde Adaanach Abeebee kantiibaa itti - aantuu magaalichaa ta'un kan muudaman yoo ta'u kanneen irratti xiyyeeffatanii dalagan keessaa tokko rakkoo mana jireenyaa furu akka ta'e ibsuun ni yaadatama.