Awustiraaliyaa: Mucaan waggaa 3 fi sareen lolaan fudhataman lubbun argaman

Mucaan baddee argamtee fi sareen maatii isaanii waliin

Madda suuraa, Western Australia police

Ibsa waa'ee suuraa, Mucaan baddee argamtee fi sareen maatii isaanii waliin

Biyya Awustiraaliyaatti bakka Pilbaaraa jedhamu keessatti lolaa haamaa naannicha mudateen badanii kan turan daa'imtii waggaa sadiifi sareen sa'aatii 24 booda nagaadhaa argaman.

Mucaan tunis guyyaa Roobii ture mana warra isheetii kan baddee turte. Amma garuu mana irraa fageenya km 3.5 irratti lubbuun argamtee jirti.

Isheefi sareen lolaa rooba hamaan umameen bakka argamanitti qabamuu hima poolisiin biyyattii.

Baduu mucaatiin wal qabatee barbaachi helekoptaraan gaggeeffamaa ture.

Garuu guyyaa Kamisaa sa'aa booda hilikooptara irraa bakki jirtu argamuu danda'ame.

Polisootaafi garee baraartootaa barbaacha irratti hirmaatan

Madda suuraa, Western Australia Police Force

Qondaaltoonni barbaacharra turan wayita mucattii arganittis dhoqeen laaqamuun alatti fayyaashee turte jedhame.

Sareen ishee ammoo ishee bira taa'uun ishee eegaa ture jedha poolisiin.

"Gammachuu keessa Maatildaa fi sareen ishee amma gara maatii isaaniitti deebii'aniiru'' jechuun ture poolisiin naannichaa kan fuula feesbuuk isaa irratti barreesse.

Itti gaafatamaan waajira damee naannichaas warra barbaacha kanarratti hirmaachuun mucattiifi saree ishee eegaa turte argachuu danda'an hunda galateefataniiru.

Awustiraaaliyaatti abiidaan booda amma roobni roomuu eegallaan namoonni dhoqqee keessatti gammachun taphatu

Madda suuraa, Teonie Dwyer via Reuters

Pilbaaraa naannoolee Lixa Awustiraaliiyaa rooba cimaa tibbanaatiin garmale hubaman keessaa tokko. Haalli roobaa kunis lolaafii cufamuu daandiilee umee ture.

Roobni abidda bosoonaarratti dhiibbaa attamii qaba?

Roobni amma roobaa jiru kunis balaa abiddaa baatiin oliif qabeenya barbadeessaa ture haara galfachiiseera.

Baatii Fulbaanaa irraa kaasee sababii abidda bosonaatiin namoonni 28 lubbuu kan dhaban yoo ta'u, qabeenya kumaatamaan lakkaa'aman barbadeesseera.

Hanqinni roobaa abidda bosonaa kan itti cimse ture yoo ta'u, karaa kaaba biyyaattiis haalichi gar malee cimaa ture.

Awustiraaliyaa roobicha gammachuun kan simattee yoo ta'u, keessattuu bakka abidda bosoonaatiin miidhaa qaqqabeef caalaatti gammachuun taheera.

Hojjattoonni abiddaas guyyaa Roobii fi Kamisa erga samiin karra saaqqatteen booda boqataniiru. Abdii abidichi to'annoo jala olfamuu isaaniif kenneeras.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Presentational white space