'Nutii aadaa siyaasaa haaraa beeksiisuuf yaalaa jirra'

Piroofeesera Biraanuu Naggaa

Pirofesar Birhaanuu Naggaafi Obbo Anduwaalem Arraagee dursaafi itti-aanaa paartii 'Ya Itoophiyaa Zeegooch Mahibaraawwii Fitihi' (IZM) ykn Haqa Hawwaasummaa Lammile Itoophiyaa ta'uun filataman.

Piroofesar Birhaanuun sagalee 912 argachuun ture kan dursaa paartichaa ta'uun filataman.

Obbo Yashiwaas Asaffaafi Dr. Kabbadaa Caannee ammoo hogganaafi itti-aanaa hogganaa ta'uun filatamaniiru.

Paartileen 'Siyaasa lammummaa' gaggeessina jedhan kun kaleessa Finfinnee galma naannoo Caffee Haraaraatti argamutti paartii haaraa hundeessuudhaan maqaa isaa 'Ya Itoophiyaa Zeegooch Mahibaraawwii Fitihi' (IZM) ykn Haqa Hawwaasummaa Lammile Itoophiyaa jedhu moggaafatanii turan.

Kanaan dura paartii haaraa hundeeffachuudhaaf paartileen duraan turan ja'a diigamuun isaanii ni yaadatama.

Aanga'oonni paartii arbanyooch Ginbot 7 kan turan Obbo Efireem Maadeboofi Obbo Andaargaachoo Tsigee lammummaa biyya biroo waan qabaniif partii haaraa keessatti itti gaafatamummaa akka hin qabaanne ibsameera.

Paarticha hundeesuudhaaf namoonni baayyeen kutaa biyyattii bakka gara garaarraa kan walitti qabamaniiru.

Obbo Anduwaalem Arraagee erga mana hidhaatii bahanii booda jaallattoota isaanii waliin paartii hundeessuu akka yaadan heeranii, karaa Arbanyooch Ginbota 7fi Paartii Samaayaawwiitiinis yaadni walfakkaataa waan jiruuf miseensonniifi gaggeessitoonni Paartii Aandinat duraaniifi kanneen biroo walitti qabuun isaanii ni dubbatu.

Obbo Anduwaalem ji'oota sadet darban keessa gareewwan gara garaa waliin mariyachaa akka turanis ibsaniiru.

Obbo Anduwaalem akka jedhanitti, Itoophiyaan biyya sababaafi sablammootaa waan taateef paartii haaraa keessatti namni akka namummaa isaatti mullataafi yaada gaarii Itoophiyaadhaaf qabuun kan ittiin madaalamu paartii siyaasaa lammummaa irratti hundaa'e hundeessuudha yaadni isaanii.

"Kaayyoon keenya Itoophiyaa biyya abdiifi dimokiraasii taasisuudha," kan jedhan Obbo Anduwaalem paartichi sanyummaa dura dhaabbachuudhaan sirna namoonni walaba keessatti ta'an uumuudhaaf gahee ni qaabata jedhanii akka amanan ibsaniiru.

Kora har'aa kanaan maqaafi hasxaan paartichaa kan mirkanaa'e yommuu ta'u, danbiin paartichaa mirkanaa'ee koreen filachiistuu akka filatamus Obbo Anduwaalem himaniiru.

Dhaabbileen siyaasaa Sabummaarratii bu'uureffaman akka diinaatti akka isaan hin ilaaleefii akka isaan hin sodaannes dhaamaniru.

Itt aanaa Hoogganaan dhaabichaa ta'uun kan filamu Obbo Andu'aalem ilaalchaafi kaayyoo dhaaba isaaniis BBC'tt dubbataniiru.

"Siyaasa lammuummaarratti xiyyeefate gaggeessina. Kun ammoo lammiilee Itoophiyaa hunda ilaallata. Mana tokkoon tokkoon lammiilee biyyattii kan galuudha," jedhan.

Kana caala ammoo wayita gara hojiitti gallu yeroo uummaticha gurmeessinu, uummatichi matumsaatiinuu sabdanummaa waan calaqqisuuf isuma isaan keessa jiru isaanitti deebisuu ta'a ni salphatas jechuun ibsan Obbo Anduwaalem.

Obbo Anduwaalem, paartileen siyaasaa sabummaarratti xiyyeefate gaggeesaniis ilaalcha kanarraa waan hedduu fagaatan natti hin fakkaatu. Isaaniis oolanii bulanii daandii isa qajeelaa kanatti ni deebi'u jedheen yaada.

"Nutii aadaa siyaasaa haaradha kan beeksiisuu yaalaa jirru. Daandiin keenya jaalaala. Kanammoo qabatamaan agarsiifna.

Itoophiyummaa gaafa jennummoo kan nu fakkaatan kan nu deeggaran qofa osoo hin taane namoota yaada faallaa qabaniis ni kabajna sagalee isaniis ni caqasna."