Komishiniin Mirgoota namoomaa Itoophiyaa: 'Haalli qabiinsa mirgaa sirreeffamtootaa xiyyeeffannoo addaa barbaada'

Madda suuraa, Getty Images
Komishiniin Mirgoota namoomaa Itoophiyaa, tibba weerarri Covid-19 biyyattii keessatti babal'ataa jiru kanatti, haalli qabiinsa mirgoota namoomaa namoota hidhaarratti argamanii xiyyeeffannaa adda barbaada jechuun akeekkachise.
Komishinichi ibsa guyyaa Jimaataa baaseen, haala qabiinsa mirgoota namoomaa manneen sirreessaa fi buufataalee pooliisii magaalaa Finfinneetti argaman dowwateera.
Dowwannaafi hordoffii ALI Caamsaa 12-27, 20212'tti taasiseen, tarkaanfii motummaan facaatiin vaayirasichaa to'achuufi balaa qaqqabuu malu hir'isuuf jecha lakkoofsa sirreeffamtootaa hir'isuu dabalatee, meeshaalee barbaachisan dhiyyeessuun taasiseef beekamti kenneera.
Haa ta'u malee, hordoffii taasiseen ammalleen haala ulaagaaleefi sadarkaalee mirgoota namoomaa idil-addunyaatiin yaaddoowwan mirga namoomaa yaaddeessan jiraachusaanii akka hubate Komishinichi himeera.
Walitti rukkachuun sirreefamtootaa kana dura ture, manneen sirreessaafi buufataalee poolisii keessatti hanga tokko kan hir'ate ta'us, hammas baayyinni sirreeffamtootaa jiruufi eddoon wal simuu dhabuun Covid-19'f saaxilamuuf dhimma yaaddeessaadha jedheera.
Haaluma kanaanis Komishinichi yaadawwan atattamaan sirreeffamu qabu jedhee itti dabaluun gabaasa kana qaamoollee federaalaafi naannoolee dhimmisaa ilaalatuu akkasumas dhaabbilee idil-addunyaa deeggarsa taasisuu danda'aniitti erguus beeksiiseera.
'Tarkaanfii atattamaa'
Gabaasicha irratti akka eerameetti, namoonni mana hidhaa keessatti argaman tibba weeraraa koronaa kanatti waliirraa fageenyasaanii eeggachuufi carraan meeshaalee qulqullinaafi of eeggannoo oggeessoota fayyaatiin gorfaman argachuun murtaa'aa ta'u himeera.
Kanaafuu, motummaan tarkaanfiiwwan barbaachisaafi walitti fufinsa qaban fudhachuun itti gaafatamummaa namoota hidhaarratti argaman eeguuf irra jiru bahachuun, haalawwan sirreeffamtoota dhukkubicha irraa ittisuufi mirga lubbuun jiraachusaanii ittiin kabajamu mijeessuun irraa eegama jedheera.
Komishinarri Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Dr Daani'eel Baqqalaa gama isaatiin, ''motummaan tarkaanfiiwwan jajjabeessoo ta'an heddu kan fudhateefi sirreeffamtoota hedduus kan gadhiisee ta'ulleen, manneen hidhaa ammaaleen sirreeffamtootaan kan dhiphataniidha.
Kanaafuu, dabalataan sirreeffamtoota haaluma adeemsi hayyamuun dhiifamaan ykn wabiidhaan gadhiisuuf tarkaanfii attattamaa fudhachuun ni barbaachisa'' jedhaniiru.
Itti dabaluunis, naannoolee hundattu karaa dameewwan waajjira isaanitiin hordoffii saffiisaan wal fakkaatu taasifamaa jiraachusaa himaniiru.
Qaamooleen dhimmichi ilaallatuus dhaabbta isaanii haaluam gabaasa hordoffii saffiisaa kanaan adda baafameetiin gamagamuun, muxannoowwan gaarii ballisuufi dhimmoota barbaachisaa ta'an irratti ammo tarkaanfii sirreessaa fudhachuun, mirgoota namoomaa sirreeffamtootaa akka kabachiisaniifi kabajaniif waamicha taasiseera.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
















