Ibidda Awustiraaliyaa: Abbaafi ilma dabalatee namoonni torba du'an

Madda suuraa, EPA
Balaa ibiddaa Awustiraaliyaa naannoo Niie Saawuuz Weels jedhamutti Abbaafi ilma manaafi meeshaalee qonnaa ibaddarraa baraaruuti turan dabalatee namoonni torba du'an.
Ibiddi Awustiraaliyaa torbee kana gara qarqara galaanaatti ce'e, manneen 200 ol ta'an barbaadeesseera.
Har'a ibiddichi hanga tokko hir'isee, daandiin sodaa kanarraa kan ka'e cufamees banameera.
Naannoo Niiw Saawuz Weels jedhamutti balaa kanaan lubbuun namoota 7 darbeera. Roobii ganama namootni lama konkolaataa keessattii du'anii argamaniiru.
Abbaa fi Ilmi manaa fi meeshaalee qonnaa isaanii ibiddarraa baraaruuf hafanis ibiddichaan nyaatamaniiru.
Namoota du'an keessa kan biroon ammoo hojjetaa ittisa ibiddaa sababa qilleensi kallattii isaa jijjiireen ibiddan fudhaatameedha.
Kun kanneen guyyoota lamaan darbanii yoo ta'u tibbana erga balaan kun hammaatee lakkoofsi balaa kanaan walqabatee lubbuu isaanii dhabanii 18 gaheera.
Ibiddi kun ammallee to'annoo jala kan hin galle ta'uu isaatiin lakkoofsi namoota du'anii dabaluu malaa jedhama.
Ibiddi daggalaa kun erga ka'ee manneen 916 manca'aniiru, 8,159 kan ta'an ammoo baraaramaniiru.

Madda suuraa, Victoria Police
Viktooriyaa, bakka qarqaraa galaanaa namootni hedduun itti baqatanitti poolisoonni bishaan dhugaatii, nyaataafi meeshaalee waldhaansa arjoomaniiru.
O'i dabaluun sababa ibidda dagalaa kana kaase keessaa tokko yoo ta'u sanbata dhufuutti o'i kun dabaluu mala jedhameera.
Hojjettootni ittisa ibiddaa nannoolee qaqqabuuf fagoo ta'anitti namoota baraaruuf rakkachuu isaanii beeksisaniiru.














