Manni Murtee Ameerikaa Sudaan haleellaa Imbasiiwwaniif beenyaa haa kaffaltu jedhe

Haleellaa boombiin namoota miidhaman

Madda suuraa, AFP

Manni Murtii olaanaa Amerikaa haleellaa boombii bara 1998 imbasii Ameerikaa keeniyaafi Taanzaaniyaarratti raawwatameef Sudaan beenyaa kaffaluu qabdii jedhe.

Haleellaa al-Qaayidaan bara 1998 Keeniyaafi Tanzaaniyaatti raawwateen namoota miidhamaniif Sudaan beenyaa akka kaffaltudha Manni Murtii Ameerikaa kun kan murteesse.

Haleellaa kanaan namootni 200 caalan du'anii, kumaan kan lakkaawaman ammoo miidhamaniiru.

Haleellaa kana keessatti biyyi amma beenyaa haa baaftu jedhamtu Sudaan, hoogganaa yeroo sanii al-Qaayidaa kan ture Osaamaa Biin Laadaniifi garee isaaf deeggarsa teeknikaa fi maallaqaa gochaa turtee jedhamuun himatamte.

Manni Murtii Olaanaa Ameerikaa beenyaan kun Lammiilee Ameerikaa balaa saniin miidhaman, hojjetoota Imbasiiwwan haleelamaniifi kontiraaktarootaaf akka kennamu murteesse.

Murteen kun tibba mootummaan ce'uumsaa Sudaan tarree biyyoota Ameerikaan biyyoota shororkeessummaa deeggaran jettee tarreesite keessaa haqamuuf dhiibbaa uumaa jiruu fi abdii horatetti dhagaahame.

Akka murtee kanaatti doolaara biiliyoona afur beenyaan akka kaffalamu bara 2011 murtaa'ee ture keessaa Sudaan $800m baafti jechuu akka ta'e bakka bu'aan mootummaa Sudaan Rooyitarsitti himaniiru.

Sudaan gama isheen shororkeessitoota waliin hidhata hin qabu jechuun waakkachaa turte.