Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bineensota bosonaa Itoophiyaa: Itoophiyaa keessa arbi hedduun hidhattootaan ajjeefaman
Torbee darbe paarkii biyyaalessaa naannoo ummattoota Kibbaatti argamu Maagoo keessatti haala asiin dura hin baramneen arbi saddeet ajjeefamuusaanii, angawoonni mirkaneessan.
Taateen kun kan mudate Paarkii Biyyaaleessaa Maagoo keessatti yogguu tahu, guyyaa tokkotti arbi saddeet ajjeeffamuusaanii aangawoonni naannichaa BBCf mirkaneessaniiru.
Hogganaan paarkichaa Obbo Ganaabuul Bulmii haala gaddisiisaa mudate kana yogguu ibsan, ''duguggaa sanyiitu raawwatame,'' jedhan.
Gaazexeessaa turiizimii kan ta'ee fi paarkii Maagoo haalaan ka beekuu Heenook Siyyuum akka jedhutti, ajjeechaan kun hamaa fi asiin dura waan mudatee hin beekne yakka addunyaa bineensotaarratti raawwatameedha jedha.
Ajjeechaan ALI Caamsaa 12 bara 2012 kan raawwatame kan himame oggaa tahu, laga Oomoo irratti bishaan dhugaa wayita turan rasaasni itti dhukaafamee ajjeefamuusaanii fi ilkaansaanii fudhatamuusaa hogganaan paarkichaa ibsaniiru.
Namoota arbarratti miidhaa geessisan keessaa lamaansaanii arbaan miidhaa irra gaheen yaaliirra kan jiran ta'uu kan nutti himan ammoo hoggantuun itti aantuu biiroo aadaa, turiizimii fi ispoortii kan ta'an Aadde Fireehiwoot Dubbaalaati.
Isaan keessa inni tokko hoggansa aanaarra kan ture akka ta'ee fi namoota ajjeechaa raawwatan irratti mootummaan tarkaanfii akka fudhatu ibsaniiru.
'Duguuggaa sanyii'
Lakkaawwii waggoota shan dura paarkii Maagootti irratti taasifameen arboonni 175 jiraachuunsaanii kan mirkaneessan Obbo Ganaabuul, ajjeechaan arba saddeet irratti raawwatame "duguuggaa" asiin dura mul'atee hin beekne jechuudhaan miira dallansuutiin ibsaniiru.
Namoonni ajjeechaa kana raawwatan itti yaadanii fi qophaa'anii akka raawwatan kan ibsan Obbo Ganaabuul, arba tokkorratti rasaasni 30 ol dhukaafamuu mirkaneessuusaanii himaniiru. Taatee kanas duguuggaa sanyiiti jechuun ibsu.
Jiraattoonni naannichaa horsiisee bultootaa fi hidhattoota ta'uunsaaniirraa kan ka'e haala paarkicha keessa jiru to'achuuf rakkisaa taasiseera jedhu hogganaan paarkichaa.
Heenook Siyyuum akka jedhutti, paarkii walii ollaa ta'an paarkii Oomoo fi Maagootti arbi 600 kan jiran yoo ta'u, ajjeechaa yeroo adda addaatti raawwatuun lakkoofsisaanii hir'atuu hin oolu jedha.
Heenook akka jedhutti haleellaan sun arba qofarratti osoo hin taanee eegdota paarkichaarrattis kan xiyyeeffateedha jedha. "Namoonni arbarratti miidhaa geessisuuf dhufa eeegdotarrattis miidhaa geessisaniiru."
Hogganaan paarkichaa yaaddoon kun dhugaa ta'uu ibsanii eegdonni halellaa arbarratti raawwatu hambisuuf tarkaanfii yeroo fudhatanitti isaanis miidhaadhaaf akka saaxilaman ibsaniiru. "Bara darbe waahilli tokko yoo nu jalaa du'u hamma ammaatti waahillan keenya 10 namoota miidhaa geessisaniin ajjeefamaniiru."
Xiyyeeffannoo argachuu dhabuu...?
Eegdota paarkichaatiif eegumsa gaarii fi meeshaan of eeggannoo hin kennamu taanaan haalli wal fakkaataan isaan mudatuu danda'a jedha Heenook.
Yeroo ammaa kanatti xiyyeeffannaan mootummaa weerara koronaavaayiras irra waan jiruuf halalleen kunneen paarkorratti raawwatamaa jiraachuu ibsuun, xiyyeeffannaan paarkotaafis akka kennamuu qabu akeekkachiiseera.
Aadde Fireehiwot bulchiinsi naannoo fi godinaa namoota miidhaa geessisan seeratti dhiheessuuf hojjataa akka jiran ibsu. "Namoota yakka raawwatan adda baasuun tarkaanfii fudhatuuf hojjataa jirra," jedhaniiru.
Ajjeechaa raawwateen haalaan kan gadde Heenook, "Itoophiyaan eegumsa arbaaf waliigaltee mallatteessitee deeggarsa guddaa argataa jirti.
Ta'us garuu Maagoo fi Baabbileetti miidhaan kana hin jedhamne irra gahaa jira," jechuun haala jiru ibsa.
Miidhaan arbarratti raawwatu kana caaluu akka danda'u sodaa kan qabu Heenook, Itoophiyaan eegumsa bineensotaa fi galii daawwattootaarra argattu dhabuurraa kan hafe, qabeenya dhalootaaf dabarsitu dhabdi jedha.
Hunda caala wanni isa gaddisiisuu arbi saddeet du'anii "qaamoleen federaalaa fi naannoo dhimmi isaan ilaallatu saffisaan tarkaanfii fudhatuu dhabuusaaniiti."