Bara haaraa simachuuf richiitiiwwan dhukaasuun akka hafu gaafatame

Simannaa bara 2018 Siidnii

Madda suuraa, Getty Images

Lammiileen Awustiraaliyaa jala bultii bara haaraa miidhagsanii simachuuf maallaqni richiitiiwwan gatii qaalii bituuf oolan ibidda daggalaa ittisuuf haa ooluu jechuun mallattoo (petition) walitti qabaa jiru.

Xalayaan lammiileen kumoota dhibba hedduu ta'an mallatteessaniiru jedhame kanarratti, simannaa bara haaraa darberratti doolaarri Awustiraaliyaa miiliyoona 5.8 ykn doolaara Ameerikaa miiliyoona 4 ta'u magaala Siidnitti baasii ta'eera jedha.

Gariin namootaa aara hin barbaachifne qilleensa naannoo duraanuu guutee jiruun rakkachaa jiran ittuu miidha jechuun sirni richiitii dhukaasuu kun akka haqamus gaafatmeera.

Sirna simannaa bara haaraa kana mormiin isa mudatus Kantiibaan magaalichaa Kiloover Moor sirnichi akka adeemsifamu beeksisaniiru.

Warreen sirnichi akka haqamu gaafatan kanaaf gadduu ishee kan ibsite Kantibaa Moor, karoorri richiitiiwwan kanaa ji'a 15 dura qabamuufi bajatni kanaaf ramadamees hojiirra ooluu himan.

''Osoodhuma dandeenyeeyyuu sagantaa kana hin haqnu, sababni isaas bu'aan qabatamatti kana gochuun qabu xiqqaadha'' jedhan.

Kanneen xalayaa kana mallatteessuun gaafficha dhiyeessan garuu saganticha gaggeessuun akka arrabsootti ilaalamaa jedhaniiru.

Jala bultii bara haaraatti namoota kumaatamaan lakkaawamantu Riqicha midhagaa qixxalamaan magaalichaa fi Kaaba magaalitti walqunnamsiisu 'Sydney Harbour Bridge' irratti argamuun halkan walakkaa richiitiiwwan gatii qaaliin bara haaraa simatu.

Sirni bakka kanatti raawwatu addunyaarratti sirnoota raawwataman keessaa kan tuuristootni hedduun irratti argamuu hawwan keessaati.

Ji'oota muraasa darban Awustiraaliyaan ho'a guddaa biyyattii keessatti mudatee hin beeknee fi hongee dhalteerraa kan ka'e ibidda bosonaa hedduun itti ka'aniiru.

Kutaa bulchiinsaa Siidniin keessatti argamtu keessatti ibidda 100 dhalatee bosona fixaa jira.

Ibidda kutaalee biyyattii nagaa turanitti ce'aa dhuferraa kan ka'e namootni kumootaan lakkaawaman gara qarqara qaama bishaanitti baqacha daandiin konkolatas cufamanii jiru.

Hanga ammaatti balaa ibiddaa kanaan lubbuun namoota 12 darbeera.