Ispeen keessatti hojjettoonni wayita tamboo xuuxuuf guban akka kaffalan manni murtii murteesse

Kubbaaniyyaawwan yeroo hojjettoonni shaayee dhuguuf gubanis shallaguun miindaasaaniirraa kutuu danda'u

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kubbaaniyyaawwan yeroo hojjettoonni shaayee dhuguuf gubanis shallaguun miindaasaaniirraa kutuu danda'u

Ispeen keessatti kubbaaniyyaan yeroo hojjettoonni isaa tamboo xuuxuuf guban kaffaluu dide dhimmichi mana murtiitti erga dhiyaatee booda injifate.

Manni murtii Ispeen hojjetaan kamuu yeroo shaayee dhuguu fi tamboo xuuxuuf itti fayyadamu shallagee akka kaffalu murteesseera.

Dhaabbati misooma Anniisaa Galp jedhamu kun murtee manni murtii dabarse kana akka seeraatti itti fayyadamuun kanaan booda yeroo hojjetaan boqonnaaf jedhee gubu shallaguun miindaarraa akka kutu ibseera.

Dhimma kana gara mana murtiitti kan geessanii turan garee Yuuniyenii daldaltootaa biyyattii ol iyyannoo gaafachuuf akka jiran ibsaniiru.

Murtii manni murtii biyyattii dabarse kana hojiirra oolchuuf kubbaaniyyaawwan Ispeen keessa jiran yeroo hojjettoonni hojii seenanii fi ba'an galmeessuu qabu.

To'annoon hojjettootaa humni hojii garmalee akka hinbadnee fi haala hojii mijataa uumuuf fayyadas jedhameera.

Ispeen keessatti namoonni miiliyoona 10 ta'an tamboo xuuxu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ispeen keessatti namoonni miiliyoona 10 ta'an tamboo xuuxu

Hojjettoonni yeroo dabalataa hojjetan akka kaffalamuufis carraa gaariidha.

Bara 2019 keessa namoota miiliyoona sadi ta'aniif yeroon isaan dabalataan hojjetan hin kaffalamneef.

Tarkaanfiin kun lammiilee Ispeen tamboo xuuxan miiliyoona 10 ta'an irratti dhiibbaa uumuu danda'a.

Biyyoota Awurooppaa keessaa Ispeen hojjettoota sa'atii dheeraa hojjisiisuudhaan beekamti. Bara 2018 keessa sa'atii 1,701 hojjechiiste.