Awustiraaliyaan bala ibiddaaf labsii yeroo muddamaa labsite

Madda suuraa, AFP
Balaa ibiddaa naannoolee Awustiraaliyaa lama kan ummanni baay'innaan keessa jiraatan keessatti dhaqabeen labsiin yeroo muddamaa labsame.
Balaa naannoo Niiw Saawuz Weeles fi Kiwiinsilaanditti dhaqabe kanaan namoonni sadii yoo du'an, namoonni kumaataman lakka'aman immoo haala qilleensaa hamaa guyyoota sadii keessatti mudateen qe'eesaaniirraa buqa'aniiru.
Qondaaltonni gama isaaniitiin magaalaa gudditti biyyatti kan taate Siidiniitti gaafa Kibxataa balaan kanarra caaluu mudachuu akka danda'u himaniiru.
Naannoolee lamaan keessatti ibiddi bosonaa iddoo 120 olittu boba'aa jira.
Niiw Saawuz Weeles keessatti ibiddi hamaan lafa heektaara 970,000 fi manneen 150 barbadeesseera. Kiwiinslaanditti immoo manneen sagal guutumatti barbadeesseera.
"Namni hundu eessallee jiraatu dammaquu qaba akkasumas wanti hamaan kana caaluu mudachuu akka danda'u beekuu qaba" jedhan qondaalli NSW Gilaadiyaas Beerejikiliyaan.
Sodaan jiru maali?
Aanga'oonni balaa ibiddaa NSW balaa waggoota kudhan dura mudateen booda akeekkachiisa balaa ibiddaa yoo kennan kun kan jalqabati.
Balaan guddaan ni mudata jedhameeru naannoolee Siidinii fi kaabaa fi kibba magaalattiitti.

Gaafa kibxataa teempireecharri C37 ta'a jedhamee eeggama. Haali jiru gaafa Jimaataa yeroo ibiddi gama baha biyyattitiin boba'uu jalqabu ni hammata jedhame eeggamaa jira.
Haala amma jiru kanaan ibiddi akka iddoo biratti babal'atuu fi manneen fi lubbuu namootaa hedduurratti balaa akka dhaqabsiisu Tajaajjilli Ibidda Baadiyyaa NSW gabaaseera.
Balaan kunis Kiwiinsilaanditti baay'ee guddaa kan hin taane yoo ta'u aanga'oonni garuu dhuma torbeerratti hammaachuu akka danda'u akeekkachiisaniiru.
Haalli amma jiru maal fakkaata?
Jiraattoonni naannoolee lamaa ammaaf giddu-gala yeroo balaan mudate keessatti tursiifaman keessa yoo jiraatan aanga'oonni garuuu yaada isaan gara qe'eesaanii deebisuun rakkoo akka hin qabatuu jedhuun waxaalamaniiru.
Manneen barnoota dhibbaatamaan laakka'aman gaafa kibxataa guutuu NSW'tti ni cufamu.
Namoonni ibidda dhaamsan Niiw Ziilaandirraa balaa tasaa kana gargaaruuf garas imalaniiru.

Madda suuraa, Reuters

Madda suuraa, EPA
Obbo Mooriisan akka jedhanitti looltoonnis dabalatan namoota ibidda dhaamasan 1,300 ta'an kan naannoolee laman keessan jiran akka gargaaruu danda'an himaniiru.
Jiraattoonni dhibbaataman laakka'amanis naannoolee miidhaman tola ooltummaadhaan gargaaraa jiru.
Namoonni miidhama eenyu fa'a?
Gaafa Jimaataa kaabaa Siidiniitti iddoo Gileen Innees jedhamutti yeroo iddoo barbadaa'e qulqulleessan reeffii balaa kanaan du'e tokko argameera. Innis miidiyaa biyyaatiin Joorjii Noole akka jedhamu beekameera.
Viiviyaan Chaapleeyan ganna 69 yoo taatu magaalaa dhihoo Wiytaliibaa jedhamuttutti ibiddaan baay'ee gubachaa turte. Saffisaan gara hospitaalaa geeffamtus turtii xiqqoo booda duute.
Kaarool Spaarkis kantiibaan Gileen Innees gaafa Dilbataa jiraattoonni akka baay'ee rifatan himteetti.

Madda suuraa, Reuters

Madda suuraa, Reuters
Gaafa Sanbataa poolisiin NSW namni saddaffaan du'uu mirkaneesseera.
Namoonni ibidda dhamsan lama miidhamanis saffisan gara hospitaalaa geeffamanii amma haala gaariirra akka jiran aanga'oonni dubbataniiru.
Jalqaba ji'a kanaarratti balaa ibiddaa lafa keektaara 2,000 ta'u barbadeesseera.
Gogiinsii hoo?
Jeequmsi haala qilleensaa kun garuu gogiinsa yeroo dheeraa ture kana hambisuu hin danda'u ture.
Aanga'oonni naannichaa roobni hin roobu yoo ta'e ibiddi akka itti fuufu danda'u himaniiru.

Madda suuraa, AFP
Jijjiirama qilleensaa waliin walqabataa?
Saayintistoonni akka jedhanitti ibiddi Awustiraaliyaa kun sababa jijjiirama qilleensaatiin babal'achaa jira jedhu.
Barri 2018 fi 2017 yeroo saddaffaa fi afraffaa woggoota ho'aa turamn jedhamanii bara darbe galmeeffamaniiru.












