Koronaavaayiras: Yamanitti utuu hin baramiin ‘Covid-19 uummata keessa tatamsa’aa jira -UN

Madda suuraa, AFP
Yaman keessatti namootni jalqabaa lama dhibee koronaavaayirasiin du'uu isaaniin booda biyyaa waraanaan hedduu midhamte kana keessatti weerarri kun guddachuu danda'a sodaan jedhu uumamaa jira.
Namootni lamaan kun obbolaa yoo ta’an, hospitaala kibbaa biyyattii magaalaa Adeen keessatti akka du’an himameera.
Roobii qoondaltoonni naannichatti namoota shan irratti vaayirasichi argamuu isaa beeksisanii ture. Isa dura guutummaa biyyattiitti nama tokko qofaa irratti ture vaayirasichi kan argame.
Dhibeen Covid-19 utuu hin baramiin uummata keessa tatamsaa’aa jiraachuu hin oolu jechuun Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) akeekkachiiseera.
Waarana waggooti shaniif tureeen Yamanitti namootni 100,000 ol ta’an du’anii biyyittiin rakkoo ciccimoo adda addaan miidheemteetti.
Lammileen Yaman miiliyoona 10 ta’an beelaan midhaamanii, miliyoona 20 kan ta’an wal’aansa fayyaa kan hin argannee yoo ta’an, wiirtuuwwan fayyaa ammatti hojjirraa jiran keessa %50 weerara akkanaaf qophaa’oo miti.
Yamanitti namni jalqabaa Covid-19’n qabamuun kan gabaafame magaala al-Shihir keessatti gara ji’a tokkoon dura.
Roobii magaalaan namootni shan irratti vaayirasichi argame Adeen, magaalaa al-Shihir irraa km 540 fagaattee argamti.
Ministiri Fayyaa Nassir gaffiifi deebii midiyaa biyyattii Yemeni state TV waliin tasisaniin du’a obbolaan kanaa mirkaneessuun mallattoleen Covid-19 dhibee daddarbaa biraa kan waggootii darban Yaman keessatti mul’atan kan akka Dengue Fever waliin akka wal fakkaachuu dubbataniiru.
Qondaalli warraaqsa Adeen ofiin bulchaa jiru Southern Transitional Council (STC), jedhamu guyyoota dhufan keessatti lakkoofsi namoota koronaavayirasiin qabamanii dabaluu danda’a jechuun akeekkachiisaniiru.
Adeenitti erga vaayirasiin kun argame booda STC’n guyyaa sadiif qajeelfama yeroo sochii dangeessuu dabarseera.
Maddootiin lama akka Reuters’tti himanitti magaalaa guddittii Sana'aa , kan gartuu finciltootaa Huttiin hogganamu keessa namni vaayirasichaan qabame yoo xiqqaate tokko ni jira.
Ministirii Fayyaa Huttiin dursame namootni vaayirasicha qabaachuun shakkaman hundi qorannoo boda bilisa ta’uun isaani mirkanaa’eera jedhan.
Waaranni Yaman bara 2015 Bitootessa yeroo gartuun Huttii lixa biyyattii to’ataniifi Pireezdaant Abdirabbu Mansuur Hadii biyyaa akka baqatuuf diriqisiisan guddachaa dhufe.
Yeroo waraanni kun jalqabe qondaaltonni Saa’udii torban gabaabaaf tura jedhanii tilmaamanis waaranichi garuu waggooti shaniif itti fufeera.
Jalqaba ji’a kanaatti weerara Covid-19 hir’isuuf jecha waamicha waraana dhaabuu UN dhiyeesse akka simate humni Sa’udiin deeggaramu ibsee ture.
Gartuun Huttii garuu wamichaa kana diduun guyyoota darban keessatti haleellaan qilleensarraafi waraanni lafarraa dabalaa dhufeera.
“Warannii itti fufaa deemuuniifi weerarri Covid-19 biyyaa miidhamte kan galuu isaan Yaman rakkoo guddaa hin yaadamne keessa galuuf jirti. Waraana dhabuu jechuun lola dhabuu jechuudha, garuu kan nuti laffaratti argaa jirru faallaa isaadha,” jechuun koreen baraarsa baraasaa Idil-addunyaatti daareektarri Yaman Tamunaa Sabadzee Roobii akeekkachiisaniiru.
“ Biyyootiin akka US, UK fi Firaans, kan gareelee kanarratti dhiibbaa uumuu danda’an, itti gaafatamummaa fudhachuun waaranni kun xumuramee waligalteen siyaasaa akka taasifamuuf hojjachuu qabu.”

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras















