Teknooloojii: Microsoft gargaarsa 'Windows 7'f godhu erga dhaabee maal gochuu dandeessu?

Namni tokko foddaa 'Window 7' qabattee

Madda suuraa, Oli Scarff

Ogeeyyiin nageenya saayibarii, fayyadamtoonni Windows 7 sirna kompiitarasaanii haaromsuu qabu jedhu.

Dhaabbanni Microsoft tajaajila 'Window 7s'f kennuu Kibxatarraa kaasee dhaabuuf akka ta'eefi "teeknooloojii haaraa" irratti xiyyeeffachuu barbaanna jedheera.

Kanaanis fayyadamtoonni 'Windows 7' kana booda haaromsaalee nageenyaa kompiitaaraa hin argatan jedhan.

Kompitaroota Sirna (Operating System) Windows fayyadaman afur keessaa, tokko Windows 7 fayyadamuu ragaaleen ni mul'isu.

Kana jechuun maal jechuudha?

Namoonni 'Windows 7' fayyadaman yoo rakkinni isaan mudate kana booda Microsoft rakkinnicha hin furu jechuudha.

Haaromsaalee sooftiweeriifi nageenyaatiin alatti kompiitarroonni 'Windows 7' rakkinoota adda addaatiif akka salphaatti saaxilamu.

Daviid Em, qorataan nageenyaa namoonni hamma isaanii danda'ametti saffisaan sirna kompiitarasaanii haaromsuu qabu jedha.

Balaan dhufuu danda'u maal fa'a?

Cabsitoonni kompiitaraa (hackers) kompiitararratti rakkoo geessuuf sooftiweerii beekkamtii hin qabne fayyadamu.

Kunis ragaa nama dhuunfaa hatuu ta'uu danda'aa, namoota biroo beekkamtii isaaniitiin alatti basaasuufi dhaabbilee hamma kaffaltii kaffalanitti tajaajilasaanii adda kutuu fa'a dabalata.

Cabsitoonni kompiitaraa 'Window 7' guutummatti tajaajila hin kennine akka salphaatti cabsuu danda'u. Akkasumas 'Window XP' duraanii kan Maayikiroosooft gargaarsa kennuu dhiiseef akka salphaatti cabsuu danda'u.

Isin hoo kompiitarri keessa sirnisaa 'Windows 7' ta'e qabdu taanaan maal gootu?

Kompiitaroonni 'Windows 7' ta'an hamma Kibxataatti ni tajaajilu achi booda garuu nageenyummaansaanii hir'ataa deema.

Maayikiroosooft namoonni kompiitarasaanii gara 'Windows 10'tti akka jijjiiran akeekkachiisaa jira. Sirni 'Windows 10'nis Birrii 3990 kan gurguramudha.

"Windows 10 waliin gara fuulduraa deemu wayya," jedhe dhaabbatichi. "Akkasumas Windows 10 akka fedha keessanitti tajaajilamuuf immoo kompiitara haaraa qabaachuudha."

Sirni kompiitaraa 'Windows 10' kompiitaroota dullooman irratti fe'uun ni danda'ama, ta'us garuu saffisni isaa gad aanaa ta'uu akka danda'u Maayikiroosooft akeekkachiiseera.

'Windows 10'tti tajaajilamuuf kompiitaroonni dirqama piroosesara GHz1, iddoo qabu GB16fi RAM isaa GB1 ta'uu qabu.

"Windows 10 kompiitara dulloomaarratti fe'uu ni danda'ama ta'us garuu namoonni osoo kompiitara haaraa irratti fe'atanii wayya, " jedha Maayikiroosooft.

Kana jechuun fayyadamtoonni 'Windows 7' kompiitarasaanii iddoo interneetiin hin jirretti fayyadamu yoo ta'e, haaromsuu hin danda'an jechuudha.

Qondaltonni UK maal jedhan?

Qondaltonni UK fayyadmtooni 'Windows 7' Kibxata booda tajaajila baankii karaa interneetiis ta'e imeelii eerguu akka hin qabne dhaamaniiru.

Akkeekkachiifni kunis Giddugala Nageenya Saayibarii Biyyaalessaarra kan darbedha.

"Namoonni kompiitarrisaanii 'Windows 7' ta'e guyyaa Kibxataa booda sirna kompiitarasaanii saffisaan jijjiiru qabu.

Odeeffannoo baay'ee barbaachisoo ta'anis gara kompiitara biraatti fe'uun tajaajila san dhaabuu qabu," jechuun dubbi himaan GNSB BBC'tti himaniiru.

"Imeeliisaanis kompiitara biroorratti fayyadamuu qabu."

Dhaabbileen daldalaa hoo?

Dhaabbilee muraasni hojiin isaanii hedduminnaan 'Windows 7' irratti kan hundaa'eedha.

Dhaabbileen daldala 'Windows 7' itti fufinsaan itti fayyadamuu yookiin haaromsaalee garagaraa Maayikiroosooft irraa argachuu yoo barbaadan Maayikiroosooftiif kaffaltii kaffaluu ni danda'u.

Haaromsi tajaajila nageenya kompiitaraa 'Windows 7' dhaabbilee daldalaatiif hamma bara 2030'tti tajaajiluu ni danda'u.

Kaffaltiin isaas kompiitara tokkoof birrii 750 hamma birrii 6000 yoo ta'u, waggaa waggaatti ni dabala. Kaffaltiin kunis dhaabbilee kompiitara hedduu qabaniif ilaalacha keessa ni gala.

Dhaabbilee daldalaaf yeroo hunda sirna isaanii kan haaraattii jijjiiruun salphaa miti jedhu obbo Fargusan.

"Hojiileen daldalaa muraasni sirna kompiitaraa haaraarratti hojjachuu hin danda'an, yookiin sirnicha haaromsuuf kaffaltiin kaffalamu xiqqaa miti," jedha.

Iddoowwan akka hospitaalaafi warshaa sirna 'Windows 7' akka fedha isaanitti tajaajila kennan qabaachuu danda'u.