Dhukkubsattuun kaansarii baqaqsanii wallaanuurratti ibiddaa gubattee duute

Ogeessota yaalii baqaqsanii hodhuu raawwataa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ogeessonni yaalii baqaqsanii hodhuu, kan suuraarra mul'atan miti, rakkoo fayyaa akka hin finnef alkooliin ergaa dhimma bahanii booda haaduu elektirikaa fayyadaman

Dubartiin lammii Romaaniyaa baqaqsanii yaaliirra turte ibiddaan gubattee duute.

Ogeessonni baqaqsanii wallaanuuf hospitaala Filoreskaa magaalaa guddoo biyyattii Buchaarest keessatti argaman wal'aansa kana taasisuun dura rakkoo fayyaa [infeekshinii] akka hin uumamneef alkoolii fayyadamanii turan.

Baqaqsanii wallaanuun kun gaafa Muddee 22, 2019 kan taasifame yoo ta'u dubartiin umrii 66 taate kun hospitaala sana ciisaa turteetti.

Ergasii booda haaduun ogeessonni ittin qalan kan annisaa elektirikaa qabu ture.

Egaa yeroo kanatti dubartiin teessuma wal'aansa taasifamaafi jiru irratti ibiddaan kan gubatte.

Qaama ishee keessaa hanga 40% kan gubatte yoo ta'u torban tokko booda hospitaala keessatti lubbuun ishee dabarte.

Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti du'a dhukkubsattuu kana irratti poolisiin qorannoo eegaleera.

Maatiin dubartii duutee miidiyaa Romaaniyaaf akka himanitti wanti isaanitti himame ''balaa'' ta'u isaati malee waan sirriitti dhalate quba hin qaban.

''Wantoota TV irratti gabaafamanirraa waan dhalate hamma tokko barreerra. ''Himachaa hin jirru, waan dhalate hubachuu qofa barbaanna.''

Ministeerri Fayyaa biyyattii Viktoor Kostaach waan ''rifaasisaa'' mudate qorachuuf waadaa seenaniiru.

Ibsa bahe keessatti wanta dhalate kanarraa akka barannu abdii qabna jedhan.

''Aniifi gareen Ministeera Fayyaa ani qindeessu dhugaa jiru baruuf waan danda'ame hunda taasifna,'' jechuun ibsan.

Ministir Di'eetaan Ministeera Fayyaa biyyattii Horaatiyu Moldovaan gama isaaniin ogeessonni yaalii baqaqsanii hodhuu haaduu elektirii qabu yoo fayyadamu ta'e yeroo wal'aansaa rakkoon fayyaa akka hin mudanne qaama dubartii irratti alkoolii fayyadamuu hin qabani ture jedhan.

Biyyoota miseensa Gamtaa Awrooppaa ta'an hunda keessaa biyyi sagantaa fayyaa ishee irratti qarshii xiqqoo baastu Romaaniyaadha.

Biyyattiin lakkoofsa hammeentaa namoota du'anii guddaa ta'e, hanqina ogeessota fayyaafi bu'uraaleen hospitaalotaa hin guddanne qabdi.