Dhaddachaa maatiin shakkamtootaa yeroo duraaf hordofanirratti maaltu jedhame?

Obbo Jawaar Mohaammadiifi Obbo Baqqala Garbaa

Madda suuraa, Jawar Mohammed/FB

Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa dhaddachi ramaddii Araadaa galmee qorannoo duraa Obbo Jawaar Mahaammadfaa namoota 14 irratti ragaalee abbaa alangaa dhaggeeffachuuf Roobii Hagayya 26 beellamus jecha ragaalee hin dhaggeeffanne.

Abbaan alangaa "shakkamtoota ragaaleen koo jecha irratti kennaniif bu'aan qorannoo dhibee Covid-19 waan hin qaqqabneef ragaaleekoo dhiyeessuu hin dandeenye" jechuun hanga bu'aan qorannoo shakkamtootaa dhiyaatutti yeroon akka kennamuf gaafateera.

Namootni bu'aan qorannoo isaanii eeggamaa jirus shakkamtoota 4ffaa hanga 9ffaa jiran akka ta'e abbaan alangaa himeera.

Manni murtichaas Institiyuutin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa bu'aa qorannoo Covid-19 shakkamtoota kunneenii Hagayya 22 bara 2012 akka dhiyeessu ajajeera.

Kana dura eegdoonni Jawaar Mohaammad koronaavaayirasiin qabamuu isaani hordofee qorannoo taasifameen Jawaar Mohaammad, Baqqala Garbaa, Hamzaa Adaana (Booranaa) fi Shamsaddiin Xahaa qoratamanii bilisa ta'un isaanii ni yaadatama.

Iyyata Shakkamtootaa

Dhaddachi Roobii kun raawwii ajajawwan beellama darbe irratti kennaman dhaggeefachuun eegale.

Obbo Jawaar Mahaammad "haadha warraa koo fi daa'ima koo walin guyyuma tokkon haasa'e. Daa'imni koo hidhamuukoo hin beeku. Kanaafuu torbeetti al lama akkan isaan argadhuuf ajajni naaf yaa kennamu" jechuun gaafatan.

Abukaatoon shakkamtootaa Obbo Jawaar fi Obbo Baqqalaan hiriyoota fi waahillan isaanii walin wal arguu dhorkamuu isaanii dubbataniiru.

Kunis heera biyyattii keewwata 21 hidhamtootni mirga hiriyoota isaaniitin daawwatamuu qabu jedhu kan sarbudha jechuun dhimma kana irratti manni murtichaa ajaja akka kennuuf gaafataniiru.

Obbo Jawaar Mahaammadis miseensa dhaaba siyaasaa ta'uu isaaniifi yeroo ammaatti deeggarsi dhaaba isaanii akka isaan barbaachisu himuun miseensota dhaaba isaanii walin akka mari'atanif haalli akka mijatuuf gaafatan.

Gaazexeessaan OMN Mallasaa Dirribsaa manni murtii qorannoon dhibee covid-19 akka taasifamuf ajajaa turullee ajajni mana murtii kun hanga ammaatti osoo hin raawwatamin akka jiru dubbate.

Manni murtichaas Mallasaa Dirribsaafaan maaliif qorannoon Covid-19 akka hin taasifamne Bulchiinsi Hidhamtootaa Komishinii Poolisii Magaala Finfinnee dhaddacharratti argamee akka hubachiisu ajajeera.

Iyyatni abukaatoowwan shakkamtootaa dhiyeessan inni biraan Obbo Jawaar Mahaammadif meeshaaleen barreeffamaa waraqaa fi kobbeen akka hin seenne dhorkameera kan jedhu ture.

Kunis mirga shakkamaa kan sarbu waan ta'ef manni murtichaa ajaja akka irratti kennuuf gaafatan.

"Yeroon jalqaba qabametti laastikii fi sibiilaan reebameera. Gurrikoo tokko hin dhagahu. Tajaajila yaalaas al tokko qofan argadhe" kan jedhe Shamsaddin Xahaa "hospitaala fooyyee" deemee akka yaalamu jechuun gaafate.

