Iraan lakkoofsi ummata biyyttii akka dabaluuf karoora maatii dhorkite

Dubartoota Iraan maaskii godhatanii

Madda suuraa, EPA

Iraan lakkoofsi ummata biyyattii akka dabaluuf jajjabeessuudhaaf dhiyeessa karoora maatii hospitaalota tokko tokko keessatti dhaabsisaa jirti.

Malli dhiironni ujummaa sanyii kormaa gudunfachuun akka karoora maatiitti fayyadamani (Vaazektoomiin) wiirtuuwwan fayyaa mootummaa keessatti akka tajaajila hin kennineef dhorkamaniiru.

Maloota ulfa ittisuu dubartoonni akka karoora maatiitti fayyadamanis dubartoota rakkoo fayyaa qabaniif qofa malee dhaabbata fayya kamittiyyu akka hin kennamne murteessiteetti biyyattiin.

Hata'u malee, tajaajilawwan karoora maatii hospitaalota dhuunfaa keessatti ni kennamu.

Umuriin lammillee Iraan harki caalaan dulloomoo ta'uufi ijoollen biyyattii keessatti dhalatan gadi bu'aa dhufuun mootummaa baayyee yaaddessaa jira.

Guddinni baayyinni ummtaa giddu-galeessa waggaa %1 gadi bu'uun isaa tarkaanfiin sirreessuu kan hin fudhatamne taanaan, Iraan waggoota 30 dhufan keessatti biyya baayyee dulloomtuu taati jedhan ministirri fayyaa.

Waggaa lam dura, biyyattiin guddina ummataa %1.4 galmeessitee turte. Hanga biyyoonni hollee ittiin guddatan garuu kan Iraan ni caala. Fakkeenyaaf, Iraa ummanni ishee %2.3 guddataa kan jiru yoo ta'u, Sa'ud Arabiyaan ammoo %1.8n guddataa jirti. akka ragaa Baankii Addunyaatti.

Fuudhaafi heerumni, akkasumas gaa'ela dhaabbatanii daa'ima godhachuun Iraan keessatti gadi bu'aa jira. Kanaaf ammoo sababiin ijoon jireenyi ulfaataa dhufuu isaati jedhameera.

Ji'a darbe, Itti-aanaan ministira fayyaa biyyattii Sa'id Hamed Barakatii akka gabaasa dhiyessanitti gaa'ela dhaabbachuun waggoota 10 keessatti %40n gadi bu'eera.

"Haala kanaan, waggoota dhufan 30 keessatti addunyaa kana irratti biyya baayyee dulloomtuu taana," jedhan.

Iraan erga Warraaqsa Islaamummaa bara 1979tii guddina ummataa jabaa argattee turte gruu isaan booda imaammata baayina ummataa to'achuu milkaa'aa hojiirra oolchite.

Dursaan ol-aanaa biyyattii Ayaatolaa Komaanii ummanni biyyattii akka ijoollee baayyee godhataniif waamicha taasisaa jiru. Dursaan kun baayyinni ummata biyyattii yeroo ammaa miliyoona 80 ta'e gara miliyoona 150tti akka guddatu barbaadu.