Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayirasi: Lammiileen Tuniziyaa 150 warshaa keessatti cufachuun maaskii omishuu eegalan
Hojjattoonni warshaa biyya Tuniziyaa 150 ta'an warshichuma keessa turuun guyyaatti maaskii 50,000 fi meeshaalee wallaansaa ittisaaf oolan kan biraas omishuu eegalan.
Hojjattoonni kunneenis baayyeen isaanii dubartoota yoo ta'an, baatii tokkoof warshaa 'Consomed' keessatti adda ofi baasanii jiru.
Isaanis wayita amma biyyattiin koronaavaayirasii ittisuuf cimte hojjataa jirtu kanatti hojii jaalala biyyaa hojjataa jiru jechuun BBC'tti hogganaan warshichaa Haamzaa Alowunii dubbataniiru.
Hojjataa keeessaa tokko kan ta'e Kaawalaa Reebi maatii ishee baayyee akka yaaddee himti. Garuu ammoo jajabinni hiriyoota ishee cimina akka kenneef himti.
"Abbaa manaa kiyyaafi intala kiyyaa kan waggaa 16tu akkaniin hojii kana hojjadhuuf na jajjabeesse,'' jechuun warshichatti itti gaafatamtuu omishaa kan taatee Aadde Rebiin BBC'tti himteetti.
Warshichi duraanu meeshaalee ittisaa biyya alaatti ergaa ture. Amma garuu xiyyeeffannaan oomisha isaanii omishoota kanneen fayyaaf mana keeessatti tajaajilaniidha.
Biyyi Afrikaa Kaabaa Dilbataa kaasee karra cufachuun mana keesa turuu kan ajajje yoo ta'u, hanga ammaatti namoota koronaavaayirasii qabaman 227 qabdi.
Namoonni jaha immoo jalaa du'aniiru.
Namoota torban tokko dura gara warshaa kibbaa magaalaa guddittii biyyattii Tuniziitti argamutti galan keessaa, nama nyaata bilcheessu, doktara fi faarmaasisitii keessatti argamu.
Akkasumas bakki bulmaataa addaa dubartoota 110 fi dhiiroota 40'f nyaata baatii tokkoof barbaachisu waliin qophaa'eera.
"Akkasumas dubartootaaf eddoo akka itti sochii qaamaa itti hojjataniif itti sirban qophaa'eerra. Warri dhiiraa ammoo lafa kubbaa miilaa fi kubbaa kaachoo itti xabatan qopheessineera,'' jetti Aadde Rebiin.
"Hundi keenyaa intarneetii waan qabnuuf wayita hojii hinqabneetti viidiiyoon maatii keenya waliin haasofna.''
Warshichis ganama sa'aatii 12:30 hanga galgala 4:30 tti guyyaa hunda dabareedhaan guyyaatti sa'aatii saddeetiif hojjata. Shiftii isa boodaa irratti irra caalaa dhiirotatu hojjata.
- Jarman maaskii miiliyoona 6 Keeniyaatti bade barbaachatti kaate
- Tamsaasa kallattii koronaavaayirasii irratti
- Koongoon sodaa koronaavaayirasiif karra magaalaa guddoo ishii cufatte
- Manaa hojjechuun akkamiin koronaavaayirasii ittisuuf gargaara?
- Paartiin Badhaadhinaa dhiifama gaafate
- Hindiin lammiileeshee biliyoona 1.3 akka manaa hin baane dhorkite
- Hojjeettonni mootummaa federaalaa manaa akka hojjetan murtaa'e
'Hakimoota ittisuu barbaadna'
Guyyoota saddeettan as keessa tureettis namoonni hundi haala miira gaarii keessatti argamu jedha Obbo Alowiin.
Hojjattoonnis warshicha keessatti adda bahuu kan barbaadan sababii vaayirasichi hojjattoota keessa babal'achu danda'a sodaa jedhuun jedheera.
Hanga lakkoofsa hakimoota biyyattii keessatti barbaachisu argachuun hindanda'amu jedhas.
"Yoo nuti kan hin oomishine ta'e ammoo hakiimoonni keenya vaayirasii irraa ittifamu hindanda'an,'' jechuun BBC'tti himan.
''Biyya kiyyaaf waan naaf danda'amu hunda gochuufan yaalaa jira. Hospitaalootaaf, raayyaa keeenyaaf, poolisoota fi namoota hundaafu.''