Botiswaanaan sababa arbi hedduu erga takkaa du’ef qorachu eegalte

Madda suuraa, SUPPLIED
Botiswaanaan baatii Caamsaa eegalee waan arba hedduu galaafate qorachuu eegalte.
Akka mootummaan biyyattii jedhetti laaboraatoriiwwan sadii Kaanaadaa, Afrikaa Kibbaafi Zimbaabuwee jiran ''arba du'erraa saamuda akka fudhatan gaafatamu.''
Ji'oota lamaan darban arbi 350 ol du'e deeltaa Okavaangootti Botiswaanaatti du'anii argamaniiru.
Maaliif du'aa akka jiran namni tokkoyyuu hin beeku.
Biyyi Botiswaanaa lakkoofsa arba Afrikaa keessa jiru keessaa baay'inaan sadaffaa ta'e biyya keessatti argamudha.
Osoo goginsi hin jirre arbi hammanaa du'e argamuun yaaddoo uumeera.
Dr Hiyek Makaan akka jedhanitti ji’a Caamsaa irraa eegalee nannoo Okavago Deeltatti wayilooti isaanii reeffa arba 350 olii argachuu isaani himu.
Dhukkubni arba hammanaa kana ajjeese kan dhala namaatti kan darbuu danda'u ta'uu mala yaaddoon jedhus jira.
Bu’aan qorannoo saamuudaa ifa ta’uuf torban waan fudhatuuf hanga ammatti maaliif bineensoti kun du’aa akka jiran hin beekamu jedha mootummaan.
Dhaabbata tola olaa ‘National Park Rescue’ UK irraa kan ta’an DR Makaan BBC'tti akka himanitti kunuunsitoonni dhimma kana jalqaba mootummaaf kan gaabaasan, Caamsaa keessa balalii taasiisaniin booda.
“Balalii sa'aatii sadii keessatti reeffa arba 169 argani,” jedha. “ Balalii sa'aatii sadii keessatti reeffa amma kana arganii lakkaa’uun nama ajaa’ibsiisa.”
“Ji’a tokko booda, qorannoo dabalataa gaggeefameen reeffii biroo argamanii walumaa galatti 350 darbeera.”
“Arbi lakkoofsa akkanaan osoo gogiinsi hin jiraatiin yeroo takkatti du’anii argamuun wanta barame miti.”
Caamsaa keessa mootummaan Bootswaana sababa du’a arba kunneeni adamoo akka hin taane ibseera –sababnisa ilkaan isaa hin fudhatamnee, jedha.
Dr Makaan sababni du’a arba kunneeni summii uumamaan akka hin taanes himu. Waggaa darbe summii uumamaan Bootsiwaanaatti arbi 100 ta’an du’aniiru.
Ta’us garuu kan ammaa kun summiimoo dhukkuba biraati kan jedhu irratti guutummaatti adda baasuu hin dandeenye.
Akkaataa arbi kunneen itti du’an –hedduu isaani fuula isaaniin kufaani- fi kaan ammo du’uun dura geengoon adeema turuun isaani rakkoo sammuu keessaa ta’uu danda’a jedhu Dr Makaan.
Kanaaf, madda isaa baruun dura, dhibee namatti darbuu danda’udha shakkii jedhu haquun hin danda’amu. Dr Makaan dhibee bineensota irraa ka’e jedhamu Covid-19tti quba qabu.
Ta’us, hanga ammaatti maddi du’a bineensota kanaa hin baramne.












