Elshaadaay Geetinnat: Kaampii baqattootaa Dadaabirraa hanga Yunivarsitii Meelbornitti

Eelshaadaay Geetinnat

Madda suuraa, Eelshaadaay Geetinnat

Eelshaadaay Geetinnat jedhama. Keenyaa kaampii baqattootaa keessatti kan dhalate dargagoon kun wayita ammaa Yunivarsiitii Meelboorn keessatti Ilkaan baqaqsanii wal'aanuun barnoota doktireetii barachaa jira.

Kaampii baqattootaa keessatti dhalatee hanga Kaanadaa gahutti bu'aa ba'ii hedduu keessa darbuu hima.

Abbaafi haati isaa dirqama loltummaa mootummaan Dargii itti kenne bahataa osoo jiranii Dargiin kufuuf dhiyaannaan gara Keenyaatti kan baqatan.

Yeroos lamaan isaaniituu umuriin isaanii dargagummaa keessa ture kan jiran. Warri isaa Finfinnee ka'anii daangaa Keenyaa gahuuf guyyoota 23 itti fudhate.

Jalqaba buufata baqattootaa Marsabiit jiru ture kan qubatan. Erga mootummaan Dargii kufeen booda biyyatti akka deebi'an gaafatamanillee hin feene.

Qonnaan bulaa horii isaa gara magaalaa Naayiroobii geessuuf qophiirra jiruuf maallaqa kafalanii horii waliin gara Naayiroobii imalan.

Naayiroobii erga gahanii booda gara kaampii baqattoota daangaa Keenyaa fi Somaaliyaa irratti argamu Dadaab jedhamutti geeffaman. Elshaaday waggaa tokko booda kaampii kana keessatti dhalate.

Yeroo inni dhalatee dawoo sana keessatti daa'imman hedduun busaa fi hanqina nyaataan lubbuu dhabaa akka turan haadha isaarra dhagahuu kan himu Elshaadaay, Waaqni ni danda'a jechuun harmeen isaa maqaa Elshaadaay akka moggaafteef hima.

Dawoo baqattootaa kana keessatti daa'ima guddisuun rakkisaa ta'ullee, hawaasa Somaalee kaampicha keessa heddumminaan jiraatan waliin hariiroo gaariin guddachuu hima.

Afaan Amaaraatti dabalataan Siwaahiilii fi Af-Somaali waggaa afur yeroo ture kan qajeelchee dubbachuu kan eegale.

Elshaadaayiifi maatii isaa

Madda suuraa, Elshaadaayi Geetinat

Ibsa waa'ee suuraa, Elshaadaayiifi maatii isaa

"Haati koo huccuu ishee murtee anaaf uffata naaf tolchaa turte. Abbaan koos miila duwwaa deemee anaaf kophee bitaa ture" jedha.

Ji'atti nyaata kiiloo lama qofatu nuuf kennama kan jedhu Elshaadaay, daa'imman akka hin beelofne hawaasni kaampichaa wal gargaaraa ijoollee guddisuu hima.

Kunis hanga haadholiin daa'imman reefu dhalatan kan nama kaanii harma hoosisuutti ture jedha.

Kaampii sana keessatti mana jireenyaa argachuun salphaa hin turre. Maatiin isaa mana xiqqoo wayii keessa jiraachaa turan.

"Abbaan koo loltuu waan tureef, akkan jabaadhuufi harka akka hin kennine na gorsaa ture" jedha.

Dabalataan seenaa Itoophiyaa fi gootummaa moototaa fi qondaalota isaanii itti himaa akka guddises ni dubbata.

Elshaadaayiifi maatii isaa

Madda suuraa, Elshaadaayi Geetinat

Ibsa waa'ee suuraa, Elshaadaayiifi maatii isaa

Imala gara Kaanadaa

Dadaab keessa waggoota shaniif erga turanii booda gara Kaanadaa deemuuf hiree argatan.

Kaanadaa erga gahanii booda waggaa tokkoof kutaa biyyaa Noovaa Iskooshiyaa magaalaa Haalifaaks keessa jiraatan.

Booda gara Kaalgarii imaluun jireenya haaraa eegalan.

"Akkuma baqataa kamii garaagarteen aadaa nu mudatullee suuta madaquufi ofitti amanamummaa horachuu eegalle" jedha.

Qabxiin barumsaa isaa gaarii waan tureef yuunivarsiitiin Kaalgarii sagantaa barnoota digirii jalqabaan isa simate.

Turtii isaa yuunivarsiitii waggaa tokkoffaa irratti gaaf tokko hakiimni ilkaanii gara Itoophiyaafi Ruwaandaa deddeebi'ee hojjetu tokko gara Itoophiyaa akka waliin deeman afeereen.

Bara 2012 hakiima kana waliin ta'uun yeroo duraaf gara biyya abbaa isaatti imale.

"Yeroo duraaf gara biyyaa deemullee, akka waan qe'ee kiyyatti deebi'ee ture kan natti dhagaa'ame" jedha.

Haakima sana waliin gara gandaa magaalaa Walisootti dhiyoo jirtu Harbuu Culullee jedhamtuutti imaluun deeggarsaa fi yaala adda addaa kennaa akka turan hima.

Yeroos inni hakiima ta'uu baatullee ijoolleen 'doktar' jedhanii isaa waamuun hamilee akka itti hore dubbata.

Gara Kaanadaa wayita deebi'u waa'ee biyya isa hubannaa argateen 'nama biraa ta'een deebi'e' jedha.

Barnoota isaatti dabalataan hojii lamaa sadi hojjetaa akka ture hima.

Bara darbe iyyati inni Yuunivarsiitii Meelbarn muummee barnoota fayyaa ilkaaniitti galfate fudhatama argatee achitti barnoota eegale.

Iyyati isaa fudhatama argachuu wayita baran, inni ta'e maatiin isaa daran gammachuu hima.

Daree barnoota isaa keessa lammiin Itoophiyaa isa qofa waan ta'eef uffata aadaa uffatee akka daree senuufi namni hedduun akka jaalateef dubbata.

Elshadaay geetinnat

Madda suuraa, Elshadaay Geetinnat

Ibsa waa'ee suuraa, Uffata aadaa uffatee daree barnootaa keessatti

Rakkoon jabaafi wanti abdii nama kutachiisu yoo isa mudatu gootota weerara Xaaliyaaniif harka kennuu didanii dirree waraanaa Aduwaatti duulan yaadachuun akka of jajjabeessu hima.

"Osoo isaan abdii kutaniiru ta'ee silaa yoona biyyi Itophiyaa jedhamtu hin jiraattu turte" jedha.

"Dirreen waraanaa lammilee itoophiyaa ammas Aduwaa osoo hin taane dirree saayinsii, teeknoolojiiti" jedha.

Laammileen baratan biya alaa jiraatan gara biyyaatti fuula naanneffachuu akka qabanis ni gorsa.

Innis battala barnoota isaa xumuretti waan danda'e hunda gochuufi warra kaanis dammaqsuuf akka hojjetu dubbata.

Godaansi waan hundaaf furmaata hin ta'u kan jedhu dargaggoon kun "yoo wal taane rakkoon irra hin aanne hin jiraatu" jedha.