Dhaabbatni Apple koronaavaayirasiin na miidhe jedhe

Namoota Chaayinaa bilbila iphone fayyadaman

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbatni teekinolojii Apple vaayirasii koroonaa Chaayinaatti dhalate galiisaa miidhuu akka danda'u akeekkachiise.

Akka Apple jedhutti oomishnii fi gurgurtaan isaa dhiibbaan waan irra gaheef, dhiyeessi bilbila iphone akka addunyaattuu daangefamuu mala.

Vaayirasiin kun dhaabbata koo miidheera jechuun iphone dhaabbata Ameerikaa isa jalqabaati.

Galiin doolaara biiliyoona 67 baatii jaha keessatti argama jedhame tilamaamame galmaan gahaa hin jiruu jedhe.

Kuusaawwan Chaayinaa keessatti argaman gariin kan cufaman yoo tahu kaan immoo yeroo gabaabaa qofa hojjechaa waan jiraniif oomishni Apple ni hir'isa jedhu.

Dhaabotni keenyi damee Chaayinaatti argaman magaalaa Hubee iddoo vaayirasichi dhalateen alatti haa tahaniyyuu malee, yeroof cufamanii erga banamaniin boodallee bu'aa hanga eegne bu'aa argamsiisaa hin jiran jedha Apple.

''Suuta suuta dukkaanawwan qinxaaboo deebisnee banaa jirra. Kanas of eeggannoo dhaan gochaa jirra,'' jedhe.

Sababii vaayirasii kanaan warshaan konkolaataa JCB jedhamu immoo UK keessatti oomisha isaa walakkaan hir'isuu himeera. Kuni immoo kan tahe meeshaaleen Chaayinaarraa deeman waan hir'isaniifi jedheera.

Dhaabbatni tajaajila faayinaansii Wedbuush jedhamu oomishni isa yaaddofnee caalaatti ni hir'isa jechuun maamiltootaaaf ibseera.

Lakkoofsi namoota vaayirasiii koroonaan hubaman lafa jalqabeetiin alatti guyyoota 13 darbaniif hir'ateera. Hubeen alatti Wiixata kaleessaa namoota 115tu qabame kunis isa torbee darbe 450 irraan kan hir'ise dha.

Abdiin dhaabotni kunneen gara sochii isaanii duraaniitti deebi'u jedhu haa jiraatuyyuu malee diinagdeen Chaayinaa garuu vaayirasiin koroonaan haalaan miidhamuu danda'a jedha Apple.

Hoggantuun Fandii Maallaqaa Addunyaa Kiriistaaliinaa Joorjeevaa, guddinni diinagdee addunyaa 0.1-0.2 hir'isuu ni danda'a waa'ee vaayirasichaa waanti mirkanaa gattii hin jirreef garuu miidhaan dinagdee irratti qabu tilmaamuun ni rakkisa jedhan.