Afriikaa Kibbaa: Omishitoonni albuudaa 'dhagaan tumamuun' ajjefaman

Madda suuraa, AFP
Afriikaa Kibbaa Lixa bulchiinsa Johaansibargi jalatti argamtu tokkotti namoonni karaa seeraan alaatiin albuudaa oomishaa turan sagal dhagaadhaan tumamanii ajjeefamuun barame.
Poolisiin biyyattiis namoota lixa magaalaa Johaansibarjiitti jarreen kanneen dhagaan tumuun ajjeessan to'annoo jala oolchuuf adamsaa jiraaachu beeksiise.
Reeffii namota albuuda oomishaa turanii kunneenis daandiiwwan Maatolevillaa irratti kan argame yoo ta'u, kan biraa garmalee miidhame ammoo gara hospitaalaa geeffamera.
Biyyattii keessatti namoonni seeraan ala oomisha albuudaa irratti hirmaatan kumaatamaan lakkaa'aman kan jiran yoo ta'u maqaa ''zama zama'' jedhamuun beekamu. Kunniin kanneen Zuluu keeessatti carraa isaanii yaalanii jiraataniidha.
Gareewwan morkattoota walii ta'an gidduutti walitti bu'iinsi dhalachuun bakkee kanatti kan baramee ta'u gabaasaaleen ni mul'isu.
Haleellaan Jimaataa kunis erga polisiin naannicha sakatta'een booda saaatiiwwan 24 keessatti kan mudhateedha.
Poolisiin namoota 87 gaaffiidhaaf to'annaa jala kan oolche yoo ta'u, garuu ammas odeeffaannoo dabalataa barbaadu.
''Haleellaa sukkanneessaa kan ni balaaleeffana, jiraattoonni Maatolevilaa fi Ruudepurasti nagaan akka itti dhagahamuuf dhagaawwan darbatan tokkolleen osoo hindeebinee akka hinhafen taasisuuf cimnee ni hojjanna,'' jedheera Komishinarri bulchiinsa Gutengi Letanaa Janaraal Eliyaas Maawelaa ibsa kenneen.
''Shakkamtoonni hanga danda'ameetti atattamaan ni to'atamu. Poolisoonnis hanga argannuutti kan cisanii miti,'' jedhan.
Ittigaafatamaan poolisii kun polisoonni Johaansibargi kan damee biraa irraa adamsa kanarratti akka isaan waliin hojjataniif gaafachu himaniiru.

Madda suuraa, EPA
Afriikaa Kibbaa biyyoota addunyaa jeequmsi keessatti baayyatu keeessaa tokko. Akka odeeffannoo motummaattiguyyaan yoo xinnaatee ajjeechaan 58 galmaa'eera bara darbee keessa.













