Koronaavaayiras: Labsiin yeroo muddamaa Itoophiyaan COVID19 to'achuuf labsite maal akeeka?

Mootummaan Itoophiyaa weerara koronaavaayirasii to'achuuf jecha labsii yeroo muddamaa labsuu isaa MM Abiy Ahimad beeksisan.

MM Abiy ibsa gama 'Facebook' isaaniin baasaniin "ragaan amma qabnu lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii ariitiin dabalaa jiraachuu mul'isa" jedhan.

Mootummaan weerara vaayirasichaa to'achuuf manneen barnootaa cufuu, geejjiba ugguruu, walgahii dhorkuufi tarkaanfiiwwan kaan fudhachaa ture kan jedhu ibsi kun ammatti labsii yeroo muddamaa labsuun barbaachisaa ta'ee argameera jedhan.

Mootummaan tarsiimoo sadiin vaayirasicha to'achuuf hojjetaa jira jedhan.

Tokko uummata hirmaachisuun akkaataa gorsa hakiimootaatiin ittisuu, lama, ittisuurra taree kan dhufe yaaluuf humna gabbifachuufi sadaffaan wanti hammaataan yoo dhufe ammoo dursanii qophaa’uun haaluma barbaachisuun murteewwan adda addaa dabarsuudha.

Maaltu dhorkame?

Tarkaanfiin mootummaan fudhatu hamma ulfaatina rakkoo biyya mudateen kan wal madaalu ta'uu ibsichi himeera.

Uummanni wal gargaaruufi wal tumusuun yeroo rakkina kana walbira akka dhaabbatu waamichi dhiyaateera.

Namoonni mana kireessan kireeffattoota isaaniif gatii akka hir'isan, yoo danda'an ammoo akka hin kafalchiisne gaafataniiru.

Yeroo kanatti mana kiraa keessaa nama ari'uun garuu waan Waaqni hin jaalanne qofa osoo hin taane yakka seeraan nama gaafachiisudha jedha.

Abbootiin qabeenyaa dhuunfaa hojjettootaa isaaniif akka dhimmamanis hubachiiseera ibsi kun.

Hakimoota, qaamolee nageenyaa, ogeeyyii humna ibsaafi ogeessota wayita yeroo rakkoo kanaa ala bahanii hojjechuuf dirqaman galateeffate hawaasni waliin akka dhaabbatu waamicha dhiyeessee jira.

Rakkoo nu mudate ittisuuf warra hojjetaa jiran waliin akka tumsan gaafatanii warra faallaa kanaa dhaabbatan irratti tarkaanfii fudhanna jedhan.

Mootummaan qophii gochaa erga turee booda bu’uura heera mootummaa keewwata 93’n labsii hatattamaa labsuuf dirqameera jedhe ibsi kun.

Haata'u malee, labsii yeroo muddamaa kun yeroo hagamiif akka turuufi maal maaltu akka dhorkame wanti himame hin jiru.

Heerri mootummaa keewwati 93 yoo weerarri dhukkubaa fayyaa hawaasaa balaaf saaxilu mudate mootummaan labsii yeroo muddamaa labsuu akka danda'u hima.

Wayita labsiin akkanaa labsames qaamni hoji raawwachiiftuu mootummaa tarkaanfii biyyattii balaa mudaterraa baraara jedhe kamuu fudhachuuf aangoo guutuu qabaata jedha.

Yeroo kana mirgoonni siyaasaafi diimokiraasii ugguramuu akka malanis heerri mootummaa ni hayyama.