Poolisiin gama isaatiin Shamsaddin Xahaa Hospitaala Poolisiitti al tokko yaalamuu isaafi ammallee tajaajila yaalaa yoo barbaade akka yaalamu gochuuf qophii ta'uu himeera.

Gama biraatin, abukaatoowwan shakkamtootaa qaama herreegni baankii shakkamtootaa fi maatii isaanii uggure baruu akka hin dandeenye mana murtichaatti himaniiru.

Abbaan alangaa gama isaatin herreegni baankii shakkamtootaa Mana Murtii Olaanaa Federaalaan akka uggurame himuun lakkoofsa galmee ittin uggurame abukaatoo shakkamtootaaf akka laatu himeera.

Manni murtichaa iyyata shakkamtootaa kunneen irratti ajaja fi murtee kennuuf Hagayya 22 bara 2012'tti beellame.

"Ragaalee sobaatu nurratti qindaa'aa jira…" - Obbo Jawaar Mahaammad

''Ragaaleen abbaan alangaa dhiyeessaa jiru ragaa sobaa bahaa jiru'' jechuun kan himatan Obbo Jawaar Mahaammad dhimmi isaan itti hidhamanis dhimma siyaasaa filannoo keessaa isaan hambisuu kaayyefate ta'uu dubbatan.

Kana malees, namootni mirgi wabii isaanii eeggame battalumatti qabamanii qaama biraatif dabarfamanii kennamaa jiraachuu kan himan Obbo Jawaar "ajajni mana murtii poolisiin kan diigamu taanaan maal gochuu as dhufna?" jechuun gaafatan.

Obbo Baqqalaa Garbaa gama isaaniitin namni beekkamaan yookiin ummata biratti fudhatama qabu tokko yeroo ajjeefamu hookkarri ummamuun muuxxannoo biyyaalee heddu ta'uu himuun sababni isaan itti qabaman dhimma siyaasaa ta'uu dubbatan.

Kana malees, Obbo Baqqalaan osoo hin hidhamin durallee isaan fi Obbo Jawaar irratti duulli "seerratti yaa dhiyaatan" jedhu miidiyaaleen oofamaa akka ture himan.

Obbo Baqqalaa Garbaa "miidiyaaleen narratti duulaa turan ragaa of harkaa qaban yaa dhiyeessan, barreeffamoonni ani kanaan dura katabes yaa ilaallaman, ragaan dhugaa ta'e narratti yaa dhiyaatu, abbaan alangaas ragaa dhugaa -qabeessaa yaa dhiyeessu, yoon balleesse nan gaafatama, uummatni addunyaa fi Itoophiyaas dhugaa jiru yaa beeku" jechuunis dubbatan.

Abbaan alangaa gama isaatiin haasaan Obbo Jawaar fi Obbo Baqqalaan taasisan dhimma dhaddacha galmee qorannoo duraa ilaallatu akka hin taane himuun manni murtichaa haasaan akkanaa akka hin taasifamneef ajaja akka kennu gaafate.

Kana malees, namootni mirgi wabii erga eeggameef booda qabaman marti ol-iyyannoon kan itti gaafatame ta'uu dubbatan.

Gama biraatin, manni murtichaa ragaan sobaa yakka waan ta'ef Obbo Jawaar iyyannoo isaanii poolisiif iyyachuu akka qaban dubbatan.

Kana malees, dhimmi mirga wabii booda deebisanii qabamuu dhimma dhaddacha qorannoo duraan murteen itti kennamu akka hin taane fi shakkamtootni galmee mirgi wabii itti eeggamef irratti ol iyyachuu akka danda'an abbaan seeraa dubbataniiru.

Ajaja manni murtichaa beellama darbe irratti kenne bu'uura gochuun maatin shakkamtootaa namootni afur yeroo duraaf dhaddacha har'aa irratti argamuun hordofaniiru.