Koronaavaayirasii: 'Ummata addunyaa %40 - %70 hubuu danda'a'

Madda suuraa, Reuters
Ogeessonni tokko tokko koronaavaayirasiin baay'ina ummata addunyaa %40 -70% hubuu akka danda'u himaniiru.
Kolombiyaa yunivarsitiitti ogeessa weerara dhibee kan ta'an Isteefan Moorsi akka BBC'tti himanitti koronaavaayirasiin akkuma weerara utaalloo aritiin nama hedduutti tatamsa'uu danda'a.
"Daangaa hin beekne keessa seenne jedheen amana. Yaaliin nuti dhibee kana to'achuuf gochutti jirru kan kanaan dura goone hin beeknedha," jedhu Isteefan Moorsi.
"Sadarkaa kanatti milkaa'uu dandeenya kan jedhu mirkaanneessu hin dandeenyu."
Akkasumas Koronaavaayirasiin naannoo ho'ina qabu keessa jiraachuu hin danda'u yaada jedhuuf ragaan saayinsiin mirkanaa'e akka hin jirre ogeessi kun dubbataniiru.
Chaayinaa keessatti gaafa Kibxataa namootni haaraan Koronaavaayiraasiin qabaman 125 qofadha. Kunis, lakkoofsi namoota dhukkuba kanaan qabamanii xiqqaachuu agarsiiseera.
Bulchiinsa Hubeyii bakka jalqaba dhukkubichi itti eegale keessatti ammoo namootni 31 dhibee kanaan du'aniiru.
Chaayinaa keessatti hanga ammaatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasii Covid-19 jedhame kanaan du'anii gara 2,943 ga'eera.
Ameerikaa keessatti ammoo lakkoofsi namoota dhibee Kanaan du'anii jaha ga'eera.
Wiixata kana Tuniziyaa keessatti yeroo jalqabaaf namni dhibee kanaan qabame argamuu isaa Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiseera.
Namni dhibee kanaan qabames lammii Tuniziyaa ganna 40 kan Guraandhala 27 irratti Xaaliyaanii irraa dooniin biyyatti galee ta'uu himameera.
Wiixata galgala ammoo namni tokko koronaavaayirasiin hubame Morookoo keessatti argamuu fi namni kunis lammii biyyattii Xaaliyaanii jiraatu ta'u Ministeerri Fayyaa biyyattii ibseera.
Senegaal keessattis namni koronaavaayirasiin qabame argamu isaa Ministeerri Fayyaa biyyattii Abdolayii Diyoof Saar ibsaniiiru.
Dhukkubsataan kun lammii Faransaay kan Senegaal jiraatuu ta'uufi Faransaay irraa Guraandhala 26 gara biyyaatti kan seene ta'u himameera.
Ammatti biyyoota Afrikaa keessaa dhibeen kun kan argameeru Moorokoo Tuniziyaa, Senegaal, Aljeeriyaa, Masriifi Naayjeeriyaa keessattidha.
Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti hoggantuu damee Afrikaa kan ta'an 'Matsdhidiso Moyeti' torban xiqqoo keessatti' biyyootiin Sahaaraa gadii qorannoo dhibee koronaavaayirasii ofii gaggeessu akka danda'an beeksisaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Gama biraan, liigiin kubbaa kaachoo Ameerikaa NBA sababa weerara koronaavaayirasiin taphattoonni akka harka wal hin fuuneef ergaa dabarsuu isaa AFP'n gabaaseera.
Dhaabbatni Tiwiitaraa immoo tatamsa'ina koronaavaayiraasii hir'isuuf hojjattoonni isaa Hong Koong, Jaappaan fi Kooriyaa Kibbaa jiran waajjiraa seenurra mana taa'anii akka hojjatan dhaameera.
Akkasumas, dhaabatni kun hojjattoonni isaa 5,000 ta'an addunyaa mara keessa jiran akka gara waajjiraa hin seenne 'jaabeesse akka gorsu' himeera.
Hong Koong gama isheen lammilee ishee biyya Chaayinaa magaalaa Wuhaan jiran 533 ta'an gara biyyaatti deebisuuf balalii xiyyaara afur kireeffatteetti.
Itoophiyaa keessatti namoonni kanaan shakkamanis ta'e qabaman akka hin jirre Inistitiyuutin Eegumsa Fayyaa hawaasa Itoophiyaa beeksiseera.















