Koronaavaayiras: Naayijeeriyaatti namni Koroonaavaayirasiin qabame inni jalqabaa argame

Nama afaan isaatti golgaa godhate

Madda suuraa, Getty Images

Naayijeeriyaatti namni Koroonaavaayirasiin qabame inni jalqabaa argame.

Ministirri Fayyaa biyyattii Osaagee Ihaanir ibsa Tiwiitar irratti baheen dhukkubsatichi lammii Itaalii, Miilaan irraa guyyoota lama dura Naayijeeriyaatti deebi'edha jedhan.

Bu'aan yaalii fayyaa isaa akka agarsiisutti dhukkubsatichi mallattoolee hamaaf isa saaxilu hin qabu.

Namni kun erga Naayijeeriyaa seenee namootattii dabarseera yoo taheef, hojii namoota adda baasuu raawwataa turre jedhan.

Dhukkubsataan kun vaayrasichaan qabamuun nama biyyoota Sahaaraan gaditti jiraniif isa jalqabaati.

Biyyooti addunyaa ammas vaayirasicharraa of eeguuf tarkaanfii garaagaraa fudhachaa jiru.

Niiwziilaand namooti Iraan irraa dhufan yeroodhaaf biyyashee akka hin galle dhorkite. Dhorkaaan kun gaafa Jimaata kaa'ame hanga Bitootessa,3 hojjeta. Haa tahu malee murteen kun guyyaa lama lamatti ilaalama.

Namooti guyyaa 14 keessatti Iraan turanii amma Niiw Ziilaand jiran adda ni baafamu.

Niiw Ziilaand daawwattoota Chaayinaarraa dhaqan akka hin galeef dhorkiteetti. Ministirri fayyaa biyyattii barattoonni Chaayinaarra dhufanillee galuun akka hin hayyamamneef dubbatan.

Jaappaan immoo mana barnootaa cufteetti

Jaappaan Wiixata dhufurraa qabee manneetii barnootaa biyyattii keessa jiran ni cufti. Kana jechuunsi barattoonni miiliyoona 13 tahan mana barumsaa hin deeman jechuu dha.

Hanga dhuma baatii Bitootessaattis akkuma cufameen tura.

Ministirri mummee biyyattii Shinzoo Abee jalqabni ji'a Bitootessaa yeroo baayyee murteessaa tatamasa'uu vaayirasii kanaa itti ittifnu dha jedhan.

Murtoo kanattii garuu hundi gammadaa miti.

''Maatiin ijoollee tokko,'' ijoollee mana barnootaa irraa hambisuun isaan eeguu danda'a garuu maatiin hojii qaban kan mana hin oolle hoo jetti.

Koronaavaayirasiin gabaa jumlaa addunyaa gadi-buusaa?

Sodaan vaayirasii koroonaa gabaa jumlaa addunyaa gadi buusaa jira.

Safartuun gabaa kaampaaniwwwan gurguddaa Ameerikaa Dow Jones index qabxii 1,200 gadi bu'uu agarsiisa kunimmoo seenaa keessatti isa jalqabaati.

Gabaan Jaappaan Jimaata darbe harka 3 hir'iseera, kan Awustiraaliyaa akkasuma harka 3.5 gad-bu'eera.

Xiinxalaan faayinaansii dhaaba Bankrate.com Gireeg Maakbiraayid shakkii fi sodaan yoo baay'atu gabaan akka malee gadi bu'a jedhu.

Gama biraan Hoong Koong keessatti sareen dhiigni 'positive' taanaan adda baafamteetti. Abbaan saree kanaas koroonaavaayirasiin nama qabamedha.

Qondaalotni biyyattii sareen dhugumaan qabamuushee baruuf qorannoo dabalataa akka gaggeessaniifi qorannoo ammaan dura taasisan wal-tutuqqaa naannoo irraa itti darbuu isaa mirkaneessan dubbatan.

Sareen kun mallattii vaayirasichaa garuu hin qabdu.

Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa vaayirasichi sadarkaa murteessaarra gaheera, weeraratti ol guddachuullee danda'a jedhan.

Kooriyaa Kibbaatti namoonni 256 haaraa vaayirasichaan qabamaniiru. Kunis lakkoofsa namoota hanga yoonaa vaayirasichaan qabaman 2,022 qaqqabeera.

Akka addunyaatti namoonni vaayirasii koronaan qabaman 80,000 kan gahan yoo tahu, vaayirasichi biyyoota 50 kan qaqqabe yoo tahu. Namoonni 2,800 kan du'an yoo tah baayyeen isaanii Chaayinaa naannoo Hubee keessatti argamu.